< Naahoom 2 >

1 Yaa Nanawwee, namni si lolu sitti dhufeera. Daʼoo eeggadhu; karaa ilaalladhu. Mudhii kee hidhadhu; humna kee hunda walitti qabadhu!
עלה מפיץ על פניך נצור מצורה צפה דרך חזק מתנים אמץ כח מאד
2 Yoo balleessitoonni isaan onsanii mukkeen wayinii isaanii barbadeessan iyyuu, Waaqayyo akkuma ulfina Israaʼel deebise sana ulfina Yaaqoobis iddootti ni deebisa.
כי שב יהוה את גאון יעקב כגאון ישראל כי בקקום בקקים וזמריהם שחתו
3 Gaachanawwan loltoota isaa diddiimoo dha; gootonnis uffata bildiimaa uffataniiru. Guyyaa isaan itti qopheeffaman sana, sibiilli gaarii lolaa irra jiru ni calaqqisa; eeboon gaattiraa isaaniis ni mirmirfama.
מגן גבריהו מאדם אנשי חיל מתלעים באש פלדת הרכב ביום הכינו והברשים הרעלו
4 Gaariiwwan lolaa karaa irra dadarbatamu; oobdiiwwan keessas asii fi achi gulufu. Isaan guca bobaʼu fakkaatu; akkuma bakakkaas ni darbatamu.
בחוצות יתהוללו הרכב ישתקשקון ברחבות מראיהן כלפידים--כברקים ירוצצו
5 Inni gootota isaa ni yaadata; isaan garuu karaatti gufatu. Isaan gara dallaa magaalattiitti ariifatu; daʼoonis qopheeffameefii jira.
יזכר אדיריו--יכשלו בהלכותם (בהליכתם) ימהרו חומתה והכן הסכך
6 Balballi lageenii banamaa dha; masaraan mootummaas ni jiga.
שערי הנהרות נפתחו וההיכל נמוג
7 Magaalattiin qullaatti hambaa akka boojiʼamtu murteeffameera. Xomboreewwan ishee qoma isaanii rurrukutanii akka gugee booʼu.
והצב גלתה העלתה ואמהתיה מנהגות כקול יונים מתפפת על לבבהן
8 Nanawween akkuma haroo ti; bishaan ishees keessaa yaaʼee dhuma. Isaanis, “Dhaabadhaa! Dhaabadhaa!” jedhanii iyyu; garuu namni tokko iyyuu dugda duubatti hin deebiʼu.
ונינוה כברכת מים מימי היא והמה נסים עמדו עמדו ואין מפנה
9 Meetii saamaa! Warqee saamaa! Maddi ishee, badhaadhummaan kuusaa qabeenya ishee hundaas dhuma hin qabu!
בזו כסף בזו זהב ואין קצה לתכונה--כבד מכל כלי חמדה
10 Isheen duwwaa, qullaa fi ona taateerti! Lapheen baqeera; jilbi laafeera; dhagni hollateera; fuulli hundis gurraachaʼeera.
בוקה ומבוקה ומבלקה ולב נמס ופק ברכים וחלחלה בכל מתנים ופני כלם קבצו פארור
11 Holqi leencotaa, iddoon isaan itti ilmaan isaanii sooran, iddoon leenci kormaa fi dhalaan keessa yaaʼan, saafelli isaanis sodaa malee nagaadhaan jiraatan eessa?
איה מעון אריות ומרעה הוא לכפרים--אשר הלך אריה לביא שם גור אריה ואין מחריד
12 Leenci waan ilmaan isaatiif gaʼu ajjeefate; leenca dhalaa isaatiifis waa hudhee ajjeese; boolla isaa waan adamseen, holqa isaa immoo gumaa fooniitiin guuttate.
אריה טרף בדי גרותיו ומחנק ללבאתיו וימלא טרף חריו ומענתיו טרפה
13 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Ani sitti kaʼeera; ani gaariiwwan kee kanneen waraanaa gubee daaraa nan godha; goraadeen leenca kee saafela ni fixa. Ani waan ati adamsattu tokko illee lafa irratti siif hin hambisu. Sagaleen ergamoota keetii lammata hin dhagaʼamu.”
הנני אליך נאם יהוה צבאות והבערתי בעשן רכבה וכפיריך תאכל חרב והכרתי מארץ טרפך ולא ישמע עוד קול מלאככה

< Naahoom 2 >