< Iyyoob 27 >

1 Iyyoob haasaa isaa itti fufee akkana jedhe:
Ayuba kuwa ya ci gaba da magana,
2 “Dhugaa Waaqa jiraataa murtii qajeelaa na dhowwate, Waaqa Waan Hunda Dandaʼu kan lubbuu koo hadheesse sanaa,
“Na rantse da Allah mai rai, wanda ya danne mini gaskiyata, Maɗaukaki, wanda ya sa nake cikin ɗacin rai.
3 hamma lubbuun na keessa jirtutti, hamma hafuurri Waaqaa funyaan koo keessa jirutti,
Muddin ina da rai a cikina kuma numfashin Allah yana cikin hancina,
4 afaan koo hammina hin dubbatu; arrabni koos nama hin gowwoomsu.
bakina ba zai faɗi mugun abu ba, harshena kuma ba zai yi ƙarya ba.
5 Isin qajeeltota jechuu, Waaqni ana irraa haa fagaatu; ani hamman duʼutti amanamummaa koo hin dhiisu.
Ba zan taɓa yarda cewa kuna da gaskiya ba; har in mutu, ba zan daina kāre mutuncina ba.
6 Qajeelummaa koo jabeessee nan qabadha; gadis hin dhiisu; bara jireenya kootii guutuu qalbiin koo na hin komattu.
Zan ci gaba da adalcina, ba zan fasa ba; lamirina ba zai taɓa yashe ni ba, dukan kwanakin raina.
7 “Diinni koo akka nama hamaa, mormituun koo akka nama jalʼaa haa taʼu!
“Bari maƙiyana su zama kamar mugaye, masu gāba da ni kuma su zama kamar marasa adalci.
8 Yommuu Waaqni lubbuu isaa isa irraa fudhatee isa balleessutti, namni Waaqaaf hin bulle abdii maalii qaba?
Gama wane bege marar tsoron Allah yake da shi, lokacin da aka datse shi, lokacin da Allah ya ɗauke ransa?
9 Yeroo rakkinni isatti dhufutti, Waaqni iyya isaa ni dhagaʼaa?
Ko Allah yana sauraron kukansa lokacin da ƙunci ya auko masa?
10 Inni Waaqa Waan Hunda Dandaʼutti ni gammadaa? Yeroo hundas Waaqa waammataa?
Ko zai sami farin ciki daga Maɗaukaki? Ko zai yi kira ga Allah a kowane lokaci?
11 “Ani waaʼee harka Waaqaa isin nan barsiisa; waan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu bira jirus isin hin dhoksu.
“Zan koya muku game da ikon Allah; ba zan ɓoye hanyoyin Maɗaukaki ba.
12 Hundi keessan waan kana argitaniirtu; yoos haasaan faayidaa hin qabne kun maali?
Duk kun ga wannan ku da kanku saboda haka me ya sa kuke maganganun nan marasa ma’ana?
13 “Carraan Waaqni nama hamaaf qoode, dhaalli namni jalʼaan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa argatu kana:
“Ga abin da mugaye za su samu gādon da azzalumi zai samu daga Maɗaukaki.
14 Ijoolleen isaa akka malee baayʼatan iyyuu goraadeetu isaan eeggata; sanyiin isaas waan nyaatee quufu hin qabaatu.
Kome yawan’ya’yansa, takobi za tă gama da su; zuriyarsa ba za su taɓa samun isashen abinci ba.
15 Hambaa isaa dhaʼichatu awwaala; niitonni isaaniis hin booʼaniif.
Waɗanda suka tsira annoba za tă kashe su, kuma gwaurayensu ba za su yi kukan mutuwarsu ba.
16 Inni meetii akkuma biyyootti tuullatee uffata immoo akkuma supheetti kuufatu illee,
Ko da yake ya tara azurfa kamar ƙasa, tufafi kuma kamar tarin ƙasa,
17 waan inni kuufate nama qajeelaatu uffata; meetii isaa illee nama balleessaa hin qabnetu qooddata.
abin da ya tara masu adalci za su sa marasa laifi za su raba azurfarsa.
18 Manni inni ijaaru akkuma mana dholdholee ti; akkuma daasii eegduun ijaaruu ti.
Gidan da ya gina kamar gidan gizo-gizo, kamar bukkar mai tsaro.
19 Inni utuma qabeenya qabuu dhaqee ciisa; garuu itti hin deebiʼu; yeroo inni ija banatutti, qabeenyi isaa hundi hin jiru.
Attajiri zai kwanta, amma daga wannan shi ke nan; lokacin da zai buɗe idanunsa, kome ya tafi.
20 Sodaan akkuma lolaa isa irra garagala; bubbeen hamaan immoo halkaniin isa fudhatee sokka.
Tsoro zai kwashe shi kamar ambaliyar ruwa; Da dare iska za tă tafi da shi.
21 Bubbeen baʼa biiftuu isa fudhata; innis hin argamu; bubbeen sunis lafa inni jiru irraa isa haxaaʼa.
Iskar gabas za tă tafi da shi; shi ke nan ya ƙare; za tă share shi daga wurinsa.
22 Inni humna bubbee jalaa baʼuuf jedhee baqata; bubbeen sunis gara laafina tokko malee itti of darbata.
Za tă murɗe shi ba tausayi, lokacin da yake guje wa ikon iskar.
23 Harka isaa dhadhaʼee itti qoosa; afuufees iddoo isaatii isa balleessa.”
Zai tafa hannu yă yi tsaki yă kawar da shi daga wurinsa.”

< Iyyoob 27 >