Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Oromo Contemporary Version, Hosea Chapter 14 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/Hosea/14 1) Yaa Israaʼel, gara Waaqayyo Waaqa keetiitti deebiʼi. Ati sababii cubbuu keetiitiif gufatteetii! 2) Dubbicha fudhadhuutii gara Waaqayyoo deebiʼi. Akkanas jedhiin: “Cubbuu keenya hunda nuuf dhiisi; akka nu ija arraba keenyaa siif dhiʼeessinuuf, arjummaadhaan nu simadhu. 3) Asoor nu oolchuu hin dandaʼu; nu fardeen lolaa hin yaabbannu. Nu siʼachi deebinee, waan harki keenya hojjeteen, ‘Waaqota keenya’ hin jennu; daaʼimman abbaa hin qabne gara laafina sirraa argatuutii.” 4) “Ani gantummaa isaanii nan fayyisa, toluman isaan jaalladha; aariin koo isaan irraa deebiʼeeraatii. 5) Ani Israaʼelitti akkuma fixeensaa nan taʼa; inni akkuma daraaraa ni daraara. Inni akkuma gaattiraa Libaanoon hidda isaa gad fageeffata; 6) dameen isaa ni guddata. Miidhaginni isaa akkuma muka ejersaa taʼa; urgaan isaa akkuma gaattiraa Libaanoon. 7) Namoonni ammas deebiʼanii gaaddisa isaa jala jiraatu. Inni akkuma midhaanii lalisa. Akkuma muka wayinii dagaaga; maqaan isaas akkuma daadhii wayinii Libaanoon beekama. 8) Yaa Efreem, ani kana caalaa waaqota tolfamoo wajjin dhimma maaliin qaba? Kan deebii siif kennee si eegu anuma. Ani akkuma muka birbirsa lalisaa ti; amanamummaan kee ana irraa dhufa.” 9) Namni ogeessi eenyu? Inni waan kana ni beeka. Qalbii qabeessi eenyu? Inni waan kana ni hubata. Karaan Waaqayyoo qajeelaa dha; namni qajeelaan isa irra deema; finciltoonni garuu isa irratti gufatu. Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!