< Iyyoob 26 >
1 Iyyoob akkana jedhee deebise:
Eyüp şöyle yanıtladı:
2 “Ati nama humna hin qabne hammam gargaarte! Irree laafes hammam jajjabeessite!
“Çaresize nasıl yardım ettin! Güçsüz pazıyı nasıl kurtardın!
3 Nama ogummaa hin qabneef gorsa akkamii kennite! Beekumsa guddaa akkamiis argisiifte!
Bilge olmayana ne öğütler verdin! Sağlam bilgiyi pek güzel öğrettin!
4 Akka ati dubbii kana dubbattuuf eenyutu si gargaare? Hafuura eenyuutu afaan kee keessaa dubbate?
Bu sözleri kime söyledin? Senin ağzından konuşan ruh kimin?
5 “Warri duʼan, warri bishaanii gadiitii fi kanneen bishaan keessa jiraatan hundii ni hollatu.
“Suların ve sularda yaşayanların altında Ölüler titriyor.
6 Duuti fuula Waaqaa duratti qullaa jira; badiisnis waan isa dhoksu hin qabu. (Sheol )
Tanrı'nın önünde ölüler diyarı çıplaktır, Yıkım diyarı örtüsüz. (Sheol )
7 Waaqni iddoo duwwaa irra samii kaabaa diriirsa; lafas iddoo duwwaa irratti rarraasa.
O boşluğun üzerine kuzey göklerini yayar, Hiçliğin üzerine dünyayı asar.
8 Inni duumessa isaatiin bishaanota hidhee qaba; duumessi sunis bishaanota jalatti hin dhoʼu.
Bulutların içine suları sarar, Bulutlar yırtılmaz onların ağırlığı altında.
9 Inni duumessoota isaa itti uffisuudhaan fuula jiʼaa ni haguuga.
Dolunayın yüzünü örter, Üstüne bulutlarını serper.
10 Inni fuula bishaanotaa irratti, ifaa fi dukkana gidduu daarii dhaabe.
Suların yüzeyine sınır çizer Işıkla karanlığın ayrıldığı yerde.
11 Utubaawwan samii ni hollatu; dheekkamsa isaatiinis ni rifatu.
Göklerin direkleri sarsılır, Şaşkına dönerler O azarlayınca.
12 Inni humna isaatiin galaana ni raasa; ogummaa isaatiinis Raʼaabin ni ciccira.
Gücüyle denizi çalkalar, Ustaca Rahav'ı vurur.
13 Hafuura baafatuun samiiwwan qulqulleesse; harki isaas bofa shawwisaa waraane.
Gökler O'nun soluğuyla açılır, O'nun eli parçalar kaçan yılanı.
14 Wantoonni kunneen hojii isaa keessaa qarqaruma qofa; hasaasni nu waaʼee isaa dhageenyu hammam xinnaa dha! Yoos kakawwee humna isaa eenyutu hubachuu dandaʼa ree?”
Bunlar yaptıklarının küçücük parçaları, O'ndan duyduğumuz hafif bir fısıltıdır. Gürleyen gücünü kim anlayabilir?”