< Ermiyaas 11 >

1 Dubbiin Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe isa kanaa dha:
Hili ndilo neno lililojia Yeremia kutoka kwa Bwana, akasema,
2 “Dubbii kakuu kanaa dhagaʼaatii saba Yihuudaattii fi namoota Yerusaalem keessa jiraatanitti himaa.
“Sikiliza maneno ya agano hili, uwaambie kila mtu wa Yuda na wenyeji wa Yerusalemu.
3 Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha, jedhiitii isaanitti himi; ‘Namni dubbii kakuu kanaatiif hin ajajamne haa abaaramu.
Uwaambie, 'Bwana, Mungu wa Israeli, asema hivi: na alaaniwe yeyote asiyesikiliza maneno ya agano hili.
4 Dubbiin kunis dubbii ani yeroon biyya Gibxi jechuunis boolla ibiddaa kan itti sibiila baqsan keessaa isaan baasetti abbootii keessan ajajee dha.’ Anis akkanan jedhee, ‘Naa ajajamaatii waan ani isin ajaju hunda hojjedhaa; yoos isin saba koo taatu. Anis Waaqa keessan nan taʼa.
Hili ndilo agano nililowaamuru baba zenu walishike siku nilipowatoa kutoka katika nchi ya Misri, kutoka tanuru ya chuma. Nikawaambia, “Sikilizeni sauti yangu na mfanye mambo yote kama nilivyowaamuru, kwa kuwa mtakuwa watu wangu nami nitakuwa Mungu wenu.”
5 Ergasiis ani kakuu akka biyya aannanii fi dammii keessaa yaaʼu isaaniif kennuuf abbootii keessaniif kakadhe sana fiixaan nan baasa;’ biyyi sunis biyya isin harʼa dhaaltanii jirtanii dha.” Anis “Ameen, Yaa Waaqayyo” nan jedhe.
Nisikilizeni ili nipate kukitimiza kiapo nilichoapa kwa baba zenu, kiapo kwamba nitawapa nchi iliyojaa maziwa na asali kama ilivyo leo.'” Kisha mimi Yeremia nikajibu na kusema, “Ndio, Bwana!”
6 Waaqayyo akkana naan jedhe; “Dubbii kana hunda magaalaawwan Yihuudaa keessattii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti akkana jedhii labsi; ‘Dubbii kakuu kanaa hunda dhagaʼaatii duukaa buʼaa.
Bwana akaniambia, “Hubiri habari hizi yote katika miji ya Yuda, na katika njia za Yerusalemu. Sema, “Sikilizeni maneno ya agano hili na mkayafanye.
7 Ani gaafan abbootii keessan biyya Gibxiitii baasee jalqabee hamma harʼaatti, “Naa ajajamaa” jedhee ammumaa amma isaan akeekkachiisaan ture.
Kwa maana nimewaagiza wazee wenu tangu siku ile niliyowaleta kutoka nchi ya Misri hadi wakati huu wa sasa, nimewaonya mara kwa mara na kusema, “Sikilizeni sauti yangu.'”
8 Isaan garuu hin dhaggeeffanne yookaan hin qalbeeffanne; qooda kanaa isaan mata jabina garaa isaanii hamaa sanaa faana buʼan. Kanaafuu ani abaarsa kakuu ani akka isaan duukaa buʼaniif isaan ajajee isaan garuu eeguu didan sanaa hunda isaanittan fide.’”
Lakini hawakusikiliza au wala kutega masikio yao. Kila mtu amekuwa akitembea katika ukaidi wa moyo wake mbaya. Kwa hiyo nilileta laana zote katika agano hili nililoamuru kuja juu yao. Lakini watu bado hawakuitii.”
9 Ammas Waaqayyo akkana naan jedhe; “Saba Yihuudaatii fi uummata Yerusaalem jiraatu gidduutti fincila tokkotu argame.
Kisha Bwana akaniambia, “Njama imeonekana kati ya watu wa Yuda na wenyeji wa Yerusalemu.
10 Isaan gara cubbuu abbootii isaanii kanneen dubbii koo dhagaʼuu didan sanaatti deebiʼaniiru. Waaqota biraa tajaajiluudhaaf jedhaniis isaan faana buʼaniiru. Manni Israaʼelii fi manni Yihuudaa kakuu ani abbootii isaanii wajjin kakadhe sana cabsaniiru.
Wameugeukia uovu wa mababu zao wa mwanzo, ambao walikataa kusikiliza neno langu, ambao badala yake walifuata miungu mingine ili kuabudu. Waisraeli na nyumba ya Yuda walivunja agano langu nililoweka na baba zao.
11 Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha; ‘Ani balaa jarri jalaa baʼuu hin dandeenye tokko isaanitti nan fida. Yoo isaan natti iyyatan iyyuu ani isaan hin dhagaʼu.
Kwa hiyo Bwana asema hivi, 'Tazameni, nitawaletea majanga juu yao, majanga ambayo hawataweza kuyaepuka. Ndipo wataniita, lakini sitawasikiliza.
12 Magaalaawwan Yihuudaatii fi namoonni Yerusaalem dhaqanii waaqota duraan ixaana aarsaniif sanatti iyyatan; waaqonni sun garuu yeroo rakkinni isaanitti dhufutti isaan gargaaruu hin dandaʼan.
Miji ya Yuda na wenyeji wa Yerusalemu watakwenda na kuiita miungu ambayo walitoa sadaka, lakini hakika hawatawaokoa wakati wa majanga yao.
