< Ermiyaas 51 >

1 Waaqayyo akkana jedha: “Kunoo ani Baabilonii fi saba ishee keessa jiraatutti bubbee waa balleessu nan kaasa.
Yahwe asema hivi: Tazama, ninakwenda kuleta upepo wa maangamizi dhidi ya Babeli na dhidi yao waishio ndani ya Leb Kamei.
2 Ani akka isaan gingilchanii ishee balleessaniif ormoota Baabilonitti nan erga; isaan gaafa badiisa ishee, karaa hundaanuu isheen mormu.
Nitawatuma Babeli wageni. Watamtawanya na wataifanya ukiwa nchi yake, maana watakuja kinyume chake kutoka pote siku ya madhara.
3 Abbaan xiyyaa iddaa isaa hin aggaamin, yookaan miʼa lolaa hin hidhatin. Dargaggoota ishee hin baasinaa; loltoota ishee illee guutumaan guutuutti barbadeessaa.
Msiwaache wapiga mishale wakapinda pinde zao; msiwache wakavaa silaha zao. Msiwahifadhi vijana wake wa kiume; litengeni jeshi lake lote kwa maangamizi.
4 Isaan qalamanii Baabilon keessa ni harcaafamu; daandiiwwan ishee irrattis ni madaaʼu.
Maana watu waliojeruhiwa wataanguka katika nchi ya Wakaldayo; waliouawa wataanguka katika mitaa yake.
5 Yoo biyyi isaanii fuula Qulqullicha Israaʼel duratti yakkaan guutamtee jiraatte iyyuu Waaqni isaanii, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu Israaʼelii fi Yihuudaa hin ganne.
Maana Israeli na Yuda hawajaachwa na Mungu wao, na Yahwe wa majeshi, japokuwa nchi yao imejaa na maasi yaliyotendwa kinyume cha Mmoja aliye Mtakatifu wa Israeli.
6 “Baabilon keessaa baqadhaa! Lubbuu keessan oolfadhaa! Isin sababii cubbuu isheetiif hin dhuminaa. Yeroon kun yeroo haaloo baʼuu Waaqayyoo ti; innis gatii isheef malu ni kennaaf.
Kimbieni kutoka Babeli; kila mtu na ajiokoe mwenyewe. Msiangamie katika maasi yake. Maana ni wakati wa kisasi cha Yahwe. Atamlipa kwa yote.
7 Baabilon harka Waaqayyoo keessatti xoofoo warqee turte; isheen guutummaa lafaa ni macheessite. Saboonni daadhii wayinii ishee dhugan; kanaafuu amma maraataniiru.
Babeli alikuwa kikombe cha dhahabu mkononi mwa Yahwe kilichoinywesha nchi yote; mataifa walikunywa mvinyo wake wakawa wendawazimu.
8 Baabilon akkuma tasaa kuftee caccabdi; isheef booʼaa! Qoricha isheen madaa dibattu fidaafii; tarii isheen ni fayyiti taʼaatii.
Babeli utaanguka ghafla na kuangamizwa. Mwombolezeeni! mpeni dawa kwa maumivu yake; pengine aweza kupona.
9 “‘Nu Baabilonin fayyisu yaalleerra; isheen garuu fayyuu hin dandeessu; kottaa tokkoon tokkoon keenya ishee dhiifnee gara biyya ofii keenyaatti haa qajeellu; murtiin ishee hamma samiitti ol baʼee, hamma duumessaatti ol fagaateeraatii.’
Tulinuia kumponya Babeli, lakini hajaponywa, haya na tumwache twende, katika nchi yetu. Maana hatia yake imefika juu mbinguni; imerundikwa kufika mawinguni.
10 “‘Waaqayyo qajeelummaa keenya dhugaa nuu baʼeera; kottaa, waan Waaqayyo Waaqni keenya hojjete Xiyoon keessatti haa odeessinu.’
Yahwe ametamka kwamba sisi hatuna hatia. Njooni, teseme katika Sayuni matendo ya Yahwe Mungu wetu.'
11 “Xiyya qaradhaa; gaachana illee fudhadhaa! Sababii kaayyoon isaa Baabilonin balleessuu taʼeef Waaqayyo mootota Meedee kakaaseera. Waaqayyo haaloo ni baʼa; mana qulqullummaa isaatii haaloo ni baʼa.
