< Abbootii Murtii 20 >

1 Israaʼeloonni Daanii hamma Bersheebaatti argaman akkasumas kanneen biyya Giliʼaad keessa jiraatan hundi akka nama tokkootti baʼanii iddoo Miisphaa jedhamutti fuula Waaqayyoo duratti walitti qabaman.
All the Israelites from Dan to Beersheba, including the land of Gilead, went and gathered at Mizpah before the Lord. The assembly was united in purpose.
2 Hooggantoonni namoota gosoota Israaʼel hundi wal gaʼii saba Waaqaa irratti argaman; loltoonni kuma dhibba afur goraadee hidhatanii turan.
The leaders of all the people of every Israelite tribe took their assigned positions in the assembled army of God's people, four hundred thousand soldiers armed with swords.
3 Namoonni gosa Beniyaam akka Israaʼeloonni gara Miisphaatti ol baʼan dhagaʼan. Namoonni Israaʼelis, “Mee akka wanni hamaan kun itti hojjetame nutti himaa” jedhan.
The tribe of Benjamin found out that the Israelites had assembled at Mizpah. The Israelites asked, “Tell us, how could such an evil act have happened?”
4 Lewwichi dhirsi dubartii ajjeefamte sanaas akkana jedhee deebise; “Anii fi saajjatoon koo achi buluuf biyya Beniyaam Gibeʼaa dhufne.
The Levite, the husband of the woman who had been murdered, explained, “I and my concubine came to spend the night at the town of Gibeah in the territory of Benjamin.
5 Namoonni Gibeʼaas na ajjeesuuf halkan mana ani bule sana marsan. Isaanis saajjatoo koo humnaan gudeedan; isheenis ni duute.
The leaders of Gibeah came to attack me at night. They surrounded the house, intending to kill me. They raped my concubine and she died.
6 Anis reeffa saajjatoo koo fuudhee gargari kukkutee gara biyyoota dhaala gosoota Israaʼel hundaatti erge; isaan Israaʼel keessatti waan jibbisiisaa fi salphisaa akkasii hojjetaniiruutii.
I took my concubine and cut her into pieces, and I sent these pieces of her to every part of the country that had been given to Israel, because those men had done something shameful and disgusting in Israel.
7 Ammas isin Israaʼeloonni hundinuu irratti mariʼadhaatii murtii keessan kennaa.”
So all of you Israelites have to decide here and now what you're going to do about it!”
8 Namoonni hundi akkuma nama tokkootti kaʼanii akkana jedhan; “Nu keessaa namni tokko iyyuu gara mana isaatti hin galu. Nu keessaa namni tokko iyyuu mana isaatti hin deebiʼu.
Everyone stood up and unitedly declared, “None of us are going home to our tents! None of us are going home to our houses!
9 Wanni nu Gibeʼaa goonu garuu kana: Akkuma ixaan nuu baʼetti itti duuluu dha.
This is what we're going to do to Gilboah: we will attack it with our forces chosen by lot.
10 Akka isaan warra duulaniif waan isaan nyaatan fidaniif, gosoota Israaʼel hunda keessaa nama dhibba tokko keessaa nama kudhan, nama kuma tokko keessaa nama dhibba tokko, nama kuma kudhan keessaa nama kuma tokko ni fudhanna. Duulli kunis yeroo Gibeʼaa ishee Beniyaam keessa jirtu sana qaqqabutti waan isaan Israaʼel irratti hojjetan sanaaf adabbii barbaachisaa ni kenna.”
We'll take ten men from a hundred from all the Israelite tribes, then a hundred from a thousand, then a thousand from ten thousand, to arrange food for the army, so when the troops reach Gibeah in Benjamin, they can pay them back for all these disgusting things they've done in Israel.”
11 Kanaafuu namoonni Israaʼel hundi walitti qabamanii akkuma nama tokkootti magaalattiitti duulan.
All the men of Israel were in agreement and gathered to attack the town.
