Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Oromo Contemporary Version, Nahum Chapter 2 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/Nahum/2 1) Yaa Nanawwee, namni si lolu sitti dhufeera. Daʼoo eeggadhu; karaa ilaalladhu. Mudhii kee hidhadhu; humna kee hunda walitti qabadhu! 2) Yoo balleessitoonni isaan onsanii mukkeen wayinii isaanii barbadeessan iyyuu, Waaqayyo akkuma ulfina Israaʼel deebise sana ulfina Yaaqoobis iddootti ni deebisa. 3) Gaachanawwan loltoota isaa diddiimoo dha; gootonnis uffata bildiimaa uffataniiru. Guyyaa isaan itti qopheeffaman sana, sibiilli gaarii lolaa irra jiru ni calaqqisa; eeboon gaattiraa isaaniis ni mirmirfama. 4) Gaariiwwan lolaa karaa irra dadarbatamu; oobdiiwwan keessas asii fi achi gulufu. Isaan guca bobaʼu fakkaatu; akkuma bakakkaas ni darbatamu. 5) Inni gootota isaa ni yaadata; isaan garuu karaatti gufatu. Isaan gara dallaa magaalattiitti ariifatu; daʼoonis qopheeffameefii jira. 6) Balballi lageenii banamaa dha; masaraan mootummaas ni jiga. 7) Magaalattiin qullaatti hambaa akka boojiʼamtu murteeffameera. Xomboreewwan ishee qoma isaanii rurrukutanii akka gugee booʼu. 8) Nanawween akkuma haroo ti; bishaan ishees keessaa yaaʼee dhuma. Isaanis, “Dhaabadhaa! Dhaabadhaa!” jedhanii iyyu; garuu namni tokko iyyuu dugda duubatti hin deebiʼu. 9) Meetii saamaa! Warqee saamaa! Maddi ishee, badhaadhummaan kuusaa qabeenya ishee hundaas dhuma hin qabu! 10) Isheen duwwaa, qullaa fi ona taateerti! Lapheen baqeera; jilbi laafeera; dhagni hollateera; fuulli hundis gurraachaʼeera. 11) Holqi leencotaa, iddoon isaan itti ilmaan isaanii sooran, iddoon leenci kormaa fi dhalaan keessa yaaʼan, saafelli isaanis sodaa malee nagaadhaan jiraatan eessa? 12) Leenci waan ilmaan isaatiif gaʼu ajjeefate; leenca dhalaa isaatiifis waa hudhee ajjeese; boolla isaa waan adamseen, holqa isaa immoo gumaa fooniitiin guuttate. 13) Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Ani sitti kaʼeera; ani gaariiwwan kee kanneen waraanaa gubee daaraa nan godha; goraadeen leenca kee saafela ni fixa. Ani waan ati adamsattu tokko illee lafa irratti siif hin hambisu. Sagaleen ergamoota keetii lammata hin dhagaʼamu.” Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!