Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Orormo Contemporary Version, Job Chapter 28 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/Job/28 1) Dhugumaan iddoon meetiin keessaa qotamu, lafti warqeen itti baafamee qulqulleeffamu jira. 2) Sibiilli lafa keessaa baafama; sibiilli diimaan immoo dhagaa albuudaa irraa baqfama. 3) Namni hamma dhuma dukkanaatti deema; moggaa akka malee fagoo dhaqees, dukkana hamaa keessa dhagaa albuudaa barbaada. 4) Inni lafa namoonni jiraatan irraa fagaatee iddoo miilli namaa ejjetee hin beeknetti boolla qota; namoota irraa fagaatee ni rarraʼa; asii fi achis ni raafama. 5) Lafa irraa garuu nyaatatu argama; jala isheetiin immoo akka waan ibidda taateetti geeddaramti; 6) dhagaan isaa burqaa sanpeerii ti; biyyoon isaas warqee qaba. 7) Allaattiin tokko iyyuu karaa dhokfame sana hin beeku; iji culullees karaa sana hin argine. 8) Bineensonni sodaachisoon irra hin ejjenne; leencis karaa sana hin darbine. 9) Harki namaa dhagaa jabaa cabsa; hundee tulluuwwanii immoo ni gaggaragalcha. 10) Inni kattaa keessaan karaa baasa; iji isaas waan gatii guddaa hunda arga. 11) Madda lageenii ni sakattaʼa; waan dhokfames ifatti ni baasa. 12) Ogummaan garuu eessaa argamti? Hubannaanis eessa jiraata? 13) Namni gatii isaa hin beeku; inni biyya jiraattotaa keessatti hin argamu. 14) Tujubni, “Inni na keessa hin jiru” jedha; galaannis, “Inni na bira hin jiru” jedha. 15) Warqeen qulqulluun isa bituu hin dandaʼu; gatiin isaas meetiidhaan hin madaalamu. 16) Warqee Oofiiriitti, dhagaa gatii guddaa sardooniksiitti yookaan sanpeeriitti hin tilmaamamu. 17) Warqee fi dhagaan akka bilillee calaqqisu ittiin hin qixxaatu; inni faaya warqee qulqulluutiin hin geeddaramu. 18) Elellaanii fi dooqni akka waan gatii qabaniitti hin hedaman; gatiin ogummaa lula diimaa caala. 19) Tophaaziyooniin Itoophiyaa itti qixxaatu; warqee qulqulluudhaanis bitamuu hin dandaʼu. 20) Yoos ogummaan eessaa dhufti ree? Hubannaanis eessa jiraatti? 21) Isheen ija uumama hundaa jalaa dhokatteerti; simbirroota samii jalaas baddeerti. 22) Badiisnii fi Duuti, “Nu oduu ishee qofa gurra keenyaan dhageenye” jedhu. 23) Waaqa qofatu daandii gara ishee geessu hubatee, lafa inni jiraatus beeka; 24) inni handaara lafaa ni ilaala; waan samii jala jiru hunda ni argaatii. 25) Inni yommuu bubbeedhaaf humna kennee bishaanota safaretti, 26) yommuu bokkaadhaaf seera dhaabee bakakkaaf immoo daandii baasetti, 27) inni ogummaa ilaalee madaale; jabeessee dhaabee ishee qorate. 28) Ergasii ilmaan namaatiin, “Gooftaa sodaachuun ogummaa; waan hamaa irraa fagaachuunis hubannaa dha” jedhe. Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!