Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Oromo Contemporary Version, Isaiah Chapter 15 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/Isaiah/15 1) Raajii waaʼee Moʼaab: Aari isheen Moʼaab keessaa diigamteerti; halkanuma tokkottis baddeerti! Qiir isheen Moʼaab keessaa diigamteerti; halkanuma tokkottis baddeerti! 2) Diiboon gara mana qulqullummaatti, iddoowwan ol kaʼaatti booʼuuf ol baʼa; Moʼaabis Neboo fi Meedebaaf ni booʼa. Mataan hundinuu haadamaa dha; areedni hundinuus cicciramaa dha. 3) Isaan daandii irratti wayyaa gaddaa uffatu; bantii manaatii fi waltajjii sabaa irratti hundi isaanii ni booʼu; imimmaan isaaniis ni dhangalaasu. 4) Heshboonii fi Eleʼaaleen ni iyyu; sagaleen isaaniis hamma Yaahaziitti fagaatee dhagaʼame. Kanaafuu loltoonni Moʼaab ni iyyu; lubbuun isaaniis ni romʼite. 5) Garaan koo Moʼaabiif iyya; kooluu galtoonni ishee hamma Zoʼaariitti, hamma Eglaati Sheelishiyaatti baqatu. Isaan booʼaa, gara Luuhiititti ol baʼu; karaa Hooronaayim irrattis, waaʼee badii isaanii faarsanii booʼu. 6) Bishaanonni Niimriim goganiiru; margis coollageera; biqiltuuwwan lafaa badaniiru; wanni magariisni tokko iyyuu hin hafne. 7) Kanaafuu isaan qabeenya argatanii kuufatan sana Laga Alaltuu irraan baatanii dabarfatu. 8) Iyyi isaanii hamma daarii Moʼaabitti dhagaʼame; wawwaachuun isaanii hamma Eglayiimitti faaruun booʼicha isaaniis hamma Beʼeer Eeliimiinitti dhagaʼame. 9) Bishaanonni Diimon dhiigaan guutamaniiru; ani immoo waan kana caalu iyyuu Diimonitti nan fida; warra Moʼaab keessaa baqatan kanneen biyya sanatti hafanitti leenca nan erga. Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!