Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Oromo Contemporary Version, Joshua Chapter 3 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/Joshua/3 1) Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundinuu ganama barii Shixiim keessaa baʼanii gara Laga Yordaanos dhufan. Utuu gamatti hin ceʼin duras achi qubatan. 2) Bultii sadii booddee ajajjoonni loltootaa qubata keessa dedeemanii, 3) akkana jedhanii namoota ajajan: “Isin yommuu taabota kakuu Waaqayyo Waaqa keessaniitii fi Lewwota luboota taʼan isaanii taaboticha baatan argitanitti iddoo keessanii kaatanii taaboticha faana buʼuu qabdu. 4) Isin sababii duraan karaa kanaan hin darbiniif, karaa deemuun isinii malu ni beektu. Garuu isinii fi taaboticha gidduutti gargari fageenya gara dhundhuma kuma lama hambisaa; ittis hin dhiʼaatinaa.” 5) Iyyaasuunis uummataan, “Of qulqulleessaa; Waaqayyo bor gidduu keessanitti wantoota dinqisiisaa ni hojjetaatii” jedhe. 6) Iyyaasuunis lubootaan, “Taabota kakuu fuudhaatii uummata dura darbaa” jedhe. Kanaafuu isaan taaboticha fuudhanii uummata dura darban. 7) Waaqayyos Iyyaasuudhaan akkana jedhe; “Akka isaan akka ani akkuman Musee wajjin ture sana si wajjin jiru beekaniif, ani harʼa fuula Israaʼeloota hundaa duratti nama guddaa si gochuu nan jalqaba. 8) Atis luboota taabota kakuu baataniin, ‘Isin yommuu qarqara bishaan Yordaanos geessanitti, dhaqaatii laga keessa dhadhaabadhaa’ jedhi.” 9) Iyyaasuunis Israaʼelootaan akkana jedhe; “As kottaatii dubbii Waaqayyo Waaqa keessanii dhagaʼaa. 10) Akki isin itti akka Waaqni jiraataan gidduu keessan jiruu fi akka inni dhugumaan Kanaʼaanota, Heetota, Hiiwota, Feerzota, Girgaashota, Amoorotaa fi Yebuusota fuula keessan duraa ariʼee baasu beektan kanaa dha. 11) Kunoo, taabonni kakuu Gooftaa lafa hundumaa isin duraan Yordaanos ni seena. 12) Kanaafuu amma gosoota Israaʼel keessaa nama kudha lama jechuunis tokkoo tokkoo gosaa keessaa nama tokko tokko filadhaa. 13) Akkuma luboonni taabota Waaqayyo Gooftaa lafa hundaa baatan miilla isaanii Yordaanos keessa seensisaniin, bishaan isaa kan gubbaadhaa gad yaaʼu ni cita; tuulamees ol dhaabata.” 14) Kanaaf yommuu namoonni laga Yordaanos ceʼuuf qubata isaanii keessaa baʼanitti, luboonni taabota kakuu baatanii isaan dura darbanii deeman. 15) Yeroo midhaan galfamu hunda lagni Yordaanos guutee irra dhangalaʼa. Taʼus akkuma luboonni taaboticha baatan Yordaanos gaʼanii miilli isaanii qarqara bishaanii tuqeen, 16) bishaan burqaa oliitii dhufu yaaʼuu dhiise. Iddoo magaalaa Addaam jedhamu kan Zaaretaan biraa sana irraa fagaatee tuulamee dhaabate; bishaan gara Galaana Arabbaatti yookaan Galaana soogiddaatti gad yaaʼus guutumaan guutuutti cite. Kanaafuu namoonni fuullee Yerikootiin gara gamaatti ceʼan. 17) Yeroo Israaʼeloonni hundi darbaa turanitti luboonni taabota kakuu Waaqayyoo baatan sun hamma sabni guutumaan guutuutti lafa goggogaa irra ceʼutti walakkaa Yordaanos keessa qajeelanii lafa goggogaa irra dhaabatan. Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!