< Hooseʼaa 14 >

1 Yaa Israaʼel, gara Waaqayyo Waaqa keetiitti deebiʼi. Ati sababii cubbuu keetiitiif gufatteetii!
O ISRAEL, return unto the LORD thy God; for thou hast fallen by thine iniquity.
2 Dubbicha fudhadhuutii gara Waaqayyoo deebiʼi. Akkanas jedhiin: “Cubbuu keenya hunda nuuf dhiisi; akka nu ija arraba keenyaa siif dhiʼeessinuuf, arjummaadhaan nu simadhu.
Take with you words, and return unto the LORD: say unto him, Take away all iniquity, and accept that which is good: so will we render [as] bullocks [the offering of] our lips.
3 Asoor nu oolchuu hin dandaʼu; nu fardeen lolaa hin yaabbannu. Nu siʼachi deebinee, waan harki keenya hojjeteen, ‘Waaqota keenya’ hin jennu; daaʼimman abbaa hin qabne gara laafina sirraa argatuutii.”
Asshur shall not save us; we will not ride upon horses: neither will we say any more to the work of our hands, [Ye are] our gods: for in thee the fatherless findeth mercy.
4 “Ani gantummaa isaanii nan fayyisa, toluman isaan jaalladha; aariin koo isaan irraa deebiʼeeraatii.
I will heal their backsliding, I will love them freely: for mine anger is turned away from him.
5 Ani Israaʼelitti akkuma fixeensaa nan taʼa; inni akkuma daraaraa ni daraara. Inni akkuma gaattiraa Libaanoon hidda isaa gad fageeffata;
I will be as the dew unto Israel: he shall blossom as the lily, and cast forth his roots as Lebanon.
6 dameen isaa ni guddata. Miidhaginni isaa akkuma muka ejersaa taʼa; urgaan isaa akkuma gaattiraa Libaanoon.
His branches shall spread, and his beauty shall be as the olive tree, and his smell as Lebanon.
7 Namoonni ammas deebiʼanii gaaddisa isaa jala jiraatu. Inni akkuma midhaanii lalisa. Akkuma muka wayinii dagaaga; maqaan isaas akkuma daadhii wayinii Libaanoon beekama.
They that dwell under his shadow shall return; they shall revive [as] the corn, and blossom as the vine: the scent thereof shall be as the wine of Lebanon.
8 Yaa Efreem, ani kana caalaa waaqota tolfamoo wajjin dhimma maaliin qaba? Kan deebii siif kennee si eegu anuma. Ani akkuma muka birbirsa lalisaa ti; amanamummaan kee ana irraa dhufa.”
Ephraim [shall say], What have I to do any more with idols? I have answered, and will regard him: I am like a green fir tree; from me is thy fruit found.
9 Namni ogeessi eenyu? Inni waan kana ni beeka. Qalbii qabeessi eenyu? Inni waan kana ni hubata. Karaan Waaqayyoo qajeelaa dha; namni qajeelaan isa irra deema; finciltoonni garuu isa irratti gufatu.
Who is wise, and he shall understand these things? prudent, and he shall know them? for the ways of the LORD are right, and the just shall walk in them; but transgressors shall fall therein.

< Hooseʼaa 14 >