Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Oromo Contemporary Version, Job Chapter 29 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/Job/29 1) Iyyoob haasaa isaa itti fufee akkana jedhe: 2) “Ani jiʼoota darban, bara Waaqni na eege sana akkamin hawwa ture, 3) yeroo ibsaan isaa mataa koo irratti ife, anis ifa isaatiin dukkana keessa darbee yeroon deeme, 4) yeroo ani nama jabaa ture, yeroo michummaan Waaqaa mana koo eebbise, 5) yeroo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu na wajjin ture, yeroo ijoolleen koo naannoo koo turan, 6) yeroo daandiin koo dhadhaadhaan jiifame, yeroo kattaanis laga zayitii ejersaa naaf yaase. 7) “Yeroo ani gara karra magaalaatti gad baʼee oobdii sabaa keessa barcuma koo irra taaʼe, 8) dargaggeeyyiin na arganii karaa irraa goru; maanguddoonnis kaʼanii dhaabatu ture; 9) hangafoonni sabaa dubbii afaanitti qabatanii harka isaanii afaan irra kaaʼatu ture; 10) sagaleen namoota bebeekamoo hin dhagaʼamu ture; arrabni isaaniis laagaa isaaniitti ni maxxana ture. 11) Namni na dhagaʼu kam iyyuu na jaja; kanneen na arganis na galateeffatu ture; 12) ani hiyyeessa gargaarsa barbaachaaf booʼu, nama abbaa hin qabne kan namni isa gargaaru tokko iyyuu hin jirre fureeraatii. 13) Namni duʼuu gaʼe na eebbiseera; ani akka garaan haadha hiyyeessaa gammachuun ililchus godheera. 14) Qajeelummaa akka uffata kootti uffadheera; murtiin qajeelaan immoo uffata koo fi marata mataa koo ture. 15) Ani nama jaameef ija, okkolaaf immoo miilla taʼeen ture. 16) Ani rakkataadhaaf abbaan ture; nama ormaatiif illee nan falman ture. 17) Qarriffaa nama hamaa nan cabse; waan inni qabates afaan isaatii buuseera. 18) “Ani akkana jedheen yaadee ture; ‘Manuma koo keessattin duʼa; barri jireenya kootiis akkuma cirrachaa baayʼata. 19) Hiddi koo gad fagaatee bishaan qaqqaba; fixeensis halkan guutuu dameewwan koo irra bula. 20) Ulfinni koo na keessatti haaraa taʼee jiraata; iddaanis harka koo keessatti haaromfama.’ 21) “Namoonni calʼisanii gorsa koo eeggachaa abdiidhaan na dhaggeeffatu. 22) Erga ani dubbadhee booddee isaan deebiʼanii hin dubbanne; dubbiin koos akka gaariitti gurra isaanii seena ture. 23) Isaan akkuma nama bokkaa eeggatuutti na eeggatan; dubbii koos akkuma bokkaa arfaasaa dhugan. 24) Yeroo ani isaaniif seequtti isaan hin amanne; ifni fuula koos isaaniif waan guddaa ture. 25) Ani karaa isaaniif filee akka hangafa isaaniitti nan taaʼe; akka mootii loltoota isaa gidduu jiraatuutti nan jiraadhe; ani akka nama warra booʼan jajjabeessuus taʼe. Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!