< Iyyoob 18 >

1 Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise:
Sai Bildad mutumin Shuwa ya amsa,
2 “Isin haasaa kana yoom fixxu? Mee qalbeeffadhaa; ergasii dubbachuu dandeenya.
“Yaushe za ka gama maganganun nan? Ka dawo da hankalinka sa’an nan za mu iya yin magana.
3 Nu maaliif akka looniitti hedamna? Maaliifis fuula kee duratti akka gowwaatti ilaalamna?
Don me muke kamar shanu a wurinka, ka ɗauke mu mutanen wofi?
4 Ati kan aariidhaan of ciccirtu, lafti sababii keetiif duwwaatti haftii? Yookaan kattaan iddoo isaatii ni buqqifamaa?
Kai da ka yayyage kanka don haushi, za a yashe duniya saboda kai ne? Ko kuma duwatsu za su matsa daga wurinsu?
5 “Ibsaan nama hamaa ni dhaama; arrabni ibidda isaa ifa hin kennu.
“An kashe fitilar mugu; harshen wutarsa ya daina ci.
6 Ifni dunkaana isaa keessaa ni dukkanaaʼa; ibsaan isa bira jirus ni dhaama.
Wutar cikin tentinsa ta zama duhu; fitilar da take kusa da shi ta mutu.
7 Jabinni tarkaanfii isaa ni dadhaba; malli isaas isuma kuffisa.
Ƙarfin takawarsa ya ragu; dabararsa ta ja fāɗuwarsa.
8 Miilli isaa kiyyoo keessa isa buusa; inni boolla kiyyeeffame irra ni joora.
Ƙafafunsa sun kai shi cikin raga, yana ta yawo a cikin ragar.
9 Kiyyoon kottee isaa qaba; futtaasaanis jabeessee isa qaba.
Tarko ya kama ɗiɗɗigensa; tarko ya riƙe shi kam.
10 Lafa irra funyoon isaaf dhokfameera; karaa isaa irras kiyyoon kaaʼameera.
An ɓoye masa igiya da za tă zarge shi a ƙasa; an sa masa tarko a kan hanyar da zai bi.
11 Naasuun karaa hundaan isa sodaachisa; faana isaa buʼees isa ariʼa.
Tsoro duk ya kewaye shi ta kowane gefe yana bin shi duk inda ya je.
12 Badiisni afaan itti banateera; balaanis qophaaʼee jiguu isaa eeggata.
Masifa tana jiransa; bala’i yana shirye yă fāɗa masa a lokacin da zai fāɗi.
13 Gogaan isaa dhukkubaan nyaatamee dhuma; ilmi duʼaa hangaftichi harkaa fi miilla isaa nyaata.
Ya cinye wani sashe na gaɓar jikinsa; ɗan fari na mutuwa ya cinye ƙafafunsa.
14 Inni dunkaana abdate keessaa buqqifamee gara mootii sodaatti geeffama.
An yage shi daga zaman lafiyar da yake yi a cikin tentinsa aka sa shi tsoro sosai.
15 Waan kan isaa hin taʼinis dunkaana isaa keessa jiraata; dinyiin bobaʼus iddoo inni jiraatu irra faffacaʼa.
Wuta ta cinye tentinsa; farar wuta ta rufe wurin da yake zama.
16 Jalaan hiddi isaa ni goga; irraan immoo dameen isaa ni coollaga.
Jijiyoyinsa sun bushe a ƙasa rassansa sun mutu a sama.
17 Yaadannoon isaa lafa irraa ni bada; maqaan isaas lafa irraa ni dhabama.
An manta da shi a duniya; ba wanda yake ƙara tunawa da shi.
18 Inni ifa keessaa gara dukkanaatti darbatama; addunyaa irraas ni dhabama.
An tura shi daga cikin haske zuwa cikin duhu, an kore shi daga duniya.
19 Inni saba isaa gidduutti ijoollee yookaan sanyii, biyya duraan jiraate keessatti hambaa hin qabaatu.
Ba shi da’ya’ya ko zuriya cikin mutanensa, ba sauran wanda yake a raye a wurin da ya taɓa zama.
20 Namoonni dhiʼaa waaʼee isaa dhagaʼanii rifatu; warri baʼaas sodaadhaan guutamu.
Mutanen Yamma suna mamakin abin da ya faru da shi; tsoro ya kama mutanen gabas.
21 Iddoon jireenya nama hamaa, dhugumaan akkana taʼa; iddoon nama Waaqa hin beeknees kanuma taʼa.”
Ba shakka haka wurin zaman mugun mutum yake, haka wurin zaman wanda bai san Allah ba yake.”

< Iyyoob 18 >