Noweni mishale na kuchukua ngao. Yahwe anaiimiza roho ya mfalme wa Umedi katika mpango wa kuiangamiza Babeli. Hii ni kwa kisasi cha Yahwe, kisasi kwa maangamizi ya hekalu lake.
12 Dallaa Baabilonitti faajjii kaasaa! Eegumsa jajjabeessaa; eegduu dhaabaa; warra riphee eeggatu qopheessaa! Waaqayyo kaayyoo isaa waan saba Baabilonitti mure sana fiixaan baafata.
Inueni bendela juu ya kuta za Babeli; wekeni walinzi. Wekeni waangalizi; wekeni askari waviziao ili kumkamata kila akimbiliaye mjini, maana Yahwe atafanya kile alichokipanga. Atafanya alichokisema juu ya wakaao Babeli.
13 Ati kan bishaan baayʼee qabdu, kan qabeenyaanis badhaate, dhumni kee dhufeera; yeroon ati itti baddu gaʼeera.
Enyi mwishio kati ya chemchemi nyingi za maji, ninyi mlio na wingi wa hazina, mwisho wenu umefika. upindo wa maisha yenu umepunguzwa.
14 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu ofiin kakateera: Ani dhugumaan namoota akkuma hoomaa hawwaannisaa sitti gad dhiisa; isaanis moʼannaadhaan sitti dhaadatu.
Yahwe wa majeshi ameapa kwa maisha yake, 'nitakujaza na adui zako, kama pigo la nzige; watainua kelele za vita juu yako.'
15 “Inni humna isaatiin lafa uume; ogummaa isaatiin addunyaa hundeesse; hubannaa isaatiinis samiiwwan diriirse.
Ameifanya dunia kwa nguvu zake; akaiweka dunia mahali kwa hekima yake. Kwa ufahamu wake alizitanda mbingu.
16 Yommuu inni qaqawweessaʼutti bishaanonni samii ni huursu; inni akka duumessoonni daarii lafaatii ol kaʼan ni godha. Bokkaa wajjin balaqqee ni erga; mankuusaalee isaa keessaa immoo bubbee ni fida.
Anapovuma, kunakuwa na mvumo wa maji mbinguni, maana huleta umande kutoka miisho ya dunia. Hufanya radi kwa ajili ya mvua na kuituma na kuutuma upepo kutoka katika maghala ya nyumba zake.
17 “Tokkoon tokkoon namaa gowwaa fi kan beekumsa hin qabnee dha; tokkoon tokkoon tumtuu warqee waaqota tolfamoo isaatiin qaaneffama. Fakkiiwwan inni tolchu kan sobaa ti; isaan hafuura baafatan of keessaa hin qaban.
Kila mtu anakuwa kama mnyama asiye na akili; kila mfua chuma ameaibishwa na sanamu zake. Maana mwonekano wake unadanganya; maana hakuna uzima ndani yake.
18 Isaan faayidaa hin qaban; meeshaa qoosaa ti; yeroo adabbiin isaanii gaʼutti ni badu.
Hazifai, kazi ya wafanya mzaa; wataangamizwa wakati wa kuadhibiwa kwao.
19 Inni qooda Yaaqoob taʼe sun garuu akka warra kanaa miti; inni uumaa waan hundumaa ti; Israaʼel immoo gosa dhaala isaa ti; maqaan isaas Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha.
Lakini Mungu, urithi wa Yakobo, siyo kama hawa, maana yeye ndiye afanyaye vitu vyote. Israeli ni kabila ya urithi wake; Yahwe wa majeshi ni jina lake.
20 “Ati bokkuu koo kan duulaa miʼa lolaa kootii ti; ani siin saboota nan caccabsa; siin mootummoota nan barbadeessa;
Wewe ni nyundo ya vita yao, silaha ya vita yangu. Kwa wewe nitawaponda mataifa na kuharibu falme.
21 Ani siin fardaa fi yaabbataa fardaa nan caccabsa; siin gaarii fi ooftuu isaa nan caccabsa;
Kwa wewe nitaponda farasi na wawapandao; kwa wewe nitaponda vibandawazi na madereva wake.
22 ani siin dhiiraa dubartoota nan caccabsa; siin jaarsaa dargaggeessa nan caccabsa; siin gaʼeessaa fi shamarree nan caccabsa;
Kwa wewe nitawafutilia mbali mme na mke; kwa wewe nitafutilia mbali mzee na kijana. Kwa wewe nitafutilia mbali kijana wa kiume na wasichana bikra.