13 Yaa Yihuudaa ati akkuma magaalaawwan baayʼee qabdu sana waaqota baayʼee qabda; iddoowwan aarsaa kanneen isin Baʼaal waaqa qaanessaa sanaaf qopheessitanis akkuma daandiiwwan Yerusaalem baayʼatan.’
Kwa kuwa idadi ya miungu yako ewe Yuda imeongezeka sawa na idadi ya miji yako. Na umefanya idadi ya madhabahu ya aibu huko Yerusalemu, madhabahu ya kufukiza uvumba kwa Baali, sawa na idadi ya njia zake.
14 “Sababii ani yeroo isaan rakkina isaanii keessatti na waammatanitti isaan hin dhageenyeef ati saba kanaaf hin kadhatin; waammata yookaan iyyata tokko illee hin dhiʼeessiniif.
Kwa hiyo wewe mwenyewe, Yeremia, usiwaombee watu hawa. Lazima usiomboleze au kuomba kwa niaba yao. Kwa maana siwezi kusikiliza wakati wananiita katika majanga yao.
15 “Michuun koo namoota hedduu wajjin hojii hamaa hojjechaa mana qulqullummaa koo keessaa maal qabdi? Foon qulqulleeffamee addaan baafame adabbii kee sirraa deebisuu ni dandaʼaa? Gaafa waan hamaa hojjettu, ati ni gammaddaatii.”
Mpendwa wangu anafanya nini nyumbani kwangu, ikiwa amekuwa na nia mbaya? Nyama za sadaka yako hazitakusaidia. Unafurahi kwa sababu ya matendo yako mabaya.
16 Waaqayyo duraan, Muka ejersaa lalisaa miidhagaa ija qabu siin jedhee ture. Amma garuu huursaa bubbee jabaatiin ibidda itti qabsiisa; dameewwan isaas ni caccabsamu.
Katika siku za nyuma Bwana alikuita mti wa mzeituni wenye majani, mzuri wenye matunda mazuri. Lakini atawasha moto juu yake ambayo itaonekana kama sauti ya dhoruba; matawi yake yatavunjika.
17 Sababii manni Israaʼelii fi manni Yihuudaa waan hamaa hojjetanii, Baʼaaliif ixaana aarsuudhaan dheekkamsaaf na kakaasaniif Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu inni si dhaabe sun badiisa sitti labseera.
Kwa maana Bwana wa majeshi, aliyekua amekusudia maafa juu yako, kwa sababu ya matendo mabaya ambayo nyumba ya Israeli na nyumba ya Yuda wamefanya-wamenikasirisha kwa kumtolea Baali sadaka.'”
18 Sababii Waaqayyo mala isaanii naaf ibseef ani waan sana nan beeke; inni yeroo sanatti waan isaan hojjechaa jiran natti argisiiseeraatii.
Bwana alinijulisha mambo haya, kwa hiyo nakayajua. Wewe, Bwana, umenifanya nione matendo yao.
19 Anis akkuma xobbaallaa hoolaa isa garraamii kan gara qalmaatti oofamu tokkoon ture; ani akka isaan, “Kottaa muka sanaa fi ija isaa haa barbadeessinuu; akka maqaan isaa siʼachi hin yaadatamneef, kottaa biyya jiraattotaa keessaa isa balleessinaa” jechuudhaan natti malatan ani hin hubannen ture.
Nilikuwa kama kondoo mpole unayeongozwa na mchinjaji. Sikujua kwamba walikuwa wameunda mipango dhidi yangu, “Hebu tuangamize mti na matunda yake! Hebu tumkatilie mbali na nchi ya walio hai ili jina lake lisikumbukwe tena.
20 Garuu yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, kan murtii qajeelaa kennitu, kan garaa fi yaada namaa qortu, ani dhimma koo sitti kennadheeraatii ati akka haaloo isaanitti baatu na argisiisi.
Lakini Bwana wa majeshi ndiye mwamuzi mwenye haki ambaye huchunguza moyo na akili. Mimi nitashuhudia kisasi chako dhidi yao, kwa kuwa nimekuletea kesi yangu kwako.
21 “Kanaafuu Waaqayyo akkana jedhee waaʼee namoota Anaatoot warra, ‘Ati maqaa Waaqayyootiin raajii hin dubbatin yoo kanaa achii harka keenyatti duuta’ jechuudhaan si ajjeesuu barbaadan sanaa dubbata.
Kwa hiyo Bwana asema hivi juu ya watu wa Anathothi, wanaotafuta uhai wako, “wanasema, 'Usifanye unabii kwa jina la Bwana, usije utakufa kwa mkono wetu.'
22 Kanaafuu Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Ani jara nan adaba. Dargaggoonni isaanii goraadeedhaan, ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii immoo beelaan ni dhumu.
Kwa hiyo Bwana wa majeshi asema hivi, 'Tazameni, nitawaadhibu. Vijana wao wenye nguvu watakufa kwa upanga. Wana wao na binti zao watakufa kwa njaa.
23 Sababii ani bara isaan itti adabaman keessa namoota Anaatootitti balaa fiduuf isaan hambaa tokko iyyuu hin qabaatan.’”
Hakuna hata mmoja atakayeachwa, kwa maana nitaleta maafa dhidi ya watu wa Anathothi, mwaka wa adhabu yao.'”

< Ermiyaas 11 >