< Iyyaasuu 3 >

1 Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundinuu ganama barii Shixiim keessaa baʼanii gara Laga Yordaanos dhufan. Utuu gamatti hin ceʼin duras achi qubatan.
And Joshua rose early in the morning; and they removed from Shittim, and came to the Jordan, he and all the children of Israel, and lodged there before they passed over.
2 Bultii sadii booddee ajajjoonni loltootaa qubata keessa dedeemanii,
And it came to pass at the end of three days, that the officers went through the camp;
3 akkana jedhanii namoota ajajan: “Isin yommuu taabota kakuu Waaqayyo Waaqa keessaniitii fi Lewwota luboota taʼan isaanii taaboticha baatan argitanitti iddoo keessanii kaatanii taaboticha faana buʼuu qabdu.
and they commanded the people, saying, When ye see the ark of the covenant of Jehovah your God, and the priests the Levites bearing it, then remove from your place, and go after it;
4 Isin sababii duraan karaa kanaan hin darbiniif, karaa deemuun isinii malu ni beektu. Garuu isinii fi taaboticha gidduutti gargari fageenya gara dhundhuma kuma lama hambisaa; ittis hin dhiʼaatinaa.”
yet there shall be a distance between you and it, about two thousand cubits by measure. Ye shall not come near it, that ye may know the way by which ye must go; for ye have not passed this way heretofore.
5 Iyyaasuunis uummataan, “Of qulqulleessaa; Waaqayyo bor gidduu keessanitti wantoota dinqisiisaa ni hojjetaatii” jedhe.
And Joshua said to the people, Hallow yourselves; for to-morrow Jehovah will do wonders in your midst.
6 Iyyaasuunis lubootaan, “Taabota kakuu fuudhaatii uummata dura darbaa” jedhe. Kanaafuu isaan taaboticha fuudhanii uummata dura darban.
And Joshua spoke to the priests, saying, Take up the ark of the covenant, and go over before the people. And they took up the ark of the covenant, and went before the people.
7 Waaqayyos Iyyaasuudhaan akkana jedhe; “Akka isaan akka ani akkuman Musee wajjin ture sana si wajjin jiru beekaniif, ani harʼa fuula Israaʼeloota hundaa duratti nama guddaa si gochuu nan jalqaba.
And Jehovah said to Joshua, This day will I begin to magnify thee in the sight of all Israel, that they may know that as I was with Moses, so will I be with thee.
8 Atis luboota taabota kakuu baataniin, ‘Isin yommuu qarqara bishaan Yordaanos geessanitti, dhaqaatii laga keessa dhadhaabadhaa’ jedhi.”
And thou shalt command the priests who bear the ark of the covenant, saying, When ye come to the edge of the waters of the Jordan, stand still in the Jordan.
9 Iyyaasuunis Israaʼelootaan akkana jedhe; “As kottaatii dubbii Waaqayyo Waaqa keessanii dhagaʼaa.
And Joshua said to the children of Israel, Come hither, and hear the words of Jehovah your God.
10 Akki isin itti akka Waaqni jiraataan gidduu keessan jiruu fi akka inni dhugumaan Kanaʼaanota, Heetota, Hiiwota, Feerzota, Girgaashota, Amoorotaa fi Yebuusota fuula keessan duraa ariʼee baasu beektan kanaa dha.
And Joshua said, Hereby shall ye know that the living God is in your midst, and [that] he will without fail dispossess from before you the Canaanites, and the Hittites, and the Hivites, and the Perizzites, and the Girgashites, and the Amorites, and the Jebusites.
11 Kunoo, taabonni kakuu Gooftaa lafa hundumaa isin duraan Yordaanos ni seena.
Behold, the ark of the covenant of the Lord of all the earth is going over before you into the Jordan.
12 Kanaafuu amma gosoota Israaʼel keessaa nama kudha lama jechuunis tokkoo tokkoo gosaa keessaa nama tokko tokko filadhaa.
And now take you twelve men out of the tribes of Israel, one man for each tribe.
13 Akkuma luboonni taabota Waaqayyo Gooftaa lafa hundaa baatan miilla isaanii Yordaanos keessa seensisaniin, bishaan isaa kan gubbaadhaa gad yaaʼu ni cita; tuulamees ol dhaabata.”
And it shall come to pass, when the soles of the feet of the priests who bear the ark of Jehovah, the Lord of all the earth, rest in the waters of the Jordan, the waters of the Jordan, the waters flowing down from above, shall be cut off, and shall stand up in a heap.
14 Kanaaf yommuu namoonni laga Yordaanos ceʼuuf qubata isaanii keessaa baʼanitti, luboonni taabota kakuu baatanii isaan dura darbanii deeman.
And it came to pass when the people removed from their tents, to pass over the Jordan, that the priests bearing the ark of the covenant were before the people;
15 Yeroo midhaan galfamu hunda lagni Yordaanos guutee irra dhangalaʼa. Taʼus akkuma luboonni taaboticha baatan Yordaanos gaʼanii miilli isaanii qarqara bishaanii tuqeen,
and when they that bore the ark were come to the Jordan, and the feet of the priests who bore the ark dipped in the edge of the water (and the Jordan is full over all its banks throughout the days of harvest),
16 bishaan burqaa oliitii dhufu yaaʼuu dhiise. Iddoo magaalaa Addaam jedhamu kan Zaaretaan biraa sana irraa fagaatee tuulamee dhaabate; bishaan gara Galaana Arabbaatti yookaan Galaana soogiddaatti gad yaaʼus guutumaan guutuutti cite. Kanaafuu namoonni fuullee Yerikootiin gara gamaatti ceʼan.
the waters which flowed down from above stood [and] rose up in a heap, very far, by Adam, the city that is beside Zaretan; and those that flowed down towards the sea of the plain, the salt sea, were completely cut off. And the people went over opposite to Jericho.
17 Yeroo Israaʼeloonni hundi darbaa turanitti luboonni taabota kakuu Waaqayyoo baatan sun hamma sabni guutumaan guutuutti lafa goggogaa irra ceʼutti walakkaa Yordaanos keessa qajeelanii lafa goggogaa irra dhaabatan.
And the priests who bore the ark of the covenant of Jehovah stood firm on dry ground in the midst of the Jordan. And all Israel went over on dry ground, until all the nation had completely gone over the Jordan.

< Iyyaasuu 3 >