< Iyyoob 11 >
1 Zoofaari Naaʼimaatichi akkana jedhee deebise:
Ndipo Sofari Mnaamathi akajibu:
2 “Dubbiiwwan kunneen hundi deebii argachuu hin qabanii? Dubbii baayʼisuun qajeelaa nama godhaa?
“Je, maneno haya yote yapite bila kujibiwa? Je, huyu mnenaji athibitishwe kuwa na haki?
3 Of jajuun kee afaan nama qabachiisaa? Yommuu ati qoostu namni si ifatu hin jiruu?
Je, maneno yako ya upuzi yawafanye watu wanyamaze kimya? Je, mtu asikukemee unapofanya dhihaka?
4 Ati Waaqaan, ‘Barsiisni koo qulqulluu dha; ani fuula kee duratti hirʼina hin qabu’ jetta.
Unamwambia Mungu, ‘Imani yangu ni kamili nami ni safi mbele zako.’
5 Maaloo utuu Waaqni sitti dubbatee, utuu afaan isaas sitti saaqqatee
Aha! Laiti kwamba Mungu angesema, kwamba angefungua midomo yake dhidi yako,
6 icciitii ogummaa siif ibsee ani akkamin hawwa! Ogummaan dhugaan bifa lama qabaatii. Kanaafuu Waaqni cubbuu kee muraasa akka siif irraanfate beeki.
naye akufunulie siri za hekima, kwa kuwa hekima ya kweli ina pande mbili. Ujue hili: Mungu amesahau hata baadhi ya dhambi zako.
7 “Icciitii Waaqaa qorattee bira gaʼuu yookaan yaada Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu qorattee bira gaʼuu dandeessaa?
“Je, waweza kujua siri za Mungu? Je, waweza kuyachunguza mambo yote kumhusu Mwenyezi?
8 Isaan samiiwwan caalaa ol fagaatu; ati maal gochuu dandeessa? Qilee awwaalaa caalaas gad fagaatu; ati maal beekuu dandeessa? (Sheol )
Ni juu mno kuliko mbingu: waweza kufanya nini? Kina chake ni kirefu kuliko kuzimu: wewe waweza kujua nini? (Sheol )
9 Safarri isaa lafa caalaa dheerata; galaana caalaa balʼata.
Kipimo chake ni kirefu kuliko dunia, nacho ni kipana kuliko bahari.
10 “Yoo inni dhufee mana hidhaatti si galche, yoo waldaa murtiis walitti qabe eenyutu isa dhowwuu dandaʼa?
“Kama akija na kukufunga gerezani, na kuitisha mahakama, ni nani awezaye kumpinga?
11 Dhugumaan inni sobdoota ni beeka; inni yommuu jalʼina argutti hin qalbeeffatuu?
Hakika anawatambua watu wadanganyifu; naye aonapo uovu, je, haangalii?
12 Yoo harreen diidaa nama taʼee dhalate malee gowwaan ogeessa taʼuu hin dandaʼu.
Mpumbavu aweza kuwa mwenye hekima, endapo mtoto wa punda-mwitu atazaliwa mwanadamu.
13 “Taʼus yoo ati yaada kee gara isaatti deebiftee harka kees gara isaatti diriirsite,
“Hata sasa ukiutoa moyo wako kwake na kumwinulia mikono yako,
14 cubbuu harka kee keessa jiru yoo of irraa fageessite, akka wanni hamaanis dunkaana kee keessa hin jiraanne yoo goote,
ukiiondolea mbali ile dhambi iliyo mkononi mwako wala usiuruhusu uovu ukae hemani mwako,
15 ati qaanii tokko malee fuula kee ol qabachuu dandeessa; sodaa tokko malees jabaattee dhaabatta.
ndipo utainua uso wako bila aibu; utasimama imara bila hofu.
16 Ati dhugumaan rakkina kee ni irraanfatta; akkuma lolaa darbeettis ni lakkoofta.
Hakika utaisahau taabu yako, utaikumbuka tu kama maji yaliyokwisha kupita.
17 Jireenyi kee aduu saafaa caalaa ifa; dukkanni isaas akkuma barii ganamaa taʼa.
Maisha yako yatangʼaa kuliko adhuhuri, nalo giza litakuwa kama alfajiri.
18 Waan abdiin jiruuf ati hin sodaattu; naannoo kee ni ilaalta; nagaadhaanis ni boqotta.
Utakuwa salama, kwa kuwa lipo tumaini; utatazama pande zote na kupumzika kwa salama.
19 Ati ni rafta; namni tokko iyyuu si hin sodaachisu; namoonni baayʼeenis fuula kee barbaadu.
Utalala, wala hakuna atakayekuogofya, naam, wengi watajipendekeza kwako.
20 Iji hamootaa ni dadhaba; karaan ittiin baqatanis isaan jalaa bada; abdiin isaaniis duʼa qofa.”
Bali macho ya waovu hayataona, wokovu utawaepuka; tarajio lao litakuwa ni hangaiko la mtu anayekata roho.”