23 ani siin tiksee fi bushaayee nan caccabsa; siin qottuu fi qotiyyoo nan caccabsa; siin bulchitootaa fi qondaaltota nan caccabsa.
Kwa wewe nitafutilia mbali wachungaji na makundi yao; kwa wewe nitawafutilia mbali wakulima na jozi zao za kulimia. kwa wewe nitawafutilia mbali watawala na maafsa.
24 “Ani utuma iji keessan arguu waan isaan Xiyoon godhan hundaaf Baabilonii fi warra Baabilon keessa jiraatan hundaaf gatii isaanii nan kenna” jedha Waaqayyo.
Maana mbele yako nitamlipa Babeli na wote wakaao Ukaldayo kwa maovu yote waliyoyafanya huko Sayuni - hili ni tamko la Yahwe.
25 “Yaa tulluu barbadeessaa, ati kan lafa hunda balleessitu ani sitti kaʼeera; ani harka koo sitti nan kaafadha; ededa irraa gad gangalchee tulluu gubamaa sin godha” jedha Waaqayyo.
Tazama, mimi ni kinyume chako, ewe mlima, wewe unayewaharibu watu wengine - hili ni tamko la Yahwe - kuiharibu dunia yote. Nitakupiga na mikono yangu na kuvingirisha chini kutoka ukingo wa kilima. Kisha nitakufanya mlima ulioteketezwa kabisa kwa moto.
26 “Waan ati bara baraan ontuuf, kattaan dhagaa golee taʼu, yookaan dhagaan hundeef taʼu tokko iyyuu si keessaa hin fudhatamu” jedha Waaqayyo.
Hivyo hawatachukua kwako jiwe lolote ili kujengea pembe ya nyumba au msingi; kwani utakuwa ukiwa wa milele - hili ni tamko la Yahwe.
27 “Biyyattii keessatti faajjii ol qabaa! Saboota gidduuttis malakata afuufaa! Saboota waraanaaf isheetti qopheessaa; mootummoota Araaraat, kan Miiniitii fi Ashkenas isheetti waamaa. Ajajaa waraanaa isheetti shuumaa; fardeen akka hoomaa hawwaannisaa itti ergaa.
Inua bendela ya vita juu ya nchi. Piga tarumbeta katika mataifa. Yaite mataifa yamshambuliye: Ararati, Mini na Ashkenazi. Teua majemedari wa kumshambulia; leta farasi kama nzige warukao.
28 Ishee waraanuudhaaf saboota jechuunis, mootota Meedee bulchitoota isaaniitii fi qondaaltota isaanii hunda, biyyoota isaan bulchan hundas qopheessaa.
Waandae mataifa kumshambulia: wafalme wa Umedi na magavana wao, maafsa wake wote na nchi yake yete.
29 Sababii wanni Waaqayyo akka namni tokko iyyuu achi hin jiraanneef biyya Baabilon onsuuf Baabilonitti karoorfate sun jabaatee dhaabatuuf biyyattiin ni raafamti; ni dhidhiitattis.
Maana nchi itatikisika na kudhoofika, kwa kuwa mipango ya Yahwe inaendelea juu ya Babeli, kuifanya nchi ya Babeli kuwa nchi isiyofaa mahali pasipo na mtu.
30 Gootonni Baabilon lola dhiisaniiru; isaan daʼannoo isaanii keessatti hafaniiru. Jabinni isaanii dhumeera; isaan akkuma dubartootaa taʼaniiru. Iddoo jireenya isheetti ibiddi qabsiifameera; danqaraawwan balbala ishees caccabaniiru.
Maaskari wameacha kupigana huko Babeli; wamekaa katika ngome zao. Nguvu zao zimeshindwa; wamekuwa wanawake - nyumba zake zipo motoni, makomeo ya malango yake yamevunjika.
31 Akka magaalaan isaa moggaa hamma moggaatti qabamte mootii Baabilonitti himuuf, fiigduun tokko isa kaan qaqqabuuf, ergamaan tokkos ergamaa kaan qaqqabuuf fiiga;
Mjumbe hukimbia ili amwambie mjumbe mwingine, na mtoa habari humwambia mtoa habari mwingine ili amwambie mfalme wa Babeli kwamba mji wake umetwaliwa kutoka mwisho hata mwisho.
32 kunis akka malkaan qabame, akka daʼannoowwan ishee gubamanii fi akka loltoonni ishee naʼan himuudhaaf.”
