Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Oromo Contemporary Version, Job Chapter 27 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/Job/27 1) Iyyoob haasaa isaa itti fufee akkana jedhe: 2) “Dhugaa Waaqa jiraataa murtii qajeelaa na dhowwate, Waaqa Waan Hunda Dandaʼu kan lubbuu koo hadheesse sanaa, 3) hamma lubbuun na keessa jirtutti, hamma hafuurri Waaqaa funyaan koo keessa jirutti, 4) afaan koo hammina hin dubbatu; arrabni koos nama hin gowwoomsu. 5) Isin qajeeltota jechuu, Waaqni ana irraa haa fagaatu; ani hamman duʼutti amanamummaa koo hin dhiisu. 6) Qajeelummaa koo jabeessee nan qabadha; gadis hin dhiisu; bara jireenya kootii guutuu qalbiin koo na hin komattu. 7) “Diinni koo akka nama hamaa, mormituun koo akka nama jalʼaa haa taʼu! 8) Yommuu Waaqni lubbuu isaa isa irraa fudhatee isa balleessutti, namni Waaqaaf hin bulle abdii maalii qaba? 9) Yeroo rakkinni isatti dhufutti, Waaqni iyya isaa ni dhagaʼaa? 10) Inni Waaqa Waan Hunda Dandaʼutti ni gammadaa? Yeroo hundas Waaqa waammataa? 11) “Ani waaʼee harka Waaqaa isin nan barsiisa; waan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu bira jirus isin hin dhoksu. 12) Hundi keessan waan kana argitaniirtu; yoos haasaan faayidaa hin qabne kun maali? 13) “Carraan Waaqni nama hamaaf qoode, dhaalli namni jalʼaan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa argatu kana: 14) Ijoolleen isaa akka malee baayʼatan iyyuu goraadeetu isaan eeggata; sanyiin isaas waan nyaatee quufu hin qabaatu. 15) Hambaa isaa dhaʼichatu awwaala; niitonni isaaniis hin booʼaniif. 16) Inni meetii akkuma biyyootti tuullatee uffata immoo akkuma supheetti kuufatu illee, 17) waan inni kuufate nama qajeelaatu uffata; meetii isaa illee nama balleessaa hin qabnetu qooddata. 18) Manni inni ijaaru akkuma mana dholdholee ti; akkuma daasii eegduun ijaaruu ti. 19) Inni utuma qabeenya qabuu dhaqee ciisa; garuu itti hin deebiʼu; yeroo inni ija banatutti, qabeenyi isaa hundi hin jiru. 20) Sodaan akkuma lolaa isa irra garagala; bubbeen hamaan immoo halkaniin isa fudhatee sokka. 21) Bubbeen baʼa biiftuu isa fudhata; innis hin argamu; bubbeen sunis lafa inni jiru irraa isa haxaaʼa. 22) Inni humna bubbee jalaa baʼuuf jedhee baqata; bubbeen sunis gara laafina tokko malee itti of darbata. 23) Harka isaa dhadhaʼee itti qoosa; afuufees iddoo isaatii isa balleessa.” Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!