< Isaayyaas 15 >

1 Raajii waaʼee Moʼaab: Aari isheen Moʼaab keessaa diigamteerti; halkanuma tokkottis baddeerti! Qiir isheen Moʼaab keessaa diigamteerti; halkanuma tokkottis baddeerti!
משא מואב כי בליל שדד ער מואב נדמה--כי בליל שדד קיר מואב נדמה
2 Diiboon gara mana qulqullummaatti, iddoowwan ol kaʼaatti booʼuuf ol baʼa; Moʼaabis Neboo fi Meedebaaf ni booʼa. Mataan hundinuu haadamaa dha; areedni hundinuus cicciramaa dha.
עלה הבית ודיבן הבמות לבכי על נבו ועל מידבא מואב ייליל--בכל ראשיו קרחה כל זקן גרועה
3 Isaan daandii irratti wayyaa gaddaa uffatu; bantii manaatii fi waltajjii sabaa irratti hundi isaanii ni booʼu; imimmaan isaaniis ni dhangalaasu.
בחוצתיו חגרו שק על גגותיה וברחבתיה כלה ייליל ירד בבכי
4 Heshboonii fi Eleʼaaleen ni iyyu; sagaleen isaaniis hamma Yaahaziitti fagaatee dhagaʼame. Kanaafuu loltoonni Moʼaab ni iyyu; lubbuun isaaniis ni romʼite.
ותזעק חשבון ואלעלה עד יהץ נשמע קולם על כן חלצי מואב יריעו--נפשו ירעה לו
5 Garaan koo Moʼaabiif iyya; kooluu galtoonni ishee hamma Zoʼaariitti, hamma Eglaati Sheelishiyaatti baqatu. Isaan booʼaa, gara Luuhiititti ol baʼu; karaa Hooronaayim irrattis, waaʼee badii isaanii faarsanii booʼu.
לבי למואב יזעק בריחה עד צער עגלת שלשיה כי מעלה הלוחית בבכי יעלה בו--כי דרך חורנים זעקת שבר יעערו
6 Bishaanonni Niimriim goganiiru; margis coollageera; biqiltuuwwan lafaa badaniiru; wanni magariisni tokko iyyuu hin hafne.
כי מי נמרים משמות יהיו כי יבש חציר כלה דשא ירק לא היה
7 Kanaafuu isaan qabeenya argatanii kuufatan sana Laga Alaltuu irraan baatanii dabarfatu.
על כן יתרה עשה ופקדתם--על נחל הערבים ישאום
8 Iyyi isaanii hamma daarii Moʼaabitti dhagaʼame; wawwaachuun isaanii hamma Eglayiimitti faaruun booʼicha isaaniis hamma Beʼeer Eeliimiinitti dhagaʼame.
כי הקיפה הזעקה את גבול מואב עד אגלים יללתה ובאר אילים יללתה
9 Bishaanonni Diimon dhiigaan guutamaniiru; ani immoo waan kana caalu iyyuu Diimonitti nan fida; warra Moʼaab keessaa baqatan kanneen biyya sanatti hafanitti leenca nan erga.
כי מי דימון מלאו דם כי אשית על דימון נוספות--לפליטת מואב אריה ולשארית אדמה

< Isaayyaas 15 >