Hivyo vivuko katika mito vimekamatwa; adui anaunguza mafunjo ya bwawa, na wapiganaji wa Babeli wamechanganyikiwa.
33 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Intalli Baabilon akkuma oobdii ti; yeroo sanatti isheen ni dhidhiitamti; yeroon isheen itti haamamtus dafee ni dhufa.”
Maana Yahwe wa majeshi, Mungu wa Israeli, asema hivi: Binti Babeli ni kama sakafu ya kupuria. Ni muda wa kumkanyaga. Ni kitambo kidogo wakati wa mavuno utakuja juu yake.
34 “Nebukadnezar mootiin Baabilon na nyaateera; inni barbadeesseera; akkuma okkotee duwwaa na godhe. Inni akkuma jawwee na liqimse; qabeenya koo filatamaadhaanis garaa guuttate; ergasii immoo na tufe.”
Yerusalemu husema, 'Nebukadneza mfalme wa Babeli amenirarua. Amenikausha na amenifanya kuwa mtungi mtupu. Amenimeza kama joka. Alijishibisha kwa chakula changu chema. Amenitupa mbali.'
35 Jiraattonni Xiyoon, “Dabni foon keenyatti hojjetame Baabilonitti illee haa dhufu” jedhan. Yerusaalemis, “Dhiigni keenya warra Baabilon keessa jiraatan haaloo haa baʼu” jetti.
Wenyeji wa Sayuni watasema, 'Gasia nilizofanyiwa na mwili wangu na ziwe kwa Babeli.' Yerusalem atasema, Damu yangu na iwe juu ya wakaao Ukaldayo.'
36 Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: “Kunoo, ani dubbii kee siif falmee haaloo siifin baʼa; ani galaana ishee nan gogsa; burqaa ishee illee nan kuta.
Kwa hiyo Yahwe asema hivi: Tazama, nikotayari kulitetea shitaka lako na kuleta kisasi kwa ajili yako. Maana nitayakausha maji ya Babeli na kufanya vyanzo vyake kukauka.
37 Baabilon tuullaa diigame, iddoo waangoonni keessa burraaqan, waan naasuutii fi qoosaa, lafa namni tokko iyyuu irra hin jiraanne ni taati.
Babeli utakuwa rundo la magofu, pango la mbwea, sehemu itishayo, kitu cha kutoa sauti ya nyoka, pasipo na watu.
38 Sabni ishee hundi akka saafela leencaa ni aada; isaanis akka ilmaan leencaa gururiʼu.
Wababeli wataunguruma kwa pamoja kama wanasimba. Watanguruma kama watoto wa simba.
39 Yommuu dhagni isaanii hoʼutti, ani akka isaan kolfaa gammadanii bara baraan rafanii hin dammaqneef cidha isaaniif qopheessee akka isaan machaaʼan nan godha” jedha Waaqayyo.
wanapopashwa moto kwa hasira, nitawafanyia sherehe; nitawalewesha hata wafurahi, na kisha kulala usingizi usio na mwisho hata wasiamke - hili ni tamko la Yahwe -
40 “Ani akka ilmoolee hoolaa, akkuma korbeeyyii hoolaatii fi reʼee gara qalmaatti gad isaan buusa.
nitawapeleka chini kama wanakondoo kwa mchinjaji, kama kondoo dume pamoja na mbuzi majike.
41 “Sheeshaak akkamitti boojiʼamti! Boonuun lafa hundaas akkamitti qabame! Baabilon saba gidduutti akkam waan sodaa taati!
Jinsi Babeli ulivyotekwa! Hivyo fahari ya dunia yote imekamatwa. Jinsi Babeli ulivyofanyika sehemu yenye magofu kati ya mataifa.
42 Baabilon irra galaanni garagala; dambaliin galaanaas ishee haguuga.
Bahari imekuja juu ya Babeli! Amefunikwa na mawimbi yavumayo.
43 Magaalaawwan ishee onanii biyya gogaa fi gammoojjii, biyya namni tokko iyyuu keessa hin jiraanne, kan namni keessa hin dabarre ni taʼu.
Miji yake imekuwa ukiwa, sehemu kame na nyika, nchi isiyo na watu, na hakuna mtu apitaye hapo.
44 Ani Baabilon keessatti Beelin nan adaba; waan inni liqimse illee nan tufsiisa. Saboonni lammata gara isaatti hin yaaʼan; dallaan Baabilonis ni jiga.
