< Luqaas 23 >
1 Ergasii yaaʼiin sun guutuun kaʼee Yesuusin gara Phiilaaxoositti geesse.
The whole company of them rose up and brought him before Pilate.
2 Isaanis, “Nu utuu namichi kun saba keenya karaa irraa jalʼisuu, utuu inni akka Gibirri Qeesaariif hin baafamne godhuu, akkasumas utuu inni akka mataan isaa Kiristoos mooticha taʼe dubbatuu argineerra” jedhanii isa himachuu jalqaban.
They began to accuse him, saying, "We found this man subverting our nation, forbidding paying taxes to Caesar, and saying that he himself is the Christ, a king."
3 Kanaafuu Phiilaaxoos, “Ati mootii Yihuudootaatii?” jedhee Yesuusin gaafate. Yesuus immoo, “Atuu jette kaa!” jedhee deebise.
Pilate asked him, "Are you the King of the Jews?" He answered him, "You say so."
4 Phiilaaxoosis luboota hangafootaa fi tuuta namootaatiin, “Ani namicha kana irratti yakka tokko illee hin arganne” jedhe.
Pilate said to the chief priests and the crowds, "I find no basis for a charge against this man."
5 Isaan garuu ittuma caalchisanii, “Inni Galiilaa irraa jalqabee Yihuudaa hunda keessatti barsiisa isaatiin saba jeeqaa hamma asiitti illee dhufeera” jedhan.
But they insisted, saying, "He stirs up the people, teaching throughout all Judea, beginning from Galilee even to this place."
6 Phiilaaxoosis yommuu waan kana dhagaʼetti, “Namichi kun nama Galiilaatii?” jedhee gaafate.
But when Pilate heard it, he asked if the man was a Galilean.
7 Innis yommuu akka Yesuus nama kutaa Heroodis bulchuu taʼe beeketti Heroodisitti isa erge; Heroodisis yeroo sana Yerusaalem keessa ture.
When he found out that he was in Herod's jurisdiction, he sent him to Herod, who was also in Jerusalem during those days.
8 Heroodis yommuu Yesuusin argetti akka malee gammade; inni sababii waaʼee Yesuus dhagaʼaa fi hojii dinqii kan inni hojjetu tokko tokko akka arguu abdachaa tureef yeroo dheeraaf isa arguu barbaadaa ture.
Now when Herod saw Jesus, he was exceedingly glad, for he had wanted to see him for a long time, because he had heard about him. He hoped to see some miracle done by him.
9 Innis Gaaffii baayʼee isa gaafate; Yesuus garuu deebii tokko illee hin kennineef.
He questioned him with many words, but he gave no answers.
10 Luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa achi dhadhaabatanii cimsanii isa himachaa turan.
The chief priests and the scribes stood, vehemently accusing him.
11 Heroodisii fi loltoonni isaa isa tuffatan; isatti qoosanis. Isaanis uffata miidhagaa isatti uffisanii deebisanii Phiilaaxoositti isa ergan.
Herod with his soldiers treated him with contempt and mocked him. Dressing him in luxurious clothing, they sent him back to Pilate.
12 Guyyuma sana Heroodisii fi Phiilaaxoos walitti michooman; isaan duraan diina walii turaniitii.
Herod and Pilate became friends with each other that very day, for before that they were enemies with each other.
13 Phiilaaxoosis luboota hangafoota, bulchitootaa fi saba walitti waamee,
Pilate called together the chief priests and the rulers and the people,
14 akkana isaaniin jedhe; “Isin namichi kun, ‘karaa irraa saba jalʼisa’ jettanii isa natti fiddan; anis fuuluma keessan duratti isa qoree akka inni waan isin ittiin isa himattan sana keessaa tokko illee hojjete hin argine.
and said to them, "You brought this man to me as one that subverts the people, and see, I have examined him before you, and found no basis for a charge against this man concerning those things of which you accuse him.
15 Heroodisis waan tokko illee isa irratti hin argine; inni deebisee isa nutti ergeeraatii. Akkuma isin argitan kana namichi kun waan duʼaan isa gaʼu tokko illee hin hojjenne.
Neither has Herod, for he sent him back to us, and see, nothing worthy of death has been done by him.
16 Kanaafuu ani namicha kana adabeen gad isa dhiisa.” [
I will therefore chastise him and release him."
17 Phiilaaxoosis guyyaa ayyaanaatiin nama tokko mana hidhaatii gad isaanii dhiisuun dirqama ture.]
(Now he had to release one prisoner to them at the feast.)
18 Isaan garuu sagalee tokkoon iyyanii, “Namicha kana balleessi! Barabbaasin gad nuu dhiisi!” jedhan.
But they all shouted out together, saying, "Away with this man. Release to us Barabbas"
19 Barabbaas sababii fincila magaalaa keessatti kaʼeetii fi ajjeechaa namaatiin mana hidhaa keessa buufamee ture.
(one who was thrown into prison for a certain revolt in the city, and for murder.)
