< Hooseʼaa 12 >

1 Efreem bubbee nyaata; inni guyyaa guutuu bubbee baʼa biiftuu duukaa fiiga; sobaa fi gooliis ni baayʼisa. Inni Asoor wajjin walii galtee godhatee biyya Gibxiitti zayitii ejersaa erga.
Efraimu anajilisha upepo; hufukuzia upepo wa mashariki kutwa nzima na kuzidisha uongo na jeuri. Anafanya mkataba na Ashuru na kutuma mafuta ya zeituni Misri.
2 Waaqayyo waan Yihuudaa himatu qaba; inni akkuma amala isaatti Yaaqoobin adaba; akkuma hojii isaattis gatii isaa kennaaf.
Bwana analo shtaka dhidi ya Yuda, atamwadhibu Yakobo kwa kadiri ya njia zake na kumlipa kwa kadiri ya matendo yake.
3 Inni gadameessa keessatti koomee obboleessa isaa qabe; erga guddatee immoo Waaqa wajjin walʼaansoo qabe.
Yakobo akiwa tumboni alishika kisigino cha kaka yake; kama mwanadamu, alishindana na Mungu.
4 Inni ergamaa Waaqaa wajjin walʼaansoo qabee moʼate; booʼees surraa kadhate. Inni Beetʼeelitti isa argatee achitti isa wajjin haasaʼe.
Alishindana na malaika na kumshinda; alilia na kuomba upendeleo wake. Alimkuta huko Betheli na kuzungumza naye huko:
5 Waaqayyo Waaqa Waan Hunda Dandaʼu, maqaan isaa Waaqayyo!
Bwana Mungu Mwenye Nguvu Zote, Bwana ndilo jina lake!
6 Ati garuu Waaqa keetti deebiʼi; jaalalaa fi murtii qajeelaa jabeessii yeroo hunda Waaqa kee eeggadhu.
Lakini ni lazima urudi kwa Mungu wako; dumisha upendo na haki, nawe umngojee Mungu wako siku zote.
7 Daldalaan madaalii sobaa ofi harkaa qabu nama gowwoomsuu jaallata.
Mfanyabiashara hutumia vipimo vya udanganyifu; hupenda kupunja.
8 Efreem akkana jedhee boona; “Ani akka malee sooressa; qabeenya guddaa argadheera. Isaan qabeenya koo kana hunda keessatti iyyuu balleessaa yookaan cubbuu tokko illee narratti argachuu hin dandaʼan.”
Efraimu hujisifu akisema, “Mimi ni tajiri sana; nimetajirika. Pamoja na utajiri wangu wote hawatakuta ndani yangu uovu wowote au dhambi.”
9 “Ani Waaqayyo Waaqa kee kan biyya Gibxii si baasee dha; ani akka ati akkuma guyyaa ayyaanota kee kanneen murteeffaman sanaatti deebitee dunkaana keessa jiraattu sin godha.
“Mimi ndimi Bwana Mungu wenu niliyewaleta kutoka Misri; nitawafanya mkae tena kwenye mahema, kama vile katika siku za sikukuu zenu zilizoamriwa.
10 Ani raajotatti dubbadhee mulʼata hedduu kenneefii karaa isaaniitiin fakkeenyaan nan dubbadhe.”
Niliongea na manabii, nikawapa maono mengi na kusema mifano kupitia wao.”
11 Giliʼaad hamaadhaa? Sabni ishee faayidaa hin qabu! Isaan Gilgaal keessatti korma qaluu? Iddoon aarsaa isaanii akkuma tuullaa dhagaa isa lafa qotiisaa kan qotame irra jiruu ni taʼa.
Je, Gileadi si mwovu? Watu wake hawafai kitu! Je, hawatoi dhabihu za mafahali huko Gilgali? Madhabahu zao zitakuwa kama malundo ya mawe katika shamba lililolimwa.
12 Yaaqoob gara Sooriyaatti baqate; Israaʼel niitii argachuuf nama tajaajile; gabbara ishee baasuufis hoolota tikse.
Yakobo alikimbilia katika nchi ya Aramu; Israeli alitumika ili apate mke, ili aweze kulipa kwa ajili yake alichunga kondoo.
13 Waaqayyo biyya Gibxiitii Israaʼelin baasuuf raajiitti fayyadame; inni karuma raajii sanaatiin isa kunuunse.
Bwana alimtumia nabii kumpandisha Israeli kutoka Misri, kwa njia ya nabii alimtunza.
14 Efreem garuu aarii isaa guddicha kakaase; Gooftaan isaa yakka dhiiga namaa dhangalaasuu sana isumatti deebisa; arrabsoo isaas matuma isaatti deebisa.
Lakini Efraimu amemchochea sana hasira; Bwana wake ataleta juu yake hatia yake ya kumwaga damu naye atamlipiza kwa ajili ya dharau yake.

< Hooseʼaa 12 >