< 1 Saamuʼeel 17 >

1 Yeroo sana Filisxeemonni lolaaf humna isaanii walitti qabatanii Yihuudaa keessatti Sookootitti wal gaʼan. Isaanis Sakootii fi Azeeqaa gidduu Efes Damiim keessa qubatan.
The Philistine armies gathered for battle at Socoh in Judah. They set up camp between Socoh and Azekah in Ephes-dammim.
2 Saaʼolii fi namoonni Israaʼel immoo wal gaʼanii Sulula Elaa keessa qubatan; Filisxeemota waraanuufis hiriiran.
Saul and the Israelites gathered and camped in the Valley of Elah and took up their positions to engage in battle with the Philistines.
3 Filisxeemonni gaara tokko qabatan; Israaʼeloonni immoo tulluu kaan qabatan; gidduu isaanii immoo sululatu ture.
The Philistines were on one hill and the Israelites on another with the valley between them.
4 Namichi beekamaan Gaatii dhufe kan maqaan isaa Gooliyaad jedhamu tokko qubata Filisxeemotaa keessaa gad baʼe. Hojjaan isaas dhundhuma jaʼaa fi taakkuu tokko ture.
Then a champion came out of the Philistine camp. His name was Goliath from Gath, and he was six cubits and a span tall.
5 Innis gonfoo naasii mataatti kaaʼatee qomee naasii kan saqilii kuma shan ulfaatu uffata ture;
He had on his head a bronze helmet and he wore a bronze coat of mail weighing five thousand shekels.
6 miilla isaattis gambaallee naasii hidhatee gatiittii isaatti eeboo baadhata ture.
On his legs he wore bronze armor, and he carried a javelin slung between his shoulders.
7 Somaan eeboo isaa furdaa akka muka wayya dhooftuun wayyaa itti martuu ture; sibiilli eeboo isaas saqilii dhibba jaʼa ulfaata ture. Baattuun gaachana isaas fuula isaa dura deema ture.
The shaft of his spear was as thick as weaver's beam, with an iron tip that weighed six hundred shekels. His shield-bearer walked ahead of him carrying his shield.
8 Gooliyaadis loltoota Israaʼel kanneen waraanaaf hiriiranitti iyyee akkana jedhe; “Isin waraanaaf hiriirtanii baʼuun keessan maaliif? Ani nama Filisxeem, isin immoo tajaajiltoota Saaʼol mitii? Ofii keessanii nama tokko filadhaatii inni gara kootti gad haa buʼu.
Goliath stood and shouted at the lines of Israelite soldiers, “Why have you come and lined for battle? I am the Philistine, and you're Saul's servants. Pick one of your men and have him come down and fight me.
9 Yoo inni na lolee na ajjeesuu dandaʼe, nu isin jalatti bulla; yoo ani isa moʼadhee isa ajjeese garuu isin nu jalatti bultanii tajaajiltoota keenya taatu.”
If he can fight me and kill me, then we will be your slaves. But if I beat him and kill him, then you'll be our slaves and work for us.”
10 Filisxeemichis, “Ani harʼa Israaʼeliin nan morkadha! Akka wal lolluuf nama tokko naa kennaa” jedhe.
Then the Philistine said, “I mock the battle lines of Israel today! Give me a man so we can fight each other!”
11 Saaʼolii fi Israaʼeloonni hundi yommuu dubbii kana dhagaʼanitti akka malee raafaman; ni sodaatanis.
Saul and all the Israelite soldiers were shattered and absolutely terrified when they heard what the Philistine said.
12 Daawit ilma Isseeyi namicha Efraataa kan Beetlihem Yihuudaa sanaa ti. Isseeyis ilmaan saddeeti qaba ture; innis bara Saaʼol keessa nama dulloomee jaare ture.
David was the son of a man named Jesse. He was an Ephrathite from Bethlehem of Judah who had eight sons. At the time Saul was king, Jesse was very old.