20 Phiilaaxoosis Yesuusin gad dhiisuu barbaadee amma illee isaanitti dubbate.
Then Pilate spoke to them again, wanting to release Jesus,
21 Isaan garuu, “Isa fannisi! Isa fannisi!” jedhanii iyyaa turan.
but they shouted, saying, "Crucify. Crucify him."
22 Innis yeroo sadaffaa, “Maaliif? Namichi kun yakka maalii hojjete? Ani yakka duʼaan isa gaʼu isa irratti hin arganne. Kanaafuu ani isa adabeen gad isa dhiisa” isaaniin jedhe.
He said to them the third time, "Why? What evil has this man done? I have found no capital crime in him. I will therefore chastise him and release him."
23 Isaan garuu akka inni fannifamuuf sagalee guddaadhaan ittuma cichanii gaafatan; iyyi isaaniis ittuma jabaate.
But they were urgent with loud voices, asking that he might be crucified. And their voices, and those of the chief priests, prevailed.
24 Kanaaf Phiilaaxoos waan isaan kadhatan sana isaaniif kennuu murteesse.
Pilate decreed that what they asked for should be done.
25 Innis namicha sababii fincilaatii fi sababii ajjeechaa namaatiin mana hidhaa keessa buufame kan isaan akka inni hiikamuuf kadhatan sana gad dhiise; Yesuusin immoo dabarsee fedhii isaaniitti kenne.
He released him who had been thrown into prison for insurrection and murder, for whom they asked, but he delivered Jesus up to their will.
26 Isaanis utuu Yesuusin geessaa jiranuu Simoon namicha Qareenaa tokko utuu inni baadiyyaadhaa dhufaa jiruu qaban; fannoo sanas isa irra kaaʼanii akka inni baatee Yesuus duubaan deemu isa dirqisiisan.
When they led him away, they grabbed one Simon of Cyrene, coming from the country, and placed on him the cross, to carry it after Jesus.
27 Namoonni baayʼeen, dubartoota keessaas warri isaaf gaddaa fi booʼaa turan isa duukaa buʼan.
A large crowd of the people followed him, including women who also mourned and lamented him.
28 Yesuusis isaanitti garagalee akkana jedhe; “Yaa durboota Yerusaalem, ofii keessanii fi ijoollee keessaniif booʼaa malee naaf hin booʼinaa.
But Jesus, turning to them, said, "Daughters of Jerusalem, do not weep for me, but weep for yourselves and for your children.
29 Kunoo guyyoonni itti namoonni, ‘dubartoonni dhabdoonni, garaan takkumaa ulfa hin baatinii fi harmi takkumaa hin hoosisin eebbifamoo dha’ jedhan ni dhufuutii.
For look, the days are coming in which they will say, 'Blessed are the barren, the wombs that never bore, and the breasts that never nursed.'
30 Yeroo sana, “‘Namoonni gaarraniin, “Nurratti jigaa!” tulluuwwaniin immoo, “Nu dhoksaa!”ni jedhu.’
Then they will begin to say to the mountains, 'Fall on us,' and to the hills, 'Cover us.'
31 Isaan erga muka jiidhaa akkana godhanii muka gogaa immoo akkam haa godhan?”
For if they do these things in the green tree, what will be done in the dry?"
32 Namoonni biraa kanneen yakkitoota turan lamas isa wajjin ajjeefamuuf geeffaman.
There were also others, two criminals, led with him to be put to death.
33 Yommuu iddoo Buqqee Mataa jedhamu gaʼanitti achitti isa fannisan; yakkitoota sanas, isa tokko mirga isaatiin, kaan immoo bitaa isaatiin fannisan.
When they came to the place that is called The Skull, they crucified him there with the criminals, one on the right and the other on the left.
34 Yesuusis, “Yaa Abbaa, isaan waan hojjetan hin beekaniitii isaaniif dhiisi” jedhe. Isaanis ixaa buufatanii uffata isaa gargar qooddatan.
And Jesus said, "Father, forgive them, for they do not know what they are doing." Dividing his garments among them, they cast lots.
35 Namoonnis achi dhadhaabatanii ilaalaa turan; bulchitoonni garuu, “Inni warra kaan oolcheera. Inni yoo dhuguma Kiristoos Waaqaa isa Filatamaa sana taʼe mee of haa oolchuu!” jedhanii isatti qoosan.
The people stood watching. The rulers also scoffed at him, saying, "He saved others. Let him save himself, if this is the Christ of God, his Chosen One."
36 Loltoonnis isatti dhiʼaatanii itti qoosaa daadhii wayinii dhangaggaaʼaa kennaniifii,
The soldiers also mocked him, coming to him and offering him vinegar,
37 “Ati yoo mootii Yihuudootaa taate mee of oolchi” jedhan.
and saying, "If you are the King of the Jews, save yourself."
