Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Oromo Contemporary Version, Isaiah Chapter 52 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/Isaiah/52 1) Yaa Xiyoon, dammaqi, dammaqi; jabina kee uffadhu! Yaa Yerusaalem, yaa magaalaa qulqullittii, wayyaa kee miidhagaa sana uffadhu. Namoonni dhagna hin qabaminii fi xuraaʼonni lammaffaa sitti hin seenan. 2) Yaa Yerusaalem, awwaara of irraa dhadhaʼadhu; kaʼiitii teessoo irra taaʼi. Yaa intala Xiyoon boojiʼamtittii, foncaa morma keetii of irraa hiiki. 3) Waaqayyo akkana jedhaatii: “Isin gatii malee gurguramtanii turtan; amma immoo maallaqa malee furamtan.” 4) Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: “Jalqabatti sabni koo jiraachuuf jedhee Gibxitti gad buʼe; ergasii Asoor sababii malee isaan cunqurse. 5) “Yoos ani amma maalan asii qaba?” jedha Waaqayyo. “Sabni koo sababii malee fudhatameera; warri isaan bulchanis ni qoosu” jedha Waaqayyo. “Guyyaa guutuus, maqaan koo ittuma fufee arrabsama. 6) Kanaafuu sabni koo maqaa koo ni beeka; kanaafuu isaan gaafas kan duraan dursee waan sana dubbate akka ana taʼe ni beeku. Eeyyee, inni anuma.” 7) Miilli warra wangeela fidanii, kan nagaa labsanii, kan oduu gammachiisaa fidanii, kan fayyina labsanii, kan Xiyooniin, “Waaqni kee moʼeera!” jedhanii tulluuwwan irratti akkam miidhagaa dha! 8) Dhaggeeffadhu! Eegdonni kee sagalee isaanii ol fudhataniiru; isaan tokkummaadhaan gammachuudhaan iyyu. Yeroo Waaqayyo Xiyoonitti deebiʼutti, isaan ijuma isaaniitiin ni argu. 9) Yaa diigamtoota Yerusaalem tokkummaadhaan faarfannaa gammachuu faarfadhaa; Waaqayyo uummata isaa jajjabeessee Yerusaaleminis fureeraa. 10) Waaqayyo fuula saboota hundaa duratti, irree isaa qulqulluu sana ni mulʼisa; handaarri lafaa hundis fayyisuu Waaqa keenyaa ni argu. 11) Isin warri miʼa Waaqayyoo baattan, addaan baʼaa; addaan baʼaa; achii fagaadhaa! Waan xuraaʼaa tokko illee hin tuqinaa! Ishee keessaa baʼaatii qulqulloota taʼa. 12) Isin garuu ariitiidhaan achii hin baatan; yookaan baqattanii hin deemtan; Waaqayyo fuula keessan dura deemaatii; Waaqni Israaʼel dugda duubaan isin eega. 13) Kunoo, garbichi koo ogummaadhaan hojjeta; inni ni kabajama; ol kaafama; ulfina guddaas ni argata. 14) Namoonni baayʼeen waaʼee isaa hamma naʼanitti, fuulli isaa nama hundumaa caalaa golgolaaʼeera; bifti isaas nama hundumaa caalaa badeera; 15) akkasiinis inni saboota hedduu dinqisiifachiisa; mootonni sababii isaatiif afaan isaanii qabatu. Isaan waan isaanitti hin himamin arguutii; waan hin dhagaʼinis ni hubatu. Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!