Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Oromo Contemporary Version, Job Chapter 13 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/Job/13 1) “Waan kana hunda iji koo argeera; gurri koos dhagaʼee hubateera. 2) Waan isin beektan anis beeka; ani isinii gad miti. 3) Ani garuu Waaqa Waan Hunda Dandaʼutti nan dubbadha; waaʼee dhimma koos Waaqatti falmuu nan barbaada. 4) Isin garuu sobaan nama faaltu; hundi keessan abbootii qorichaa kanneen faayidaa hin qabnee dha! 5) Isin yoo cal jettan maal qaba! Wanni sun ogummaa isiniif taʼa. 6) Amma falmii koo dhagaʼaa; kadhannaa afaan kootiis dhaggeeffadhaa. 7) Isin jalʼinaan Waaqaaf dubbattuu? Gowwoomsaadhaanis isaaf odeessituu? 8) Isaaf ni loogduu? Waaqaafis ni falmituu? 9) Yoo inni isin qore wanni gaariin isin irraa argamaa? Isin akka nama gowwoomsitan, isa gowwoomsuu dandeessuu? 10) Yoo isin dhoksaadhaan loogii hojjettan, inni dhugumaan isinitti dheekkama. 11) Surraan isaa isin hin sodaachisuu? Sodaachisuun isaa isinitti hin dhagaʼamuu? 12) Fakkeenyi keessan fakkeenya daaraa ti; daʼoon keessanis daʼoo suphee ti. 13) “Akka ani dubbadhuuf isin cal jedhaa; ergasii wanni barbaade natti haa dhufu. 14) Ani maaliifin foon koo ilkaan kootiin, lubbuu koos harka kootiin qabadha? 15) Yoo inni na ajjeese iyyuu ani isa nan abdadha; waaʼee dhimma kootii illee fuula isaa duratti nan falmadha. 16) Kun fayyina koo ni taʼa; warri Waaqatti hin bulle fuula isaa duratti dhiʼaachuu hin dandaʼaniitii! 17) Dubbii koo qalbeeffadhaa dhaggeeffadhaa; waan ani jedhus gurri keessan haa dhagaʼu. 18) Kunoo ani himata koo qopheeffadheera; akka inni murtii qajeelaa naa kennus nan beeka. 19) Namni na himatu jiraa? Yoo jiraate, ani nan calʼisa; nan duʼas. 20) “Yaa Waaqayyo, ati wantoota kanneen lamaan naa kenni malee ani fuula kee duraa hin dhokadhu. 21) Harka kee narraa fageessi; sodaachisni kees na hin rifachiisin. 22) Ergasii na waami; anis nan owwaadha; yookaan nan dubbadha; ati immoo deebii naa kennita. 23) Ani balleessaa fi cubbuu hammamin hojjedhe? Yakka kootii fi cubbuu koo na beeksisi. 24) Ati maaliif fuula kee dhokfattee akka diinaatti na ilaalta? 25) Baala qilleensi harcaase ni ciccirtaa? Habaqii gogaa ni ariitaa? 26) Ati waan ittiin na hadheessitu natti barreessitaatii; cubbuu dargaggummaa kootiis na dhaalchifta. 27) Miilla koo jirma gidduu galchita; faana miilla kootiitti mallattoo gootee karaa koo hunda xiyyeeffattee duukaa buuta. 28) “Namnis akkuma waan bososeetti, akkuma wayyaa biliin nyaateetti ni dhuma. Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!