< Iyyoob 26 >

1 Iyyoob akkana jedhee deebise:
Kisha Ayubu akajibu:
2 “Ati nama humna hin qabne hammam gargaarte! Irree laafes hammam jajjabeessite!
“Tazama jinsi ulivyomsaidia mtu asiye na uwezo! Jinsi ulivyouokoa mkono ulio dhaifu!
3 Nama ogummaa hin qabneef gorsa akkamii kennite! Beekumsa guddaa akkamiis argisiifte!
Ni shauri gani ulilompa yeye asiye na hekima? Nayo ni busara gani kubwa uliyoonyesha!
4 Akka ati dubbii kana dubbattuuf eenyutu si gargaare? Hafuura eenyuutu afaan kee keessaa dubbate?
Ni nani aliyekusaidia kutamka maneno hayo? Nayo ni roho ya nani iliyosema kutoka kinywani mwako?
5 “Warri duʼan, warri bishaanii gadiitii fi kanneen bishaan keessa jiraatan hundii ni hollatu.
“Wafu wako katika maumivu makuu, wale walio chini ya maji na wale waishio ndani yake.
6 Duuti fuula Waaqaa duratti qullaa jira; badiisnis waan isa dhoksu hin qabu. (Sheol h7585)
Mauti iko wazi mbele za Mungu; Uharibifu haukufunikwa. (Sheol h7585)
7 Waaqni iddoo duwwaa irra samii kaabaa diriirsa; lafas iddoo duwwaa irratti rarraasa.
Hutandaza anga la kaskazini mahali patupu; naye huiningʼiniza dunia mahali pasipo na kitu.
8 Inni duumessa isaatiin bishaanota hidhee qaba; duumessi sunis bishaanota jalatti hin dhoʼu.
Huyafungia maji kwenye mawingu yake, hata hivyo mawingu hayapasuki kwa uzito wake.
9 Inni duumessoota isaa itti uffisuudhaan fuula jiʼaa ni haguuga.
Huufunika uso wa mwezi mpevu, akitandaza mawingu juu yake.
10 Inni fuula bishaanotaa irratti, ifaa fi dukkana gidduu daarii dhaabe.
Amechora mstari wa upeo juu ya uso wa maji, ameweka mpaka wa nuru na giza.
11 Utubaawwan samii ni hollatu; dheekkamsa isaatiinis ni rifatu.
Nguzo za mbingu nazo zatetemeka, zinatishika anapozikemea.
12 Inni humna isaatiin galaana ni raasa; ogummaa isaatiinis Raʼaabin ni ciccira.
Kwa nguvu zake aliisukasuka bahari; kwa hekima yake alimkata Rahabu vipande vipande.
13 Hafuura baafatuun samiiwwan qulqulleesse; harki isaas bofa shawwisaa waraane.
Aliisafisha anga kwa pumzi yake; kwa mkono wake alimchoma joka aendaye mbio.
14 Wantoonni kunneen hojii isaa keessaa qarqaruma qofa; hasaasni nu waaʼee isaa dhageenyu hammam xinnaa dha! Yoos kakawwee humna isaa eenyutu hubachuu dandaʼa ree?”
Haya ni mambo madogo tu katika matendo yake; tazama jinsi ulivyo mdogo mnongʼono tunaousikia kumhusu! Ni nani basi awezaye kuelewa ngurumo za nguvu zake?”

< Iyyoob 26 >