12 Gosoonni Israaʼel gara gosa Beniyaam hundaatti akkana jedhanii nama ergan; “Yakki hamaan gidduu keessanitti hojjetame kun maali?
The Israelite tribes also sent men throughout the territory of Benjamin, asking the people, “What are you doing about this terrible evil that has taken place among you?
13 Ammas akka nu isaan barbadeessinee Israaʼel keessaa hammina balleessinuuf namoota Gibeʼaa hamoo sana dabarsaa nutti kennaa.” Beniyaamonni garuu Israaʼeloota firoota isaanii dhagaʼuu didan.
Hand over these wicked men so we can execute them and get rid of this evil from Israel!” But the Benjamites refused to listen to what their fellow Israelites had to say.
14 Isaanis Israaʼeloota waraanuudhaaf magaalaawwan isaaniitii tokkummaadhaan gara Gibeʼaa dhufan.
They left their towns and assembled at Gibeah to go and fight the other Israelites.
15 Beniyaamonni yeruma tokkotti loltoota filatamoo Gibeʼaa keessa jiraatan dhibba torba irratti namoota goraadee hidhatan kuma digdamii jaʼa magaalaawwan isaaniitii hiriirsan.
That day a total of twenty-six thousand men armed with swords were called up from the towns of Benjamin, in addition to the seven hundred seasoned warriors from Gibeah.
16 Loltoota filatamoo kanneen hunda keessaa dhibba torba bitaachota tokkoon tokkoon isaanii rifeensatti dhagaa furrisanii hin dhabne turan.
Making up part of this army were seven hundred experienced soldiers who used their left hands. All of them could fire a slingshot and not miss by even a hair's breadth.
17 Israaʼeloonni Beniyaamota malee iyyuu namoota goraadee hidhatan kuma dhibba afur qabu turan; kunneen hundinuu gootota turan.
The Israelite army (excluding Benjamin) numbered four hundred thousand seasoned warriors, all armed with swords.
18 Israaʼeloonni Beetʼeelitti ol baʼanii, “Beniyaamota waraanuudhaaf nu keessaa jalqabatti eenyu haa baʼuu?” jedhanii Waaqa gaafatan. Waaqayyos, “Yihuudaan jalqabatti haa baʼu” jedhee deebise.
The Israelites went to Bethel and asked God, “Which ones of us should be the first to go and fight the Benjamites?” “Judah is to go first,” the Lord replied.
19 Ijoolleen Israaʼelis ganamaan kaʼanii Gibeʼaa marsan.
The next morning the Israelites left and set up their camp near Gibeah.
20 Namoonni Israaʼel Beniyaamota waraanuuf baʼanii Gibeʼaatti iddoo iddoo isaanii qabatan.
Then they marched out for battle with the army of Benjamin, taking up their positions to attack Gibeah.
21 Beniyaamonnis Gibeʼaadhaa baʼanii gaafuma sana dirree waraanaa irratti Israaʼeloota kuma digdamii lama fixan.
But the Benjamites came out of Gibeah and slaughtered twenty-two thousand Israelites on the battlefield that day.
22 Namoonni Israaʼel garuu wal jajjabeessanii iddoodhuma gaafa duraa itti hiriiran sanatti iddoo iddoo isaanii qabatan.
But the Israelites encouraged one other to be confident, and they took up the same positions they had on the first day.
23 Israaʼeloonni ol baʼanii hamma galgalaatti fuula Waaqayyoo duratti booʼan. Isaanis, “Nu obboloota keenya Beniyaamota waraanuuf amma illee ol baanuu?” jedhanii Waaqayyoon gaafatan. Waaqayyos, “Itti ol baʼaa” jedhee deebise.
The Israelites went and cried before the Lord until the evening and asked, “Should we go and attack the Benjamites again, our relatives?” “Go and attack them,” the Lord replied.
24 Israaʼeloonni guyyaa lammaffaatti gara Beniyaamotaatti dhiʼaatan.
So the second day they advanced to attack the army of Benjamin.
