< Iyyoob 13 >

1 “Waan kana hunda iji koo argeera; gurri koos dhagaʼee hubateera.
“Behold, my eye has seen all this. My ear has heard and understood it.
2 Waan isin beektan anis beeka; ani isinii gad miti.
What you know, I know also. I am not inferior to you.
3 Ani garuu Waaqa Waan Hunda Dandaʼutti nan dubbadha; waaʼee dhimma koos Waaqatti falmuu nan barbaada.
“Surely I would speak to the Almighty. I desire to reason with God.
4 Isin garuu sobaan nama faaltu; hundi keessan abbootii qorichaa kanneen faayidaa hin qabnee dha!
But you are forgers of lies. You are all physicians of no value.
5 Isin yoo cal jettan maal qaba! Wanni sun ogummaa isiniif taʼa.
Oh that you would be completely silent! Then you would be wise.
6 Amma falmii koo dhagaʼaa; kadhannaa afaan kootiis dhaggeeffadhaa.
Hear now my reasoning. Listen to the pleadings of my lips.
7 Isin jalʼinaan Waaqaaf dubbattuu? Gowwoomsaadhaanis isaaf odeessituu?
Will you speak unrighteously for God, and talk deceitfully for him?
8 Isaaf ni loogduu? Waaqaafis ni falmituu?
Will you show partiality to him? Will you contend for God?
9 Yoo inni isin qore wanni gaariin isin irraa argamaa? Isin akka nama gowwoomsitan, isa gowwoomsuu dandeessuu?
Is it good that he should search you out? Or as one deceives a man, will you deceive him?
10 Yoo isin dhoksaadhaan loogii hojjettan, inni dhugumaan isinitti dheekkama.
He will surely reprove you if you secretly show partiality.
11 Surraan isaa isin hin sodaachisuu? Sodaachisuun isaa isinitti hin dhagaʼamuu?
Will not his majesty make you afraid and his dread fall on you?
12 Fakkeenyi keessan fakkeenya daaraa ti; daʼoon keessanis daʼoo suphee ti.
Your memorable sayings are proverbs of ashes. Your defenses are defenses of clay.
13 “Akka ani dubbadhuuf isin cal jedhaa; ergasii wanni barbaade natti haa dhufu.
“Be silent! Leave me alone, that I may speak. Let come on me what will.
14 Ani maaliifin foon koo ilkaan kootiin, lubbuu koos harka kootiin qabadha?
Why should I take my flesh in my teeth, and put my life in my hand?
15 Yoo inni na ajjeese iyyuu ani isa nan abdadha; waaʼee dhimma kootii illee fuula isaa duratti nan falmadha.
Behold, he will kill me. I have no hope. Nevertheless, I will maintain my ways before him.
16 Kun fayyina koo ni taʼa; warri Waaqatti hin bulle fuula isaa duratti dhiʼaachuu hin dandaʼaniitii!
This also will be my salvation, that a godless man will not come before him.
17 Dubbii koo qalbeeffadhaa dhaggeeffadhaa; waan ani jedhus gurri keessan haa dhagaʼu.
Listen carefully to my speech. Let my declaration be in your ears.
18 Kunoo ani himata koo qopheeffadheera; akka inni murtii qajeelaa naa kennus nan beeka.
See now, I have set my cause in order. I know that I am righteous.
19 Namni na himatu jiraa? Yoo jiraate, ani nan calʼisa; nan duʼas.
Who is he who will contend with me? For then would I hold my peace and give up the spirit.
20 “Yaa Waaqayyo, ati wantoota kanneen lamaan naa kenni malee ani fuula kee duraa hin dhokadhu.
“Only do not do two things to me, then I will not hide myself from your face:
21 Harka kee narraa fageessi; sodaachisni kees na hin rifachiisin.
withdraw your hand far from me, and do not let your terror make me afraid.
22 Ergasii na waami; anis nan owwaadha; yookaan nan dubbadha; ati immoo deebii naa kennita.
Then call, and I will answer, or let me speak, and you answer me.
23 Ani balleessaa fi cubbuu hammamin hojjedhe? Yakka kootii fi cubbuu koo na beeksisi.
How many are my iniquities and sins? Make me know my disobedience and my sin.
24 Ati maaliif fuula kee dhokfattee akka diinaatti na ilaalta?
Why do you hide your face, and consider me your enemy?
25 Baala qilleensi harcaase ni ciccirtaa? Habaqii gogaa ni ariitaa?
Will you harass a driven leaf? Will you pursue the dry stubble?
26 Ati waan ittiin na hadheessitu natti barreessitaatii; cubbuu dargaggummaa kootiis na dhaalchifta.
For you write bitter things against me, and make me inherit the iniquities of my youth.
27 Miilla koo jirma gidduu galchita; faana miilla kootiitti mallattoo gootee karaa koo hunda xiyyeeffattee duukaa buuta.
You also put my feet in the stocks, and mark all my paths. You set a bound to the soles of my feet,
28 “Namnis akkuma waan bososeetti, akkuma wayyaa biliin nyaateetti ni dhuma.
though I am decaying like a rotten thing, like a garment that is moth-eaten.

< Iyyoob 13 >