Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Oromo Contemporary Version, Job Chapter 11 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/Job/11 1) Zoofaari Naaʼimaatichi akkana jedhee deebise: 2) “Dubbiiwwan kunneen hundi deebii argachuu hin qabanii? Dubbii baayʼisuun qajeelaa nama godhaa? 3) Of jajuun kee afaan nama qabachiisaa? Yommuu ati qoostu namni si ifatu hin jiruu? 4) Ati Waaqaan, ‘Barsiisni koo qulqulluu dha; ani fuula kee duratti hirʼina hin qabu’ jetta. 5) Maaloo utuu Waaqni sitti dubbatee, utuu afaan isaas sitti saaqqatee 6) icciitii ogummaa siif ibsee ani akkamin hawwa! Ogummaan dhugaan bifa lama qabaatii. Kanaafuu Waaqni cubbuu kee muraasa akka siif irraanfate beeki. 7) “Icciitii Waaqaa qorattee bira gaʼuu yookaan yaada Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu qorattee bira gaʼuu dandeessaa? 8) Isaan samiiwwan caalaa ol fagaatu; ati maal gochuu dandeessa? Qilee awwaalaa caalaas gad fagaatu; ati maal beekuu dandeessa? (Sheol h7585) 9) Safarri isaa lafa caalaa dheerata; galaana caalaa balʼata. 10) “Yoo inni dhufee mana hidhaatti si galche, yoo waldaa murtiis walitti qabe eenyutu isa dhowwuu dandaʼa? 11) Dhugumaan inni sobdoota ni beeka; inni yommuu jalʼina argutti hin qalbeeffatuu? 12) Yoo harreen diidaa nama taʼee dhalate malee gowwaan ogeessa taʼuu hin dandaʼu. 13) “Taʼus yoo ati yaada kee gara isaatti deebiftee harka kees gara isaatti diriirsite, 14) cubbuu harka kee keessa jiru yoo of irraa fageessite, akka wanni hamaanis dunkaana kee keessa hin jiraanne yoo goote, 15) ati qaanii tokko malee fuula kee ol qabachuu dandeessa; sodaa tokko malees jabaattee dhaabatta. 16) Ati dhugumaan rakkina kee ni irraanfatta; akkuma lolaa darbeettis ni lakkoofta. 17) Jireenyi kee aduu saafaa caalaa ifa; dukkanni isaas akkuma barii ganamaa taʼa. 18) Waan abdiin jiruuf ati hin sodaattu; naannoo kee ni ilaalta; nagaadhaanis ni boqotta. 19) Ati ni rafta; namni tokko iyyuu si hin sodaachisu; namoonni baayʼeenis fuula kee barbaadu. 20) Iji hamootaa ni dadhaba; karaan ittiin baqatanis isaan jalaa bada; abdiin isaaniis duʼa qofa.” Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!