< Iyyoob 13 >
1 “Waan kana hunda iji koo argeera; gurri koos dhagaʼee hubateera.
“Idanuna sun ga waɗannan duka, kunnuwana sun ji sun kuma gane.
2 Waan isin beektan anis beeka; ani isinii gad miti.
Abin da kuka sani, ni ma na sani; ba ku fi ni ba.
3 Ani garuu Waaqa Waan Hunda Dandaʼutti nan dubbadha; waaʼee dhimma koos Waaqatti falmuu nan barbaada.
Amma ina so in yi magana da Maɗaukaki, in kai kukana wurin Allah kai tsaye.
4 Isin garuu sobaan nama faaltu; hundi keessan abbootii qorichaa kanneen faayidaa hin qabnee dha!
Ku kuma kun ishe ni da ƙarairayi; ku likitocin wofi ne, dukanku!
5 Isin yoo cal jettan maal qaba! Wanni sun ogummaa isiniif taʼa.
In da za ku yi shiru gaba ɗaya! Zai zama muku hikima.
6 Amma falmii koo dhagaʼaa; kadhannaa afaan kootiis dhaggeeffadhaa.
Ku ji gardamata yanzu; ku ji roƙon da zai fito daga bakina.
7 Isin jalʼinaan Waaqaaf dubbattuu? Gowwoomsaadhaanis isaaf odeessituu?
Za ku iya yin muguwar magana a madadin Allah? Ko za ku yi ƙarya a madadinsa?
8 Isaaf ni loogduu? Waaqaafis ni falmituu?
Ko za ku nuna masa sonkai? Ko za ku yi gardama a madadinsa?
9 Yoo inni isin qore wanni gaariin isin irraa argamaa? Isin akka nama gowwoomsitan, isa gowwoomsuu dandeessuu?
In ya bincike ku zai tarar ba ku da laifi? Ko za ku iya ruɗe shi yadda za ku ruɗi mutane?
10 Yoo isin dhoksaadhaan loogii hojjettan, inni dhugumaan isinitti dheekkama.
Ba shakka zai kwaɓe ku in kun nuna sonkai a ɓoye.
11 Surraan isaa isin hin sodaachisuu? Sodaachisuun isaa isinitti hin dhagaʼamuu?
Ko ikonsa ba ya ba ku tsoro? Tsoronsa ba zai auka muku ba?
12 Fakkeenyi keessan fakkeenya daaraa ti; daʼoon keessanis daʼoo suphee ti.
Duk surutanku kamar toka suke; kāriyarku na yimɓu ne.
13 “Akka ani dubbadhuuf isin cal jedhaa; ergasii wanni barbaade natti haa dhufu.
“Ku yi shiru zan yi magana; sa’an nan abin da zai same ni yă same ni.
14 Ani maaliifin foon koo ilkaan kootiin, lubbuu koos harka kootiin qabadha?
Don me na sa kaina cikin hatsari na yi kasada da raina?
15 Yoo inni na ajjeese iyyuu ani isa nan abdadha; waaʼee dhimma kootii illee fuula isaa duratti nan falmadha.
Ko da zai kashe ni ne, begena a cikinsa zai kasance; ba shakka zan kāre kaina a gabansa
16 Kun fayyina koo ni taʼa; warri Waaqatti hin bulle fuula isaa duratti dhiʼaachuu hin dandaʼaniitii!
lalle wannan zai kawo mini kuɓuta gama ba wani marar tsoron Allah da zai iya zuwa wurinsa!
17 Dubbii koo qalbeeffadhaa dhaggeeffadhaa; waan ani jedhus gurri keessan haa dhagaʼu.
Ku saurara da kyau ku ji abin da zan faɗa; bari kunnuwanku su ji abin da zan ce.
18 Kunoo ani himata koo qopheeffadheera; akka inni murtii qajeelaa naa kennus nan beeka.
Yanzu da na shirya ƙarata, na san za a ce ba ni da laifi.
19 Namni na himatu jiraa? Yoo jiraate, ani nan calʼisa; nan duʼas.
Ko wani zai ce ga laifin da na yi? In an same ni da laifi, zan yi shiru in mutu.
20 “Yaa Waaqayyo, ati wantoota kanneen lamaan naa kenni malee ani fuula kee duraa hin dhokadhu.
“Kai dai biya mini waɗannan bukatu biyu kawai ya Allah, ba zan kuwa ɓoye daga gare ka ba;
21 Harka kee narraa fageessi; sodaachisni kees na hin rifachiisin.
Ka janye hannunka nesa da ni, ka daina ba ni tsoro da bantsoronka.
22 Ergasii na waami; anis nan owwaadha; yookaan nan dubbadha; ati immoo deebii naa kennita.
Sa’an nan ka kira ni, zan kuwa amsa, ko kuma ka bar ni in yi magana sai ka amsa mini.
23 Ani balleessaa fi cubbuu hammamin hojjedhe? Yakka kootii fi cubbuu koo na beeksisi.
Abubuwa nawa na yi waɗanda ba daidai ba, kuma zunubi ne? Ka nuna mini laifina da zunubina.
24 Ati maaliif fuula kee dhokfattee akka diinaatti na ilaalta?
Don me ka ɓoye mini fuskarka; ka kuma sa na zama kamar maƙiyinka?
25 Baala qilleensi harcaase ni ciccirtaa? Habaqii gogaa ni ariitaa?
Ko za a wahalar da ganye wanda iska take hurawa? Ko za ka bi busasshiyar ciyawa?
26 Ati waan ittiin na hadheessitu natti barreessitaatii; cubbuu dargaggummaa kootiis na dhaalchifta.
Gama ka rubuta abubuwa marasa daɗi game da ni; ka sa na yi gādon zunuban ƙuruciyata.
27 Miilla koo jirma gidduu galchita; faana miilla kootiitti mallattoo gootee karaa koo hunda xiyyeeffattee duukaa buuta.
Ka daure ƙafafuna da sarƙa; kana kallon duk inda na taka ta wurin sa shaida a tafin ƙafafuna.
28 “Namnis akkuma waan bososeetti, akkuma wayyaa biliin nyaateetti ni dhuma.
“Haka mutum yake lalacewa kamar ruɓaɓɓen abu, kamar rigar da asu ya cinye.