13 Ilmaan Isseey hangafoonni sadan Saaʼolin duukaa buʼanii lafa waraanaa dhaqanii turan; maqaan isaaniis inni hangafni Eliiyaab, inni lammaffaan Abiinaadaab, inni sadaffaan immoo Shamaa jedhama ture.
Jesse's three oldest sons had joined Saul's army war. These were Eliab (the firstborn), Abinadab (second), and Shammah (third).
14 Daawit quxisuu hunda isaanii ture. Isaan hangafoonni sadan Saaʼolin duukaa buʼanii deeman;
David was the youngest. The three oldest were with Saul,
15 Daawit garuu hoolota abbaa isaa tiksuuf jedhee Saaʼol biraa Beetlihemitti deddeebiʼaa ture.
while David went to Saul and then back again to look after his father's sheep.
16 Namichi Filisxeem sunis guyyaa afurtama ganama ganamaa fi galgala galgala dhufee isaanitti of mulʼisa ture.
Every morning and evening for forty days the Philistine came out to take his stand.
17 Isseey immoo ilma isaa Daawitiin akkana jedhe; “Akaayii kana irraa iifii tokkoo fi buddeena kurnan kana fuudhiitii ariitiidhaan obboloota keetiif iddoo qubata isaaniitti geessi.
Jesse told his son David, “Please take your brothers this ephah of roasted grain and these ten loaves of bread for your brothers. Take them quickly to your brothers' camp.
18 Baaduu kurnan kana immoo ajajaa kumaa isaaniitiif geessi. Haala obboloonni kee keessa jiran ilaaliitii oduu isaanii fidii kottu.
Take these ten cheese pieces to their commander. Check carefully to see how your brothers are doing and bring back their news.”
19 Isaan Saaʼolii fi namoota Israaʼel wajjin Sulula Elaa keessatti Filisxeemota lolaa jiru.”
They were with Saul and the whole Israelite army in the Valley of Elah, fighting the Philistines.
20 Daawitis tiksee biratti bushaayee dhiisee ganama barii kaʼee nyaata sana qabatee akkuma Isseey isa ajajetti kaʼee qajeele. Innis utuu loltoonni dhaadachaa hiriiraan adda waraanaatti yaaʼaa jiranuu lafa qubataa gaʼe.
David got up early in the morning and left the flock with a shepherd. He took the supplies and set out as Jesse had told him to. He arrived at the camp just as the army was marching out to its battle line, shouting the war cry.
21 Israaʼelii fi Filisxeemonni tarree tarreedhaan fuula walitti garagalfatan.
The Israelites took up their battle line and the Philistines took up their battle line on the opposite side.
22 Daawitis miʼa isaa eegduu miʼaa biratti dhiisee gara adda waraanaatti fiigee obboloota isaa nagaa gaafate.
David left his supplies with the one responsible and ran to the battle line. When he got there he asked his brothers how they were.
23 Utuma inni isaan wajjin haasaʼaa jiruu, Gooliyaad jagnichi Filisxeem namichi Gaati sun hiriira Filisxeemotaa keessaa dubbiidhuma kanaan dura dubbachaa ture sana dubbate; Daawitis isa dhagaʼe.
While he was talking with them, Goliath, the Philistine champion from Gath, came up out of his lines and shouted his challenge as he had before, and David heard what he said.
24 Israaʼeloonni hundinuu yommuu namicha arganitti sodaa guddaadhaan isa biraa baqatan.
All the Israelite soldiers ran away when they saw him because they were terribly afraid.
25 Israaʼeloonnis, “Isin akka namichi kun as deddeebiʼaa jiru argituu? Inni dhugumaan Israaʼeliin morkachuuf dhufe. Mootiin nama isa ajjeesuuf qabeenya guddaa kenna. Intala isaa illee itti heerumsiisa; maatii abbaa isaas akka Israaʼel keessatti gibira hin gabbarre godha” waliin jechaa turan.