Hivyo nitamwadhibu Beli huko Babeli; nitakitoa kinywani mwake alichokimeza, na mataifa hawatamminikia tena pamoja na wazao wao. Kuta za Babeli zitaanguka.
45 “Yaa saba ko, ishee keessaa baʼaa! Lubbuu keessan oolfachuuf fiigaa! Dheekkamsa Waaqayyoo sodaachisaa sana jalaa baqadhaa.
Tokeni kati yake, enyi watu wangu. Kila mmoja wenu aokowe maisha yake kutoka katika hasira ya gadhabu yangu.
46 Yeroo oduun biyya keessatti dhagaʼamutti garaan keessan hin raafamin yookaan hin sodaatin; akka gooliin biyya keessa jiru, akka bulchaan tokko bulchaa kaanitti kaʼu, oduun tokko barana, kaan immoo bara dhufu dhagaʼama.
Msiache mioyo yenu ikaogopa au kuhofu habari iliyosikiwa nchini, maana habari itakuja siku moja. Baada yake mwaka unaofuata kutakuwa na habari, na ghasia zitakuwa nchini. Mtawala atakuwa kinyume cha mtawala.
47 Yeroon ani itti waaqota Baabilon tolfamoo adabu dhugumaan ni dhufaatii; biyyi ishee guutumaan guutuutti ni salphatti; qalamtoonni ishee hundis ishee keessatti kukkufu.
Kwa hiyo, tazama, siku zinakuja nitakapoadhibu sanamu za Babeli. Nchi yake yote itaaibika, na wote waliochinjwa wataanguka ndani yake.
48 Ergasii samii fi lafti, wanni isaan keessa jiru hundis, gammadanii Baabilonitti ililchu; barbadeessitoonni kaabaa baʼanii ishee waraanuutii” jedha Waaqayyo.
Kisha mbingu na nchi, na vyote vilivyomo ndani yake vitafurahi juu ya Babeli. Maana mwalibifu atamwijia kutoka kaskazini - hili ni tamko la Yahwe.
49 “Akkuma qalamtoonni lafa irraa hundi sababii Baabiloniif harcaʼan sana Baabilonis sababii qalamtoota Israaʼeliif harcaʼuu qabdi.
“Kama Babeli alivyowafanya waliouawa wa Israeli kuanguka, hivyo waliouawa katika nchi yake wataanguka katika Babeli.
50 Isin warri goraadee jalaa miliqxan, deemaa; lafa irra hin harkifatinaa! Biyya fagootti illee Waaqayyoon yaadadhaa; waaʼee Yerusaalemis yaadaa.”
Ondokeni!, manusura wa vita, Msikawiye. Mkumbukeni Yahwe tokea mbali; Yerusalemu na ikumbukwe.
51 “Sababii ormoonni iddoo qulqullaaʼaa mana Waaqayyootti qalaniif, nu salphifamneerra; waan arrabsamneefis qaaniidhaan fuula keenya haguugganne.”
Tumeaibika, maana tumesikia matusi; dhihaka imefunika nyuso zetu, maana wageni wameingia mahali patakatifu pa nyumba ya Yahwe.
52 “Garuu barri ani itti, waaqota ishee tolfamoo adabuu fi yeroon guutummaa lafa ishee irratti warri madaaʼan aadan dhufaa jira” jedha Waaqayyo.
Kwa hiyo, tazama, siku zinakuja - hivi ndivyo asemavyo Yahwe - nitakapoziadhibu sanamu zake, na waliojeruhiwa watanung'unika kwa maumivu katika nchi yake yote.
53 “Yoo Baabilon samiitti ol baatee daʼannoo ishee ol dheeraa jabeeffatte iyyuu, ani warra ishee barbadeessan itti nan erga” jedha Waaqayyo.
Maana hata kama Babeli angepanda mbinguni au kujenga ngome zake ndefu, aharibuye kutoka kwangu angemwendea - hili ni tamko la Yahwe.
54 “Baabilonii iyyi, lafa Baabilonotaatii immoo sagaleen badiisa guddaa ni dhagaʼama.
Kelele ya maangamizi ilitoka Babeli, anguko kubwa kutoka nchi ya Wakaldayo.
55 Waaqayyos Baabilonin ni barbadeessa; inni waca ishee ni calʼisiisa, dambaliin isaaniis akkuma bishaan guddaa ni huursa; sagaleen huursaa isaaniis ni dhagaʼama.
