< Iyyoob 28 >

1 Dhugumaan iddoon meetiin keessaa qotamu, lafti warqeen itti baafamee qulqulleeffamu jira.
Il y a pour l’argent une mine d’où on le fait sortir, Et pour l’or un lieu d’où on l’extrait pour l’affiner;
2 Sibiilli lafa keessaa baafama; sibiilli diimaan immoo dhagaa albuudaa irraa baqfama.
Le fer se tire de la poussière, Et la pierre se fond pour produire l’airain.
3 Namni hamma dhuma dukkanaatti deema; moggaa akka malee fagoo dhaqees, dukkana hamaa keessa dhagaa albuudaa barbaada.
L’homme fait cesser les ténèbres; Il explore, jusque dans les endroits les plus profonds, Les pierres cachées dans l’obscurité et dans l’ombre de la mort.
4 Inni lafa namoonni jiraatan irraa fagaatee iddoo miilli namaa ejjetee hin beeknetti boolla qota; namoota irraa fagaatee ni rarraʼa; asii fi achis ni raafama.
Il creuse un puits loin des lieux habités; Ses pieds ne lui sont plus en aide, Et il est suspendu, balancé, loin des humains.
5 Lafa irraa garuu nyaatatu argama; jala isheetiin immoo akka waan ibidda taateetti geeddaramti;
La terre, d’où sort le pain, Est bouleversée dans ses entrailles comme par le feu.
6 dhagaan isaa burqaa sanpeerii ti; biyyoon isaas warqee qaba.
Ses pierres contiennent du saphir, Et l’on y trouve de la poudre d’or.
7 Allaattiin tokko iyyuu karaa dhokfame sana hin beeku; iji culullees karaa sana hin argine.
L’oiseau de proie n’en connaît pas le sentier, L’œil du vautour ne l’a point aperçu;
8 Bineensonni sodaachisoon irra hin ejjenne; leencis karaa sana hin darbine.
Les plus fiers animaux ne l’ont point foulé, Le lion n’y a jamais passé.
9 Harki namaa dhagaa jabaa cabsa; hundee tulluuwwanii immoo ni gaggaragalcha.
L’homme porte sa main sur le roc, Il renverse les montagnes depuis la racine;
10 Inni kattaa keessaan karaa baasa; iji isaas waan gatii guddaa hunda arga.
Il ouvre des tranchées dans les rochers, Et son œil contemple tout ce qu’il y a de précieux;
11 Madda lageenii ni sakattaʼa; waan dhokfames ifatti ni baasa.
Il arrête l’écoulement des eaux, Et il produit à la lumière ce qui est caché.
12 Ogummaan garuu eessaa argamti? Hubannaanis eessa jiraata?
Mais la sagesse, où se trouve-t-elle? Où est la demeure de l’intelligence?
13 Namni gatii isaa hin beeku; inni biyya jiraattotaa keessatti hin argamu.
L’homme n’en connaît point le prix; Elle ne se trouve pas dans la terre des vivants.
14 Tujubni, “Inni na keessa hin jiru” jedha; galaannis, “Inni na bira hin jiru” jedha.
L’abîme dit: Elle n’est point en moi; Et la mer dit: Elle n’est point avec moi.
15 Warqeen qulqulluun isa bituu hin dandaʼu; gatiin isaas meetiidhaan hin madaalamu.
Elle ne se donne pas contre de l’or pur, Elle ne s’achète pas au poids de l’argent;
16 Warqee Oofiiriitti, dhagaa gatii guddaa sardooniksiitti yookaan sanpeeriitti hin tilmaamamu.
Elle ne se pèse pas contre l’or d’Ophir, Ni contre le précieux onyx, ni contre le saphir;
17 Warqee fi dhagaan akka bilillee calaqqisu ittiin hin qixxaatu; inni faaya warqee qulqulluutiin hin geeddaramu.
Elle ne peut se comparer à l’or ni au verre, Elle ne peut s’échanger pour un vase d’or fin.
18 Elellaanii fi dooqni akka waan gatii qabaniitti hin hedaman; gatiin ogummaa lula diimaa caala.
Le corail et le cristal ne sont rien auprès d’elle: La sagesse vaut plus que les perles.
19 Tophaaziyooniin Itoophiyaa itti qixxaatu; warqee qulqulluudhaanis bitamuu hin dandaʼu.
La topaze d’Éthiopie n’est point son égale, Et l’or pur n’entre pas en balance avec elle.
20 Yoos ogummaan eessaa dhufti ree? Hubannaanis eessa jiraatti?
D’où vient donc la sagesse? Où est la demeure de l’intelligence?
21 Isheen ija uumama hundaa jalaa dhokatteerti; simbirroota samii jalaas baddeerti.
Elle est cachée aux yeux de tout vivant, Elle est cachée aux oiseaux du ciel.
22 Badiisnii fi Duuti, “Nu oduu ishee qofa gurra keenyaan dhageenye” jedhu.
Le gouffre et la mort disent: Nous en avons entendu parler.
23 Waaqa qofatu daandii gara ishee geessu hubatee, lafa inni jiraatus beeka;
C’est Dieu qui en sait le chemin, C’est lui qui en connaît la demeure;
24 inni handaara lafaa ni ilaala; waan samii jala jiru hunda ni argaatii.
Car il voit jusqu’aux extrémités de la terre, Il aperçoit tout sous les cieux.
25 Inni yommuu bubbeedhaaf humna kennee bishaanota safaretti,
Quand il régla le poids du vent, Et qu’il fixa la mesure des eaux,
26 yommuu bokkaadhaaf seera dhaabee bakakkaaf immoo daandii baasetti,
Quand il donna des lois à la pluie, Et qu’il traça la route de l’éclair et du tonnerre,
27 inni ogummaa ilaalee madaale; jabeessee dhaabee ishee qorate.
Alors il vit la sagesse et la manifesta, Il en posa les fondements et la mit à l’épreuve.
28 Ergasii ilmaan namaatiin, “Gooftaa sodaachuun ogummaa; waan hamaa irraa fagaachuunis hubannaa dha” jedhe.
Puis il dit à l’homme: Voici, la crainte du Seigneur, c’est la sagesse; S’éloigner du mal, c’est l’intelligence.

< Iyyoob 28 >