“Have you seen this man who keeps on coming out to mock Israel?” they asked. “The king will make the man who kills him really rich. He will also give him his daughter in marriage, and his family will live tax-free in Israel.”
26 Daawit namoota isa bira dhadhaabachaa turaniin, “Nama namicha Filisxeem kana ajjeesee Israaʼel irraa salphina kana fuudhuuf maaltu godhama? Filisxeemichi dhagna hin qabatin kun akka loltoota Waaqa jiraataa doorsisuuf inni eenyuu?” jedhee gaafate.
David asked the men who were standing beside him, “What will the man receive who kills this Philistine and removes this shame from Israel? Who does this heathen Philistine think he is, mocking the armies of the living God?”
27 Namoonnis, “Wanni nama isa ajjeesuuf godhamu kanuma” jedhanii dubbiidhuma duraan dubbachaa turan sana irra deebiʼanii itti himan.
The soldiers repeated what they had said, telling him, “This is what the man who kills him will receive.”
28 Eliiyaab hangafni Daawit inni jalqabaa Daawit namoota wajjin dubbachaa akka jiru yommuu argetti aaree gubatee akkana jedhe; “Ati maal gochuu as gad buute? Hoolota muraasa sana gammoojjii keessatti eenyutti dhiiftee dhufte? Ani of tuulummaa keetii fi hammina garaa keetii nan beeka; ati waraana ilaaluu dhufteetii.”
When David's oldest brother Eliab heard him talking with the men, he got angry with him. “What are you doing here?” he asked. “Who have you left those few sheep with in the wilderness? I know how proud and wicked you are! You've just come to watch the battle!”
29 Daawit immoo, “Ani amma maalin godhe? Ani dubbachuu illee hin dandaʼuu?” jedhe.
“What have I done now?” David asked. “Can't I even ask a question?”
30 Ergasiis gara nama biraatti garagalee waanuma duraa sana gaafate; namoonnis akkuma jalqabaatti deebisaniif.
He went over to some others and asked the same question, and they gave the same answer as before.
31 Wanni Daawit jechaa tures dhagaʼamee Saaʼol qaqqabe; Saaʼolis isa waamsise.
Someone overheard what David said and reported it to Saul who sent for him.
32 Daawitis Saaʼoliin, “Sababii namicha Filisxeem kanaatiif namni tokko iyyuu abdii hin kutatin; ani garbichi kee dhaqee isa nan waraana” jedhe.
David told Saul, “No one should lose heart because of this Philistine. I, your servant, will go and fight him!”
33 Saaʼolis Daawitiin, “Ati dhaqxee Filisxeemicha kana waraanuu hin dandeessu; ati ijoollee dha; inni immoo ijoollummaa isaatii jalqabee loltuu ture” jedhe.
“You can't go out and fight this Philistine,” Saul replied. “You're just a boy, and he's a warrior trained from his youth.”
34 Daawit garuu Saaʼoliin akkana jedhe; “Garbichi kee hoolota abbaa isaa tiksaa ture. Yeroo leenci yookaan amaakenni dhufee bushaayee keessaa tokko fudhatutti,
David replied, “Your servant has been looking after his father's sheep. When a lion or a bear came and took a lamb from the flock,
35 ani isa faana fiigee dhaʼee hoolaa sana afaan isaatii nan buusisan ture. Yoo inni natti gara gale immoo kokkee isaa qabee dhaʼee isa ajjeesa ture.
I would chase after it, knock it down, and save the lamb from its mouth. If it turned to attack me, I would grab its hair, hit it, and kill it.
36 Ani garbichi kee leencaa fi amaaketa ajjeeseera; Filisxeemichi dhagna hin qabatin kunis akkuma tokkoo isaanii taʼa; inni loltoota Waaqa jiraataa doorsiseeraatii.
I have killed lions and bears, and this heathen Philistine will be just like one of them, for he has mocked the armies of the living God.”
