< Iyyoob 27 >

1 Iyyoob haasaa isaa itti fufee akkana jedhe:
ויסף איוב שאת משלו ויאמר׃
2 “Dhugaa Waaqa jiraataa murtii qajeelaa na dhowwate, Waaqa Waan Hunda Dandaʼu kan lubbuu koo hadheesse sanaa,
חי אל הסיר משפטי ושדי המר נפשי׃
3 hamma lubbuun na keessa jirtutti, hamma hafuurri Waaqaa funyaan koo keessa jirutti,
כי כל עוד נשמתי בי ורוח אלוה באפי׃
4 afaan koo hammina hin dubbatu; arrabni koos nama hin gowwoomsu.
אם תדברנה שפתי עולה ולשוני אם יהגה רמיה׃
5 Isin qajeeltota jechuu, Waaqni ana irraa haa fagaatu; ani hamman duʼutti amanamummaa koo hin dhiisu.
חלילה לי אם אצדיק אתכם עד אגוע לא אסיר תמתי ממני׃
6 Qajeelummaa koo jabeessee nan qabadha; gadis hin dhiisu; bara jireenya kootii guutuu qalbiin koo na hin komattu.
בצדקתי החזקתי ולא ארפה לא יחרף לבבי מימי׃
7 “Diinni koo akka nama hamaa, mormituun koo akka nama jalʼaa haa taʼu!
יהי כרשע איבי ומתקוממי כעול׃
8 Yommuu Waaqni lubbuu isaa isa irraa fudhatee isa balleessutti, namni Waaqaaf hin bulle abdii maalii qaba?
כי מה תקות חנף כי יבצע כי ישל אלוה נפשו׃
9 Yeroo rakkinni isatti dhufutti, Waaqni iyya isaa ni dhagaʼaa?
הצעקתו ישמע אל כי תבוא עליו צרה׃
10 Inni Waaqa Waan Hunda Dandaʼutti ni gammadaa? Yeroo hundas Waaqa waammataa?
אם על שדי יתענג יקרא אלוה בכל עת׃
11 “Ani waaʼee harka Waaqaa isin nan barsiisa; waan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu bira jirus isin hin dhoksu.
אורה אתכם ביד אל אשר עם שדי לא אכחד׃
12 Hundi keessan waan kana argitaniirtu; yoos haasaan faayidaa hin qabne kun maali?
הן אתם כלכם חזיתם ולמה זה הבל תהבלו׃
13 “Carraan Waaqni nama hamaaf qoode, dhaalli namni jalʼaan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa argatu kana:
זה חלק אדם רשע עם אל ונחלת עריצים משדי יקחו׃
14 Ijoolleen isaa akka malee baayʼatan iyyuu goraadeetu isaan eeggata; sanyiin isaas waan nyaatee quufu hin qabaatu.
אם ירבו בניו למו חרב וצאצאיו לא ישבעו לחם׃
15 Hambaa isaa dhaʼichatu awwaala; niitonni isaaniis hin booʼaniif.
שרידו במות יקברו ואלמנתיו לא תבכינה׃
16 Inni meetii akkuma biyyootti tuullatee uffata immoo akkuma supheetti kuufatu illee,
אם יצבר כעפר כסף וכחמר יכין מלבוש׃
17 waan inni kuufate nama qajeelaatu uffata; meetii isaa illee nama balleessaa hin qabnetu qooddata.
יכין וצדיק ילבש וכסף נקי יחלק׃
18 Manni inni ijaaru akkuma mana dholdholee ti; akkuma daasii eegduun ijaaruu ti.
בנה כעש ביתו וכסכה עשה נצר׃
19 Inni utuma qabeenya qabuu dhaqee ciisa; garuu itti hin deebiʼu; yeroo inni ija banatutti, qabeenyi isaa hundi hin jiru.
עשיר ישכב ולא יאסף עיניו פקח ואיננו׃
20 Sodaan akkuma lolaa isa irra garagala; bubbeen hamaan immoo halkaniin isa fudhatee sokka.
תשיגהו כמים בלהות לילה גנבתו סופה׃
21 Bubbeen baʼa biiftuu isa fudhata; innis hin argamu; bubbeen sunis lafa inni jiru irraa isa haxaaʼa.
ישאהו קדים וילך וישערהו ממקמו׃
22 Inni humna bubbee jalaa baʼuuf jedhee baqata; bubbeen sunis gara laafina tokko malee itti of darbata.
וישלך עליו ולא יחמל מידו ברוח יברח׃
23 Harka isaa dhadhaʼee itti qoosa; afuufees iddoo isaatii isa balleessa.”
ישפק עלימו כפימו וישרק עליו ממקמו׃

< Iyyoob 27 >