< Iyyoob 32 >

1 Sababii Iyyoob nama qajeelaa of seʼeef namoonni sadan kunneen deebii kennuufii dhiisan.
וישבתו שלשת האנשים האלה מענות את איוב כי הוא צדיק בעיניו׃
2 Eliihuun ilmi Barakeel Buuzichi maatiin Raamii sun garuu sababii Iyyoob qooda Waaqaa qajeelaa of godheef akka malee itti aare.
ויחר אף אליהוא בן ברכאל הבוזי ממשפחת רם באיוב חרה אפו על צדקו נפשו מאלהים׃
3 Akkasumas sababii isaan Iyyoobitti muruu malee deebii hin qabaatiniif Eeliihuun michoota Iyyoob sadanitti akka malee aare.
ובשלשת רעיו חרה אפו על אשר לא מצאו מענה וירשיעו את איוב׃
4 Eliihuun waan namoonni sun umuriidhaan isa caalaniif utuu dursee Iyyoobitti hin dubbatin ture.
ואליהו חכה את איוב בדברים כי זקנים המה ממנו לימים׃
5 Garuu yeroo akka namoonni sun sadan waan dubbatan dhaban argetti aariin isaa ittuma caale.
וירא אליהוא כי אין מענה בפי שלשת האנשים ויחר אפו׃
6 Kanaafuu Eliihuun ilmi Barakeel Buuzichaa sun akkana jedhe: “Ani umuriidhaan xinnaa dha; isin garuu jaarsolii dha; kanaafuu ani yaada koo isinitti himuu nan saalfadhe; nan sodaadhes.
ויען אליהוא בן ברכאל הבוזי ויאמר צעיר אני לימים ואתם ישישים על כן זחלתי ואירא מחות דעי אתכם׃
7 Ani, ‘Umuriin ni dubbata; barri dheeraanis ogummaa barsiisa’ jedhee yaadeen ture.
אמרתי ימים ידברו ורב שנים ידיעו חכמה׃
8 Garuu hafuura nama keessa jiru, hafuura Waaqni Waan Hunda Dandaʼu itti baafatutu hubannaa kennaaf.
אכן רוח היא באנוש ונשמת שדי תבינם׃
9 Ogeessi jaarsa qofa miti; kan waan qajeelaa hubatus, nama umurii dheeraa qofa miti.
לא רבים יחכמו וזקנים יבינו משפט׃
10 “Kanaafuu ani akkana nan jedhaa na dhaggeeffadhaa; anis waanan beeku isinitti nan hima.
לכן אמרתי שמעה לי אחוה דעי אף אני׃
11 Ani yeroo isin dubbattan nan obse; yeroo isin jechoota filattanitti illee ani dubbii ogummaa kan isin dubbattan nan dhaggeeffadhe;
הן הוחלתי לדבריכם אזין עד תבונתיכם עד תחקרון מלין׃
12 ani qalbeeffadheen isin dhagaʼe. Garuu isin keessaa namni tokko iyyuu akka inni dogoggore Iyyoobin hin amansiifne; namni tokko iyyuu falmii isaatiif deebii hin kennine.
ועדיכם אתבונן והנה אין לאיוב מוכיח עונה אמריו מכם׃
13 Isin, ‘Nu ogummaa arganneerra; nama utuu hin taʼin, Waaqni isa irra haa aanu’ hin jedhinaa.
פן תאמרו מצאנו חכמה אל ידפנו לא איש׃
14 Iyyoob garuu dubbii isaatiin na hin tuqne; anis falmii keessaniin deebii isaaf hin kennu.
ולא ערך אלי מלין ובאמריכם לא אשיבנו׃
15 “Isaan abdii kutatanii waan jedhan dhaban; dubbiinis isaan harkaa badde.
חתו לא ענו עוד העתיקו מהם מלים׃
16 Erga isaan calʼisanii, erga isaan deebii kennan tokko illee dhabanii achi dhadhaabatanii, ani eeguun qabaa?
והוחלתי כי לא ידברו כי עמדו לא ענו עוד׃
17 Ani deebii koo nan kenna; waanan beeku nan hima.
אענה אף אני חלקי אחוה דעי אף אני׃
18 Dubbiin na keessa guuteeraatii; hafuurri na keessa jirus na kakaasa;
כי מלתי מלים הציקתני רוח בטני׃
19 garaan koo akkuma daadhii wayinii kan qadaadamee, akkuma qalqalloo daadhii wayinii haaraa dhoʼuun gaʼeetii.
הנה בטני כיין לא יפתח כאבות חדשים יבקע׃
20 Ani dubbadhee qabbaneeffachuun qaba; afaan koo banadhees deebii kennuun qaba.
אדברה וירוח לי אפתח שפתי ואענה׃
21 Ani nama wal hin caalchisu; yookaan nama tokko iyyuu hin saadu.
אל נא אשא פני איש ואל אדם לא אכנה׃
22 Utuu ani nama saaduu beekee, Uumaan koo silaa dafee lafa irraa na balleessa ture.
כי לא ידעתי אכנה כמעט ישאני עשני׃

< Iyyoob 32 >