37 Waaqayyo inni irree leencaatii fi irree amaaketaa jalaa na baase sun harka Filisxeemicha kanaa jalaas na baasa.” Saaʼolis Daawitiin, “Dhaqi, Waaqayyo si wajjin haa taʼu” jedhe.
David concluded, “The Lord who saved me from the claws of the lion and the bear will save me from this Philistine.” “Go, and may the Lord be with you,” Saul responded.
38 Ergasiis Saaʼol uffata lolaa kan ofii isaa Daawititti uffise. Qomee sibiilaa itti uffisee gonfoo naasii mataa isaatti kaaʼeef.
Saul gave David his own battle clothes to wear, placed a bronze helmet on his head, and put armor on him.
39 Daawitis sababii duraan itti fayyadamee hin beekneef uffata Saaʼol irratti goraadee hidhatee asii fi achi deemuu yaale. Innis Saaʼoliin, “Ani waanan duraan itti fayyadamee hin beekneef hidhadhee deemuu hin dandaʼu” jedhe. Kanaafuu of irraa baase.
David strapped his sword on over the armor but he couldn't walk because he wasn't used to it. “I can't walk in all this,” David told Saul. “I ‘m not used to it.” So David took all the armor off.
40 Ergasii ulee isaa harkatti qabatee dhagaa soofamaa shan lagaa filatee kiisii korojoo tikseetti naqate; furrisa isaas harkatti qabatee gara Filisxeemichaatti dhiʼaate.
He picked up his stick, chose five smooth stones from the stream, and put them in his shepherd's bag. Carrying his sling in his hand, he approached the Philistine.
41 Namichi Filisxeem sunis namicha miʼa lolaa isaaf baatu of dura qajeelchee Daawititti dhiʼaate.
The Philistine came towards David, closer and closer, with his shield-bearer in front of him.
42 Innis Daawitin ilaalee akka inni mucaa diimaa miidhagaa taʼe hubatee isa tuffate.
When the Philistine looked closely he could see that David was just a red-faced handsome youth, and so he treated David with contempt.
43 Filisxeemichis, “Kan ati ulee qabattee natti dhuftu ani sareedhaa?” jedhee waaqota ofii isaatiin Daawitin abaare.
“Do you think I'm a dog, coming to fight me with a stick?” the Philistine asked David, and he cursed David by his gods.
44 Akkasumas, “As kottu; ani foon kee allaattii samiitii fi bineensota bosonaatiif nan kennaa!” jedheen.
Then the Philistine shouted at David, “Come over here, and I'll feed your flesh to the birds and the wild animals.”
45 Kana irratti Daawit Filisxeemichaan akkana jedhe; “Ati kunoo goraadee, eeboo fi bodee qabatee natti dhufta; ani garuu maqaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu, Waaqa loltoota Israaʼel kan ati doorsifte sanaatiin sittin dhufa.
David replied to the Philistine, “You come to attack me with a sword, a spear, and a javelin. But I come to attack you in the name of the Lord Almighty, the God of the armies of Israel—the one you have mocked.
46 Harʼa Waaqayyo dabarsee harka kootti si kenna; anis si ajjeesee mataa kee sirraan kuta. Ani harʼa reeffa Filisxeemotaa allaattii samiitii fi bineensota lafaatiif nan kenna; addunyaan hundis akka Israaʼel keessa Waaqni jiru ni beeka.
Today the Lord will hand you over to me, and I will strike you down, cut off your head, and give the dead bodies of the Philistine soldiers to the birds and the wild animals. Then all the world will know that there is a God who acts for Israel.
47 Namoonni asitti walitti qabaman hundi akka Waaqayyo goraadee fi eeboodhaan nama hin baafne ni baru; sababii lolli kun kan Waaqayyoo taʼeef inni dabarsee harka keenyatti isin kenna.”
Everyone gathered here will realize that the Lord saves, but not with sword and spear. For the battle is the Lord's, and he will hand all of you over to us.”
