< Isaayyaas 52 >

1 Yaa Xiyoon, dammaqi, dammaqi; jabina kee uffadhu! Yaa Yerusaalem, yaa magaalaa qulqullittii, wayyaa kee miidhagaa sana uffadhu. Namoonni dhagna hin qabaminii fi xuraaʼonni lammaffaa sitti hin seenan.
Nyan, nyan, Sion, hyɛ ahoɔden adurade no. Hyɛ wo ntade fɛɛfɛ no Yerusalem kuropɔn kronkron no. Momonotofo ne wɔn a wɔn ho agu fi renwura wʼapon mu bio.
2 Yaa Yerusaalem, awwaara of irraa dhadhaʼadhu; kaʼiitii teessoo irra taaʼi. Yaa intala Xiyoon boojiʼamtittii, foncaa morma keetii of irraa hiiki.
Poroporow wo ho mfutuma. Sɔre, tena ahengua so, Yerusalem. Yiyi nkɔnsɔnkɔnsɔn no fi wo kɔn mu, Ɔbabea Sion a wɔafa wo nnommum.
3 Waaqayyo akkana jedhaatii: “Isin gatii malee gurguramtanii turtan; amma immoo maallaqa malee furamtan.”
Na sɛɛ na Awurade se: “Wɔantɔn wo annye hwee, na ɛnyɛ sika na wɔde begye wo.”
4 Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: “Jalqabatti sabni koo jiraachuuf jedhee Gibxitti gad buʼe; ergasii Asoor sababii malee isaan cunqurse.
Na sɛɛ na Otumfo Awurade se: “Bere bi me nkurɔfo kɔɔ Misraim kɔtenaa hɔ; akyiri no Asiria bɛhyɛɛ wɔn so.
5 “Yoos ani amma maalan asii qaba?” jedha Waaqayyo. “Sabni koo sababii malee fudhatameera; warri isaan bulchanis ni qoosu” jedha Waaqayyo. “Guyyaa guutuus, maqaan koo ittuma fufee arrabsama.
“Na mprempren dɛn na mewɔ wɔ ha?” Sɛɛ na Awurade se. “Wɔafa me nkurɔfo kɔ kwa, na wɔn sodifo di fɛw,” Awurade na ose. “Da mu no nyinaa wɔkɔ so gu me din ho fi.
6 Kanaafuu sabni koo maqaa koo ni beeka; kanaafuu isaan gaafas kan duraan dursee waan sana dubbate akka ana taʼe ni beeku. Eeyyee, inni anuma.”
Enti me nkurɔfo behu me din; enti da no wobehu sɛ ɛyɛ me na mehyɛɛ ho nkɔm. Yiw, ɛyɛ me.”
7 Miilli warra wangeela fidanii, kan nagaa labsanii, kan oduu gammachiisaa fidanii, kan fayyina labsanii, kan Xiyooniin, “Waaqni kee moʼeera!” jedhanii tulluuwwan irratti akkam miidhagaa dha!
Hwɛ sɛnea wɔn a wɔde asɛmpa no reba anammɔn si yɛ fɛ wɔ mmepɔw no so, wɔn a wɔpae mu ka asomdwoesɛm, wɔn a wɔbɔ amanneɛdɛ, wɔn a wɔpae mu ka nkwagye ho asɛm na wɔka kyerɛ Sion se, “Mo Nyankopɔn di hene.”
8 Dhaggeeffadhu! Eegdonni kee sagalee isaanii ol fudhataniiru; isaan tokkummaadhaan gammachuudhaan iyyu. Yeroo Waaqayyo Xiyoonitti deebiʼutti, isaan ijuma isaaniitiin ni argu.
Muntie! Mo awɛmfo ma wɔn nne so; wɔbɔ mu de anigye teɛ mu. Sɛ Awurade san ba Sion a, wɔde wɔn ani behu.
9 Yaa diigamtoota Yerusaalem tokkummaadhaan faarfannaa gammachuu faarfadhaa; Waaqayyo uummata isaa jajjabeessee Yerusaaleminis fureeraa.
Mommɔ mu ntue anigye nnwonto, mo Yerusalem nnwiriwii, efisɛ, Awurade akyekye ne nkurɔfo werɛ wagye Yerusalem.
10 Waaqayyo fuula saboota hundaa duratti, irree isaa qulqulluu sana ni mulʼisa; handaarri lafaa hundis fayyisuu Waaqa keenyaa ni argu.
Awurade beyi ne basa kronkron no ho wɔ amanaman nyinaa anim na asase ano nyinaa behu yɛn Nyankopɔn nkwagye.
11 Isin warri miʼa Waaqayyoo baattan, addaan baʼaa; addaan baʼaa; achii fagaadhaa! Waan xuraaʼaa tokko illee hin tuqinaa! Ishee keessaa baʼaatii qulqulloota taʼa.
Monkɔ. Mumfi hɔ nkɔ! Mommfa mo ho nnka biribiara a ho ntew. Mumfi ho na mo ho ntew, mo a mukurakura Awurade nkuruwa.
12 Isin garuu ariitiidhaan achii hin baatan; yookaan baqattanii hin deemtan; Waaqayyo fuula keessan dura deemaatii; Waaqni Israaʼel dugda duubaan isin eega.
Morentutu mmirika mfi ha anaa morenguan; efisɛ Awurade bedi mo anim, Israel Nyankopɔn bɛbɔ mo kyidɔm.
13 Kunoo, garbichi koo ogummaadhaan hojjeta; inni ni kabajama; ol kaafama; ulfina guddaas ni argata.
Hwɛ, me somfo bedi yiye wɔbɛma no so ayɛ no ɔkɛse.
14 Namoonni baayʼeen waaʼee isaa hamma naʼanitti, fuulli isaa nama hundumaa caalaa golgolaaʼeera; bifti isaas nama hundumaa caalaa badeera;
Nea ɛmaa dodow a wohuu no ho dwiriw wɔn no, wɔsɛee nʼanim a ansɛ onipa biara de na nʼabɔsu sɛe a ɛnsɛ ɔdesani de,
15 akkasiinis inni saboota hedduu dinqisiifachiisa; mootonni sababii isaatiif afaan isaanii qabatu. Isaan waan isaanitti hin himamin arguutii; waan hin dhagaʼinis ni hubatu.
saa ara na ɔbɛma aman bebree ho adwiriw wɔn na ahemfo bemuamua wɔn ano, ne nti. Wɔn a wɔnkaa ne ho asɛm nkyerɛɛ wɔn no behu, na wɔn a wɔntee no nso bɛte ase.

< Isaayyaas 52 >