< Iyyoob 29 >

1 Iyyoob haasaa isaa itti fufee akkana jedhe:
約伯繼續他的言論說:
2 “Ani jiʼoota darban, bara Waaqni na eege sana akkamin hawwa ture,
誰能賜我似以前的歲月,像以往天主護守我的時日呢﹖
3 yeroo ibsaan isaa mataa koo irratti ife, anis ifa isaatiin dukkana keessa darbee yeroon deeme,
那時他的燈,光照在我頭上,藉他的光明,我走過黑暗。
4 yeroo ani nama jabaa ture, yeroo michummaan Waaqaa mana koo eebbise,
惟願我如壯年之時,那時天主護佑我的帳幕;
5 yeroo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu na wajjin ture, yeroo ijoolleen koo naannoo koo turan,
全能者與我相偕,我的子女環繞著我;
6 yeroo daandiin koo dhadhaadhaan jiifame, yeroo kattaanis laga zayitii ejersaa naaf yaase.
那時我以奶油洗腳,崖石流油成河。
7 “Yeroo ani gara karra magaalaatti gad baʼee oobdii sabaa keessa barcuma koo irra taaʼe,
當我走出城門,在市井設我座位之時,
8 dargaggeeyyiin na arganii karaa irraa goru; maanguddoonnis kaʼanii dhaabatu ture;
少年人看見我都迴避,老年人都起身站立;
9 hangafoonni sabaa dubbii afaanitti qabatanii harka isaanii afaan irra kaaʼatu ture;
王侯停止講話,用手堵住自己的口;
10 sagaleen namoota bebeekamoo hin dhagaʼamu ture; arrabni isaaniis laagaa isaaniitti ni maxxana ture.
首領不敢出聲,舌頭緊貼上顎。
11 Namni na dhagaʼu kam iyyuu na jaja; kanneen na arganis na galateeffatu ture;
凡有耳聽見我的,必稱我有福;凡有眼看見我的,都必稱讚我。
12 ani hiyyeessa gargaarsa barbaachaaf booʼu, nama abbaa hin qabne kan namni isa gargaaru tokko iyyuu hin jirre fureeraatii.
因為我援助了呼救的窮人,和無依無靠的孤兒。
13 Namni duʼuu gaʼe na eebbiseera; ani akka garaan haadha hiyyeessaa gammachuun ililchus godheera.
那受喪亡之痛的人稱謝我,我使寡婦的心歡樂。
14 Qajeelummaa akka uffata kootti uffadheera; murtiin qajeelaan immoo uffata koo fi marata mataa koo ture.
我披上正義,正義就如我衣;我的公正,猶如我的長袍和冠冕。
15 Ani nama jaameef ija, okkolaaf immoo miilla taʼeen ture.
我作了盲人的眼,跛者的腳。
16 Ani rakkataadhaaf abbaan ture; nama ormaatiif illee nan falman ture.
我成了窮人之父,我調查過素不相識者的案件。
17 Qarriffaa nama hamaa nan cabse; waan inni qabates afaan isaatii buuseera.
我打碎惡人的燎牙,由他牙齒中奪出了獵物。
18 “Ani akkana jedheen yaadee ture; ‘Manuma koo keessattin duʼa; barri jireenya kootiis akkuma cirrachaa baayʼata.
我心想:我必壽終正寢,我的壽數必如塵沙。
19 Hiddi koo gad fagaatee bishaan qaqqaba; fixeensis halkan guutuu dameewwan koo irra bula.
我的根蔓延到水邊,夜間甘露落在我的枝葉上。
20 Ulfinni koo na keessatti haaraa taʼee jiraata; iddaanis harka koo keessatti haaromfama.’
我的榮耀不斷更新,我手中的弓日新月異。
21 “Namoonni calʼisanii gorsa koo eeggachaa abdiidhaan na dhaggeeffatu.
聽我講話的人,屏息等待,靜聽我的指教。
22 Erga ani dubbadhee booddee isaan deebiʼanii hin dubbanne; dubbiin koos akka gaariitti gurra isaanii seena ture.
我講話之後,無人再敢講話,我的話像水珠滴在他們身上。
23 Isaan akkuma nama bokkaa eeggatuutti na eeggatan; dubbii koos akkuma bokkaa arfaasaa dhugan.
他們期待我如望甘霖,張著大口如渴盼春雨。
24 Yeroo ani isaaniif seequtti isaan hin amanne; ifni fuula koos isaaniif waan guddaa ture.
我向他們微笑,他們不敢相信;我和善的面容,他們必不放過。
25 Ani karaa isaaniif filee akka hangafa isaaniitti nan taaʼe; akka mootii loltoota isaa gidduu jiraatuutti nan jiraadhe; ani akka nama warra booʼan jajjabeessuus taʼe.
我為他們選擇了道路,身居前導,一如立在軍中的君王;我引他們到那裏,他們就去。

< Iyyoob 29 >