48 Yommuu Filisxeemichi isa dhaʼuuf dhufettis Daawit isa loluuf fiigee adda waraanaa seene.
As the Philistine moved forward to attack him, David raced toward the battle line to confront him.
49 Harka isaas korojoo isaa keessa kaaʼee dhagaa tokko fudhatee furrisaan darbatee adda Filisxeemichaa dhaʼe. Dhagaan sunis adda isaa keessa bade; Filisxeemichis addaan lafatti gombifame.
David reached into his bag, took out a stone, and fired it from his sling, hitting the Philistine on the forehead. The stone went into his forehead, and he collapsed facedown on the ground.
50 Daawit akkasiin furrisaa fi dhagaadhaan Filisxeemicha moʼate; Daawit utuma goraadee of harkaa hin qabaatin Filisxeemicha dhaʼee ajjeese.
This is how David defeated the Philistine with just a sling and a stone; with no sword in his hand David knocked the Philistine down and killed him.
51 Daawit fiigee Filisxeemicha irra ejjete. Goraadee Filisxeemichaas manʼee keessaa luqqisee baafate. Erga isa ajjeesee booddees goraadee sanaan mataa isaa irraa kute. Filisxeemonni yommuu akka goonni isaanii duʼe arganitti of irra garagalanii baqatan.
David ran and stood over the Philistine. He took the Philistine's sword and pulled it out of its sheath. He killed him and then he cut off his head with the sword. When the Philistines saw that their champion was dead, they turned and ran away.
52 Ergasii namoonni Israaʼelii fi namoonni Yihuudaa kaʼanii dhaadachaa hamma balbala Gaatii fi karra Eqroonitti Filisxeemota ariʼan. Reeffi Filisxeemotaas karaa Shaʼarayiimitti geessu irratti hamma Gaatii fi Eqroonitti harcaʼe.
Then the men of Israel and Judah rushed forward shouting the war-cry and chased the Philistines all the way to Gath and to the gates of Ekron. Their bodies were scattered along the Shaaraim road to Gath and Ekron.
53 Israaʼeloonni yommuu Filisxeemota ariʼuu irraa deebiʼanitti qubata isaanii saaman.
When the Israelites returned from their hot pursuit of the Philistines, they plundered their camps.
54 Daawitis mataa Filisxeemichaa fudhatee gara Yerusaalemitti fide; miʼa lolaa Filisxeemichaas dunkaana ofii isaatti galfate.
David took the Philistine's head and brought it to Jerusalem, but he put the Philistine's weapons in his own tent.
55 Saaʼol yommuu akka Daawit Filisxeemicha loluuf deemu argetti, Abneer ajajaa waraana Israaʼeliin, “Abneer, gurbaan kun ilma eenyuu ti?” jedhe. Abneeris, “Yaa Mootii, duʼa kee ti ani hin beeku” jedhee deebise.
When Saul had watched David going out to fight the Philistine, he'd asked Abner the army commander, “Abner, whose son is that young man?” “On your life, Your Majesty, I do not know,” Abner replied.
56 Mootichis, “Egaa akka gurbaan kun ilma eenyuu taʼe iyyaafadhuuttii bira gaʼi” jedheen.
“Find out whose son this young man is,” the king ordered.
57 Akkuma Daawit Filisxeemicha ajjeesee deebiʼeen, Abneer Daawitii mataa Filisxeemichaa harkatti qabatee jiru fuula Saaʼol duratti dhiʼeesse.
As soon as David returned from killing the Philistine, Abner took him and brought him before Saul. David was still clutching the Philistine's head in his hand.
58 Saaʼolis, “Gurbayyoo ati ilma eenyuu ti?” jedhee gaafate. Daawit immoo, “Ani ilma garbicha keetii ilma Isseeyi namicha Beetlihem sanaa ti” jedhee deebise.
“Whose son are you, young man?” Saul asked. “I am the son of your servant Jesse of Bethlehem,” David replied.

< 1 Saamuʼeel 17 >