25 Yeroo kanatti, Beniyaamonni Gibeʼaadhaa itti baʼanii Israaʼeloota goraadee hidhatan kuma kudha saddeet galaafatan.
However, Benjamites came out of Gibeah once more and slaughtered eighteen thousand Israelites, all armed with swords.
26 Ergasii ijoolleen Israaʼel, sabni hundinuu Beetʼeelitti ol baʼanii achitti booʼaa fuula Waaqayyoo dura tataaʼan. Hamma galgalaattis soomanii aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessan.
Then all the Israelites and all their army went to Bethel, and sat crying there before the Lord. That day they fasted until evening and gave burnt offerings and friendship offerings to the Lord.
27 Israaʼeloonnis gorsa Waaqayyoo gaafatan. Bara sana taabonni kakuu Waaqaa achuma ture;
The Israelites asked the Lord what to do. At that time the Ark of God's Agreement was kept there.
28 Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar, ilmi Aroon fuula isaa dura tajaajilaa ture. Isaanis, “Nu amma illee obboloota keenya Beniyaamota waraanuuf haa baanu moo haa dhiifnu?” jedhanii gaafatan. Waaqayyos, “Baʼaa; ani bori isaan dabarsee harka keessanitti kennaatii” jedheen.
Phinehas, son of Eleazar and grandson of Aaron, was the priest. The Israelites asked the Lord, “Should go and we fight again against our relatives from Benjamin, or not?” “Yes, go! Tomorrow I will hand them over to you,” the Lord replied.
29 Kanaafuu Israaʼeloonni naannoo Gibeʼaatti riphan.
Then the Israelites set up an ambush around Gibeah.
30 Isaanis guyyaa sadaffaatti Beniyaamotatti duulanii akkuma duraan godhan sana Gibeʼaa waraanuudhaaf iddoo iddoo isaanii qabatan.
On the third day they took up the same positions they had as before.
31 Beniyaamonnis isaan waraanuuf baʼanii magaalaa sana irraa fagaatan. Akkuma kanaan duraas Israaʼeloota dhaʼuu jalqaban; daandiiwwan Beetʼeeliitii fi Gibeʼaa irrattis namoota Israaʼel gara soddoma ajjeesan.
The Benjamites came out to attack them and were lured away from the town as they began to kill Israelites as they had before. Some thirty Israelites died on the battlefield and along the roads, the one that goes towards Bethel and the other that goes back towards Gibeah.
32 Beniyaamonnis, “Kunoo nu akkuma kanaan duraa isaan moʼachaa jirra” jedhan; Israaʼeloonni immoo, “Kottaa nu gara dugda duubaatti deebinee akka isaan magaalaa keessaa baʼan goonaa” jedhan.
“We're defeating them, just like before,” the Benjamites shouted. But the Israelites said, “Let's run away from them and lure them away from the town towards the roads.”
33 Namoonni Israaʼel hundinuu iddoo turanii kaʼanii Baʼaal Taamaaritti iddoo iddoo isaanii qabatan; waraanni Israaʼel kan riphee eegaa tures karaa lixa Gibeʼaatiin itti baʼe.
The main army of Israelites left where they were and took up positions at Baal-tamar, while those in the ambush west of Gibeah charged out to attack from where they had been hiding.
34 Sana booddees namoonni Israaʼel filatamoon kuma kudhan Gibeʼaa irratti waraana banan. Waraanni sunis akka malee cimaa ture; Beniyaamonni garuu akka badiin isaanitti dhiʼaatee jiru hin beekne ture.
Ten thousand seasoned Israelite warriors attacked Gibeah, and the fighting was so intense the Benjamites didn't realize they were on the brink of disaster.
35 Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duratti Beniyaamota dhaʼe; Israaʼeloonni gaafas Beniyaamota 25,100 kanneen hundi isaanii goraadee hidhatan fixan.
So the Lord defeated Benjamin before Israel. That day the Israelites killed twenty-five thousand one hundred Benjamites, all armed with swords.