Maana Yahwe anaiharibu Babeli. Anaifanya kelele ya sauti yake kuisha. Adui zake wanaunguruma kama mawimbi ya maji mengi; kelele yao imekuwa na nguvu.
56 Barbadeessaan tokko Baabilonitti ni dhufa; gootonni ishee ni qabamu; futtaaftuun isaaniis ni caccaba; Waaqayyo, Waaqa haaloo baʼuudhaatii; inni guutumaan guutuutti gatii ishee ni deebisaaf.
Maana aharibuye amekuja kinyume chake - kinyume cha Babeli! - na shujaa wake wametekwa. Pinde zao zimevunjwa, maana Yahwe ni Mungu wa kisasi; atatekeleza kisasi hiki.
57 Ani qondaaltotaa fi ogeeyyii ishee, akkasumas bulchitoota, ajajjoota waraanaatii fi gootota ishee nan macheessa; isaanis bara baraan ni rafu; hin dammaqanis,” jedha mootichi maqaan isaa Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, jedhamu sun.
Maana nitawafanya wana wafalme wake, wenye hekima wake, maofsa wake, na maaskari wake kulewa, nao watalala usingizi kwa usingizi usioisha na bila kuamka - hili ni tamko la mfalme: Yahwe wa majeshi ndilo jina lake.
58 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Dallaan Baabilon yabbuun sun ni jiga; karrawwan ishee dhedheeroon ibiddaan gubamu; namoonni akkasumaan of dadhabsiisu; dadhabbiin sabootaa qoraan ibiddaa qofa taʼa.”
Yahwe wa majeshi asema hivi: Ukuta mnene wa Babeli utaangushwa kabisa, na malango marefu yataunguzwa. Kisha watu wanaokuja kumsaidia watafanya kazi isiyofaa; kila mataifa wanachojaribu kikifanya kwa ajili yake kitateketezwa kwa moto.”
59 Yeroo Seraayaan ilmi Neeriyaa, ilmi Mahiseyaa bara Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa afuraffaatti mooticha wajjin gara Baabilon deemetti ajajni Ermiyaas Raajichi isaaf kenne kanaa dha.
Hili ndilo neno Yeremia nabii alilomwamru Seraya mwana wa Neria mwana wa Makseya alipokwenda na Sedekia mfalme wa Yuda huko Babeli katika mwaka wa nne wa kutawala kwake. Basi Seraya alikuwa afsa mwandamizi.
60 Ermiyaas badiisa Baabilonitti dhufu hunda, jechuunis waaʼee Baabilon kan barreeffame hunda kitaaba maramaa irratti barreessee ture.
Maana Yeremia alikuwa ameandika katika gombo kuhusu madhara yote yeliyokuwa yakienda kutendeka juu ya Babeli - maneno haya yote yaliyokuwa yameandikwa juu ya Babeli
61 Innis Seraayaadhaan akkana jedhe; “Yommuu Baabilon geessutti dubbii kana hunda sagalee ol fudhattee dubbisuu hin dagatin.
Yeremia akamwambia Seraya, “Unapokwenda Babeli, hakikisha unayasoma maneno haya yote.
62 Akkanas jedhi: ‘Yaa Waaqayyo, akka namni yookaan horiin ishee keessa hin jiraanneef ati akka iddoo kana barbadeessitu dubbatteerta; isheenis bara baraan ni onti.’
Nawe utasema, 'Yahwe, wewe! - wewe mwenyewe umesema kwamba utapaharibu mahali hapa. Hapatakuwa na wa kukaa, kwamba ni watu au wanyama. Patakuwa nchi isiyofaa daima.'
63 Yeroo kitaaba maramaa kana dubbiftee fixxutti dhagaa itti hidhiitii Laga Efraaxiisitti darbadhu.
Kisha mtakapomaliza kusoma gombo hili, funga jiwe kubwa juu yake na ulitupe katikati ya Frati.
64 Akkanas jedhi; ‘Sababii badiisa ani isheetti fiduutiin akka lammata hin kaaneef Baabilon akkasitti ni liqimfamti. Uummanni ishees ni harcaʼa.’” Dubbiin Ermiyaas as irratti raawwatama.
Sema, 'Babeli utazama kama hivi. Hautainuka kwa sababu ya mabaya ninayoyapeleka juu yake, nao wataanguka.” Maneno ya Yeremia yanaishia hapa.

< Ermiyaas 51 >