< Iyyoob 28 >

1 Dhugumaan iddoon meetiin keessaa qotamu, lafti warqeen itti baafamee qulqulleeffamu jira.
Akwai ramin azurfa akwai kuma wurin da ake tace zinariya.
2 Sibiilli lafa keessaa baafama; sibiilli diimaan immoo dhagaa albuudaa irraa baqfama.
Daga cikin ƙasa ake ciro ƙarfe, ana kuma narkar da tagulla daga cikin dutse.
3 Namni hamma dhuma dukkanaatti deema; moggaa akka malee fagoo dhaqees, dukkana hamaa keessa dhagaa albuudaa barbaada.
Mutum ya kawo ƙarshen duhu; yakan bincike zuzzurfar iyaka, yana neman duwatsu a wuri mafi duhu.
4 Inni lafa namoonni jiraatan irraa fagaatee iddoo miilli namaa ejjetee hin beeknetti boolla qota; namoota irraa fagaatee ni rarraʼa; asii fi achis ni raafama.
Nesa da inda mutane suke zama, yakan huda rami yă yi abin lilo, a wurin da mutane ba sa bi.
5 Lafa irraa garuu nyaatatu argama; jala isheetiin immoo akka waan ibidda taateetti geeddaramti;
Cikin ƙasa inda ake samun abinci, a ƙarƙashinta kuwa zafi ne kamar wuta;
6 dhagaan isaa burqaa sanpeerii ti; biyyoon isaas warqee qaba.
akwai duwatsu masu daraja a cikin duwatsunta, akwai kuma zinariya a cikin ƙurarta.
7 Allaattiin tokko iyyuu karaa dhokfame sana hin beeku; iji culullees karaa sana hin argine.
Tsuntsu mai farauta bai san hanyarta ba, ba shahon da ya taɓa ganin ta.
8 Bineensonni sodaachisoon irra hin ejjenne; leencis karaa sana hin darbine.
Manyan namun jeji ba su taɓa binta ba, ba zakin da ya taɓa binta.
9 Harki namaa dhagaa jabaa cabsa; hundee tulluuwwanii immoo ni gaggaragalcha.
Hannun mutum ya iya sarrafa ƙanƙarar duwatsu, yă kuma tumɓuke tushen duwatsu.
10 Inni kattaa keessaan karaa baasa; iji isaas waan gatii guddaa hunda arga.
Yana tona rami a cikin duwatsu idanunsa suna ganin dukan dukiyar da ke cikin duwatsun.
11 Madda lageenii ni sakattaʼa; waan dhokfames ifatti ni baasa.
Yana nema daga ina ruwan rafi yake ɓulɓulowa yana kuma binciko abubuwan da suke a ɓoye yă kawo su cikin haske.
12 Ogummaan garuu eessaa argamti? Hubannaanis eessa jiraata?
Amma a ina ne za a iya samun hikima? Ina fahimta take zama?
13 Namni gatii isaa hin beeku; inni biyya jiraattotaa keessatti hin argamu.
Mutum bai gane muhimmancinta ba, ba a samunta a ƙasar masu rai.
14 Tujubni, “Inni na keessa hin jiru” jedha; galaannis, “Inni na bira hin jiru” jedha.
Zurfi ya ce, “Ba ta wurina”; teku ya ce, “Ba ta wurina.”
15 Warqeen qulqulluun isa bituu hin dandaʼu; gatiin isaas meetiidhaan hin madaalamu.
Ba irin zinariyar da za tă iya sayenta, ko kuma a iya auna nauyinta da azurfa.
16 Warqee Oofiiriitti, dhagaa gatii guddaa sardooniksiitti yookaan sanpeeriitti hin tilmaamamu.
Ba za a iya sayenta da zinariyar Ofir, ko sauran duwatsu masu daraja ba.
17 Warqee fi dhagaan akka bilillee calaqqisu ittiin hin qixxaatu; inni faaya warqee qulqulluutiin hin geeddaramu.
Zinariya da madubi ba za su iya gwada kansu da ita ba, ba kuwa za a iya musayarta da abubuwan da aka yi da zinariya ba.
18 Elellaanii fi dooqni akka waan gatii qabaniitti hin hedaman; gatiin ogummaa lula diimaa caala.
Kada ma a ce murjani da duwatsu masu walƙiya; farashin hikima ya fi na lu’ulu’ai.
19 Tophaaziyooniin Itoophiyaa itti qixxaatu; warqee qulqulluudhaanis bitamuu hin dandaʼu.
Ba za a iya daidaita darajarta da duwatsun Tofaz na Kush ba, zallar zinariya ma ba tă isa ta saye ta ba.
20 Yoos ogummaan eessaa dhufti ree? Hubannaanis eessa jiraatti?
“To, daga ina ke nan hikima ta fito? Ina fahimta take zama?
21 Isheen ija uumama hundaa jalaa dhokatteerti; simbirroota samii jalaas baddeerti.
An ɓoye ta daga idanun kowane abu mai rai, har tsuntsayen sararin sama ma an ɓoye masu ita.
22 Badiisnii fi Duuti, “Nu oduu ishee qofa gurra keenyaan dhageenye” jedhu.
Hallaka da mutuwa suna cewa, ‘Jita-jitarta kaɗai muke ji.’
23 Waaqa qofatu daandii gara ishee geessu hubatee, lafa inni jiraatus beeka;
Allah ya gane hanyar zuwa wurinta. Shi ne kaɗai ya san inda take zama,
24 inni handaara lafaa ni ilaala; waan samii jala jiru hunda ni argaatii.
Gama yana ganin iyakar duniya kuma yana ganin duk abin da yake ƙarƙashin sama.
25 Inni yommuu bubbeedhaaf humna kennee bishaanota safaretti,
Lokacin da ya yi iska ya sa ta hura, ya kuma auna ruwaye.
26 yommuu bokkaadhaaf seera dhaabee bakakkaaf immoo daandii baasetti,
Lokacin da ya yi wa ruwan sama doka da kuma hanya domin walƙiya,
27 inni ogummaa ilaalee madaale; jabeessee dhaabee ishee qorate.
sai ya dubi hikima ya auna ta; ya tabbatar da ita, ya gwada ta.
28 Ergasii ilmaan namaatiin, “Gooftaa sodaachuun ogummaa; waan hamaa irraa fagaachuunis hubannaa dha” jedhe.
Ya kuma ce wa mutum, ‘Tsoron Ubangiji shi ne hikima, kuma guje wa mugunta shi ne fahimi.’”

< Iyyoob 28 >