Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Oromo Contemporary Version, Job Chapter 18 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/Job/18 1) Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise: 2) “Isin haasaa kana yoom fixxu? Mee qalbeeffadhaa; ergasii dubbachuu dandeenya. 3) Nu maaliif akka looniitti hedamna? Maaliifis fuula kee duratti akka gowwaatti ilaalamna? 4) Ati kan aariidhaan of ciccirtu, lafti sababii keetiif duwwaatti haftii? Yookaan kattaan iddoo isaatii ni buqqifamaa? 5) “Ibsaan nama hamaa ni dhaama; arrabni ibidda isaa ifa hin kennu. 6) Ifni dunkaana isaa keessaa ni dukkanaaʼa; ibsaan isa bira jirus ni dhaama. 7) Jabinni tarkaanfii isaa ni dadhaba; malli isaas isuma kuffisa. 8) Miilli isaa kiyyoo keessa isa buusa; inni boolla kiyyeeffame irra ni joora. 9) Kiyyoon kottee isaa qaba; futtaasaanis jabeessee isa qaba. 10) Lafa irra funyoon isaaf dhokfameera; karaa isaa irras kiyyoon kaaʼameera. 11) Naasuun karaa hundaan isa sodaachisa; faana isaa buʼees isa ariʼa. 12) Badiisni afaan itti banateera; balaanis qophaaʼee jiguu isaa eeggata. 13) Gogaan isaa dhukkubaan nyaatamee dhuma; ilmi duʼaa hangaftichi harkaa fi miilla isaa nyaata. 14) Inni dunkaana abdate keessaa buqqifamee gara mootii sodaatti geeffama. 15) Waan kan isaa hin taʼinis dunkaana isaa keessa jiraata; dinyiin bobaʼus iddoo inni jiraatu irra faffacaʼa. 16) Jalaan hiddi isaa ni goga; irraan immoo dameen isaa ni coollaga. 17) Yaadannoon isaa lafa irraa ni bada; maqaan isaas lafa irraa ni dhabama. 18) Inni ifa keessaa gara dukkanaatti darbatama; addunyaa irraas ni dhabama. 19) Inni saba isaa gidduutti ijoollee yookaan sanyii, biyya duraan jiraate keessatti hambaa hin qabaatu. 20) Namoonni dhiʼaa waaʼee isaa dhagaʼanii rifatu; warri baʼaas sodaadhaan guutamu. 21) Iddoon jireenya nama hamaa, dhugumaan akkana taʼa; iddoon nama Waaqa hin beeknees kanuma taʼa.” Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!