38 Katabbiin, Kun Mooticha Yihuudootaa ti, jedhu tokkos mataa isaatii ol ture.
An inscription was also written above him: "THIS IS THE KING OF THE JEWS."
39 Yakkitoota achitti fannifaman keessaa tokko, “Ati Kiristoos mitii? Mee of oolchi; nu illee oolchi!” jedhee isa arrabse.
One of the criminals who hung there insulted him, saying, "Are you not the Christ? Save yourself and us."
40 Yakkituun kaan garuu akkana jedhee isa ifate; “Atis waan murtii wal fakkaatu jala jirtuuf, Waaqa illee hin sodaattuu?
But the other answered, and rebuking him said, "Do you not even fear God, seeing you are under the same condemnation?
41 Nu adabbii sirrii adabamaa jirra; gatii hojii keenyaaf malu argachaa jirraatii. Namichi kun garuu yakka tokko illee hin hojjenne.”
And we indeed justly, for we receive the due reward for our deeds; but this man has done nothing wrong."
42 Yesuusiinis, “Yaa Yesuus, yeroo mootummaa keetiin dhuftutti na yaadadhu” jedhe.
And he said, "Jesus, remember me when you come into your Kingdom."
43 Yesuusis deebisee, “Ani dhuguman sitti hima; ati harʼa na wajjin jannatatti ni galta” jedheen.
And he said to him, "Assuredly I tell you, today you will be with me in Paradise."
44 Yeroon sun gara saʼaatii jaʼaa ture; hamma saʼaatii sagaliitti dukkanni lafa hunda irra buʼe;
And it was now about noon, and darkness came over the whole land until three in the afternoon,
45 aduun ifa dhowwatteetii. Golgaan mana qulqullummaas iddoo lamatti ni tarsaʼe.
for the sun's light failed. And the veil of the temple was torn in two.
46 Yesuusis sagalee guddaadhaan iyyee, “Yaa Abbaa, ani hafuura koo dabarsee harka keettin kennadha” jedhe. Kana jedhees hafuura dhumaa baafate.
And Jesus, crying with a loud voice, said, "Father, into your hands I commit my spirit." Having said this, he breathed his last.
47 Ajajaan dhibbaa sunis yommuu waan taʼe sana argetti Waaqaaf ulfina kennee, “Dhugumaanuu namichi kun nama qajeelaa ture” jedhe.
When the centurion saw what was done, he glorified God, saying, "Certainly this was a righteous man."
48 Namoonni waan kana ilaaluuf iddoo sanatti walitti qabaman hundi yommuu waan taʼe sana arganitti qoma isaanii rurrukutaa achii deeman.
All the crowds that came together to see this, when they saw the things that were done, returned home beating their breasts.
49 Warri isa beekan hundi, dubartoonni Galiilaadhaa isa duukaa buʼanis fagoo dhaabatanii waan kana ilaalaa turan.
All his acquaintances, and the women who followed with him from Galilee, stood at a distance, watching these things.
50 Kunoo namicha miseensa waldaa Yihuudootaa kan Yoosef jedhamu tokkotu ture; inni nama gaarii fi qajeelaa ture;
And look, a man named Joseph, who was a member of the council, a good and righteous man
51 innis murtii fi hojii isaanii irratti jaraan walii hin galle. Yoosef magaalaa Yihuudaa kan Armaatiyaa jedhamtuu dhufe; innis mootummaa Waaqaa eeggachaa ture.
(he had not consented to their counsel and deed), from Arimathea, a city of the Judeans, who was also waiting for the Kingdom of God:
52 Namichi kun gara Phiilaaxoos dhaqee reeffa Yesuus kadhate.
this man went to Pilate, and asked for the body of Jesus.
53 Reeffa sanas gad buusee huccuu quncee talbaa irraa hojjetameen kafanee awwaala garaa kattaa keessatti qotame kan namni tokko iyyuu duraan itti hin awwaalamin tokko keessa kaaʼe.
He took it down, and wrapped it in a linen cloth, and placed him in a tomb that was cut in stone, where no one had ever been placed.
54 Guyyaan sun Guyyaa qophii ture; Sanbannis seenuu gaʼeera.
It was the day of the Preparation, and the Sabbath was drawing near.
55 Dubartoonni Yesuus wajjin Galiilaadhaa dhufanis Yoosef duukaa buʼanii awwaala sanaa fi akka itti reeffi Yesuus awwaala keessa kaaʼame argan.
The women, who had come with him out of Galilee, followed after, and saw the tomb, and how his body was placed.
56 Achii deebiʼaniis qayyaa fi shittoo qopheessan. Guyyaa Sanbataa garuu seeraaf ajajamuuf jedhanii boqotan.
They returned, and prepared spices and ointments. On the Sabbath they rested according to the commandment.