< Iyyoob 29 >

1 Iyyoob haasaa isaa itti fufee akkana jedhe:
Ayuba ya ci gaba da jawabinsa,
2 “Ani jiʼoota darban, bara Waaqni na eege sana akkamin hawwa ture,
“Da ma ina nan lokacin da ya wuce baya can, kwanakin da Allah yake lura da ni,
3 yeroo ibsaan isaa mataa koo irratti ife, anis ifa isaatiin dukkana keessa darbee yeroon deeme,
lokacin da fitilarsa take haske a kaina na yi tafiya cikin duhu tare da haskensa.
4 yeroo ani nama jabaa ture, yeroo michummaan Waaqaa mana koo eebbise,
Kwanakin da nake tasowa, lokacin da abokantakar Allah ta sa wa gidana albarka,
5 yeroo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu na wajjin ture, yeroo ijoolleen koo naannoo koo turan,
lokacin da Maɗaukaki yana tare da ni, kuma’ya’yana suna kewaye da ni,
6 yeroo daandiin koo dhadhaadhaan jiifame, yeroo kattaanis laga zayitii ejersaa naaf yaase.
lokacin da ake zuba madara a inda nake takawa, duwatsu kuma suna ɓulɓulo mini man zaitun.
7 “Yeroo ani gara karra magaalaatti gad baʼee oobdii sabaa keessa barcuma koo irra taaʼe,
“Sa’ad da na je ƙofar birni na zauna a bainin jama’a,
8 dargaggeeyyiin na arganii karaa irraa goru; maanguddoonnis kaʼanii dhaabatu ture;
matasan da suka gan ni sukan ja gefe tsofaffi kuma suka tashi tsaye;
9 hangafoonni sabaa dubbii afaanitti qabatanii harka isaanii afaan irra kaaʼatu ture;
sarakuna suka yi shiru suka rufe bakunansu da hannuwansu;
10 sagaleen namoota bebeekamoo hin dhagaʼamu ture; arrabni isaaniis laagaa isaaniitti ni maxxana ture.
Muryar manya ta yi tsit harshensu ya manne a rufin bakunansu.
11 Namni na dhagaʼu kam iyyuu na jaja; kanneen na arganis na galateeffatu ture;
Duk wanda ya ji ni ya yaba mini waɗanda suka gan ni kuma sun amince da ni,
12 ani hiyyeessa gargaarsa barbaachaaf booʼu, nama abbaa hin qabne kan namni isa gargaaru tokko iyyuu hin jirre fureeraatii.
domin na ceci matalauta waɗanda suka nemi taimako, da marasa mahaifi waɗanda ba su da wanda zai taimake su.
13 Namni duʼuu gaʼe na eebbiseera; ani akka garaan haadha hiyyeessaa gammachuun ililchus godheera.
Mutumin da yake bakin mutuwa ya sa mini albarka. Na faranta wa gwauruwa zuciya.
14 Qajeelummaa akka uffata kootti uffadheera; murtiin qajeelaan immoo uffata koo fi marata mataa koo ture.
Na yafa adalci ya zama suturata; gaskiya ita ce rigata da rawanina.
15 Ani nama jaameef ija, okkolaaf immoo miilla taʼeen ture.
Ni ne idon makafi kuma ƙafa ga guragu.
16 Ani rakkataadhaaf abbaan ture; nama ormaatiif illee nan falman ture.
Ni mahaifi ne ga masu bukata; na tsaya wa baƙo.
17 Qarriffaa nama hamaa nan cabse; waan inni qabates afaan isaatii buuseera.
Na karya ƙarfin mugaye na ƙwato waɗanda suke riƙe da haƙoransu.
18 “Ani akkana jedheen yaadee ture; ‘Manuma koo keessattin duʼa; barri jireenya kootiis akkuma cirrachaa baayʼata.
“Na yi tunani cewa, ‘Zan mutu a cikin gidana, kwanakina da yawa kamar turɓayar ƙasa.
19 Hiddi koo gad fagaatee bishaan qaqqaba; fixeensis halkan guutuu dameewwan koo irra bula.
Jijiyoyina za su kai cikin ruwa, kuma raɓa za tă kwanta a rassana dukan dare.
20 Ulfinni koo na keessatti haaraa taʼee jiraata; iddaanis harka koo keessatti haaromfama.’
Ɗaukakata za tă kasance tare da ni garau, bakana koyaushe sabo ne a hannuna.’
21 “Namoonni calʼisanii gorsa koo eeggachaa abdiidhaan na dhaggeeffatu.
“Mutane suna mai da hankali su saurare ni, suna yin shiru don su ji shawarata.
22 Erga ani dubbadhee booddee isaan deebiʼanii hin dubbanne; dubbiin koos akka gaariitti gurra isaanii seena ture.
Bayan da na yi magana, ba su ƙara ce kome ba. Maganata ta shige su.
23 Isaan akkuma nama bokkaa eeggatuutti na eeggatan; dubbii koos akkuma bokkaa arfaasaa dhugan.
Sukan jira ni kamar yadda ake jiran ruwan sama. Sukan sha daga cikin maganganuna kamar mai shan ruwan bazara.
24 Yeroo ani isaaniif seequtti isaan hin amanne; ifni fuula koos isaaniif waan guddaa ture.
Sa’ad da na yi musu murmushi da ƙyar sukan yarda; hasken fuskata yana da daraja a gare su.
25 Ani karaa isaaniif filee akka hangafa isaaniitti nan taaʼe; akka mootii loltoota isaa gidduu jiraatuutti nan jiraadhe; ani akka nama warra booʼan jajjabeessuus taʼe.
Na zaɓar masu inda za su bi na kuma zauna kamar sarkinsu; na zauna kamar sarki a cikin rundunansu; ina nan kamar mai yi wa masu makoki ta’aziyya.

< Iyyoob 29 >