Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Oromo Contemporary Version, Job Chapter 32 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/Job/32 1) Sababii Iyyoob nama qajeelaa of seʼeef namoonni sadan kunneen deebii kennuufii dhiisan. 2) Eliihuun ilmi Barakeel Buuzichi maatiin Raamii sun garuu sababii Iyyoob qooda Waaqaa qajeelaa of godheef akka malee itti aare. 3) Akkasumas sababii isaan Iyyoobitti muruu malee deebii hin qabaatiniif Eeliihuun michoota Iyyoob sadanitti akka malee aare. 4) Eliihuun waan namoonni sun umuriidhaan isa caalaniif utuu dursee Iyyoobitti hin dubbatin ture. 5) Garuu yeroo akka namoonni sun sadan waan dubbatan dhaban argetti aariin isaa ittuma caale. 6) Kanaafuu Eliihuun ilmi Barakeel Buuzichaa sun akkana jedhe: “Ani umuriidhaan xinnaa dha; isin garuu jaarsolii dha; kanaafuu ani yaada koo isinitti himuu nan saalfadhe; nan sodaadhes. 7) Ani, ‘Umuriin ni dubbata; barri dheeraanis ogummaa barsiisa’ jedhee yaadeen ture. 8) Garuu hafuura nama keessa jiru, hafuura Waaqni Waan Hunda Dandaʼu itti baafatutu hubannaa kennaaf. 9) Ogeessi jaarsa qofa miti; kan waan qajeelaa hubatus, nama umurii dheeraa qofa miti. 10) “Kanaafuu ani akkana nan jedhaa na dhaggeeffadhaa; anis waanan beeku isinitti nan hima. 11) Ani yeroo isin dubbattan nan obse; yeroo isin jechoota filattanitti illee ani dubbii ogummaa kan isin dubbattan nan dhaggeeffadhe; 12) ani qalbeeffadheen isin dhagaʼe. Garuu isin keessaa namni tokko iyyuu akka inni dogoggore Iyyoobin hin amansiifne; namni tokko iyyuu falmii isaatiif deebii hin kennine. 13) Isin, ‘Nu ogummaa arganneerra; nama utuu hin taʼin, Waaqni isa irra haa aanu’ hin jedhinaa. 14) Iyyoob garuu dubbii isaatiin na hin tuqne; anis falmii keessaniin deebii isaaf hin kennu. 15) “Isaan abdii kutatanii waan jedhan dhaban; dubbiinis isaan harkaa badde. 16) Erga isaan calʼisanii, erga isaan deebii kennan tokko illee dhabanii achi dhadhaabatanii, ani eeguun qabaa? 17) Ani deebii koo nan kenna; waanan beeku nan hima. 18) Dubbiin na keessa guuteeraatii; hafuurri na keessa jirus na kakaasa; 19) garaan koo akkuma daadhii wayinii kan qadaadamee, akkuma qalqalloo daadhii wayinii haaraa dhoʼuun gaʼeetii. 20) Ani dubbadhee qabbaneeffachuun qaba; afaan koo banadhees deebii kennuun qaba. 21) Ani nama wal hin caalchisu; yookaan nama tokko iyyuu hin saadu. 22) Utuu ani nama saaduu beekee, Uumaan koo silaa dafee lafa irraa na balleessa ture. Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!