Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Oromo Contemporary Version, Proverbs Chapter 14 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/Proverbs/14 1) Dubartiin ogeettiin mana ishee ijaarratti; gowwaan immoo harkuma isheetiin mana ofii diigdi. 2) Namni qajeelummaan jiraatu Waaqayyoon sodaata; kan karaan isaa jalʼaa taʼe garuu isa tuffata. 3) Afaan nama gowwaa dugda isaatti ulee of tuulummaa fida; arrabni ogeeyyii garuu isaan eega. 4) Yoo qotiyyoon hin jirre, dallaan duwwaa taʼa; garuu humna qotiyyoo tokkootiin midhaan baayʼeen argama. 5) Dhuga baatuun amanamaan hin sobu; dhuga baatuun sobaa immoo dhara of keessaa gad naqa. 6) Qoostuun namaa ogummaa barbaadee hin argatu; nama waa hubatuuf garuu beekumsi dadhabbii malee dhufa. 7) Ati nama gowwaa irraa fagaadhu; arraba isaa irraa beekumsa hin argattuutii. 8) Ogummaan hubattootaa akka isaan karaa isaanii beekan isaan godha; gowwummaan gowwootaa garuu karaa irraa isaan balleessa. 9) Gowwoonni cubbuutti qoosu; qajeeltota gidduutti garuu hawwii gaariitu argama. 10) Garaan gadda ofii isaa ni beeka; namni biraa tokko iyyuu gammachuu isaa irraa hin qooddatu. 11) Manni nama hamaa ni bada; dunkaanni nama qajeelaa immoo ni daraara. 12) Karaan qajeelaa namatti fakkaatu tokko jira; dhuma irratti garuu duʼatti nama geessa. 13) Kolfa keessatti iyyuu garaan nama dhukkubuu dandaʼa; gammachuunis gaddaan dhumuu dandaʼa. 14) Namni hin amanamne gatii karaa isaa, namni gaariin immoo gatii hojii isaa argata. 15) Namni homaa hin beekne waan hunda amana; namni qalbii qabu garuu tarkaanfii isaa ilaallata. 16) Namni ogeessi of eeggata; waan hamaa irraas ni deebiʼa; gowwaan garuu waan hundatti jarjara; of illee hin eeggatu. 17) Namni dafee aaru gowwummaa hojjeta; namni daba hojjetu garuu ni jibbama. 18) Namni homaa hin beekne gowwummaa dhaala; qalbeeffataan garuu beekumsa gonfata. 19) Namoonni hamoon fuula namoota gaarii duratti, jalʼoonnis karra qajeeltotaa duratti sagadu. 20) Hiyyeeyyii olloonni isaanii iyyuu ni jibbu; sooreyyiin immoo michoota hedduu qabu. 21) Namni ollaa isaa tuffatu cubbuu hojjeta; kan rakkataaf garaa laafu garuu eebbifamaa dha. 22) Namni hammina yaadu karaa irraa hin baduu? Warri waan gaarii karoorsan garuu jaalalaa fi amanamummaa argatu. 23) Jabaatanii hojjechuun hundi buʼaa buusa; oduun faayidaa hin qabne garuu hiyyummaa qofa fida. 24) Gonfoon ogeeyyii qabeenya isaanii ti; gowwummaan gowwootaa garuu gowwummaa dhala. 25) Dhuga baatuun dhugaa lubbuu baraara; dhuga baatuun sobaa immoo soba dubbata. 26) Namni Waaqayyoon sodaatu daʼannoo jabaa qaba; ijoolleen isaas daʼoo argatu. 27) Waaqayyoon sodaachuun burqaa jireenyaa ti; kiyyoo duʼaa irraas nama deebisa. 28) Ulfinni mootii tokkoo baayʼina uummata isaa ti; yoo uummanni hin jirre garuu ilmi mootiis ni bada. 29) Namni obsa qabu hubannaa guddaa qaba; kan dafee aaru garuu gowwummaa mulʼisa. 30) Garaan nagaa qabu dhagnaaf jireenya kenna; hinaaffaan garuu lafee tortorsa. 31) Namni hiyyeessa cunqursu kan isa Uume tuffata; namni hiyyeessaaf garaa laafu immoo Waaqa kabaja. 32) Hamoonni jalʼinuma isaaniitiin badu; qajeeltonni garuu duʼa keessatti illee amanamummaa isaaniitiin daʼannoo argatu. 33) Ogummaan qalbii nama waa hubatuu keessa jirti; garaa gowwootaa keessatti garuu hin beekamtu. 34) Qajeelummaan saba ol guddisa; cubbuun garuu saba kamiif iyyuu salphina. 35) Mootiin tajaajilaa ogeessatti ni gammada; kan isa qaanessutti garuu ni dheekkama. Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!