36 Kanaafuu Beniyaamonni akka moʼataman hubatan. Yeroo kanatti Israaʼeloonni waraana isaanii kan naannoo Gibeʼaatti riphee jiru sana abdatanii waan moʼataman fakkeessanii Beniyaamotaaf iddoo gad dhiisan.
The Benjamites saw that they were defeated. The Israelites had fallen back before the Benjamites because they were confident the ambush they had put in place near Gibeah would be successful.
37 Waraanni Israaʼel riphee ture sunis yeruma tokkoon cabsee Gibeʼaa seenee magaalattii goraadeedhaan dhaʼe.
The men from the ambush raced to attack the town, and they killed everyone in it.
38 Namoonni Israaʼelis akka waraanni riphee ture sun magaalaa keessaa mallattoo duumessa aaraa guddaa isaa argisiisu walii galanii turan;
The agreement was that they would send up a great cloud of smoke to show the town had fallen.
39 akkasiinis namoonni Israaʼel gara lolaatti dachaʼan. Beniyaamonni waraana jalqabanii Israaʼeloota soddoma ajjeesan; kanaafuu, “Nu akkuma yeroo jalqabaa sana isaan moʼachaa jirra” jedhan.
The Israelite army turned to attack the Benjamites, who had already killed about thirty Israelites. The Benjamites were saying, “We're completely defeating them, just like the first battle!”
40 Garuu yommuu magaalattii keessaa aarri ol baʼuu jalqabetti Beniyaamonni of irra garagalanii aara guutummaa magaalattii keessaa samiitti ol baʼaa jiru argan.
However, when the Israelites saw the columns of smoke rising heavenwards to form a great cloud over the whole of the town,
41 Kana irratti namoonni Israaʼel Beniyaamotatti garagalan; Beniyaamonni akka balaan isaanitti dhufe beekanii akka malee sodaataniitii.
they turned on their enemies. The Benjamites were horrified when they saw it and realized they were doomed.
42 Kanaafuu isaan gara gammoojjiitti fuula deeffatanii Israaʼeloota duraa baqatan. Garuu jalaa baʼuu hin dandeenye. Namoonni Israaʼel kanneen magaalaa sanaa baʼanii dhufan achitti isaan fixan.
They turned and ran from the Israelites towards the desert, but the battle caught up with them, and the Israelites also killed those who left the towns on the way.
43 Isaanis jara marsanii ariʼuudhaan fuullee baʼa Gibeʼaatti isaan moʼatan.
Chasing after the Benjamites, the Israelites surrounded them, easily overtaking them east of Gibeah.
44 Loltoonni Beniyaam jajjaboon kuma kudha saddeet ni galaafataman.
Eighteen thousand Benjamites were killed, all of them courageous warriors.
45 Utuu isaan garagalanii gara gammoojjii kattaa Rimoonitti baqachaa jiranuu namoonni kuma shan karaa irratti jalaa dhuman. Israaʼeloonni ammas hamma Gidoomitti warra hafan duukaa buʼanii nama kuma lama ajjeesan.
Some of the Benjamites that were left ran towards Pomegranate Rock in the desert, and the Israelites killed another five thousand men on the way. They chased another group of Benjamites as far as Gidom and killed another thousand.
46 Gaafas Beniyaamota goraadee hidhatan kuma digdamii shanitu ajjeefame; hundi isaaniis loltoota bebeekamoo turan.
So that day twenty-five thousand Benjamite were killed, all armed with swords and all courageous warriors.
47 Namoonni dhibba jaʼa garuu garagalanii gara gammoojjiitti kattaa Rimoonitti baqatan; jiʼa afuris achi turan.
There were six hundred who ran away to Pomegranate Rock in the desert and they stayed there four months.
48 Namoonni Israaʼel immoo gara Beniyaamotaatti dachaʼanii guutummaa magaalaa sanaa, horii fi waan achitti argan hunda goraadeen fixan. Magaalaa itti dhufan hundas ibiddaan guban.
The Israelites went back into the territory of the Benjamites, and going from town to town, they killed everything: people, animals, everything they found. Then they burned down every town on their way.

< Abbootii Murtii 20 >