Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Oromo Contemporary Version, Hosea Chapter 12 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/Hosea/12 1) Efreem bubbee nyaata; inni guyyaa guutuu bubbee baʼa biiftuu duukaa fiiga; sobaa fi gooliis ni baayʼisa. Inni Asoor wajjin walii galtee godhatee biyya Gibxiitti zayitii ejersaa erga. 2) Waaqayyo waan Yihuudaa himatu qaba; inni akkuma amala isaatti Yaaqoobin adaba; akkuma hojii isaattis gatii isaa kennaaf. 3) Inni gadameessa keessatti koomee obboleessa isaa qabe; erga guddatee immoo Waaqa wajjin walʼaansoo qabe. 4) Inni ergamaa Waaqaa wajjin walʼaansoo qabee moʼate; booʼees surraa kadhate. Inni Beetʼeelitti isa argatee achitti isa wajjin haasaʼe. 5) Waaqayyo Waaqa Waan Hunda Dandaʼu, maqaan isaa Waaqayyo! 6) Ati garuu Waaqa keetti deebiʼi; jaalalaa fi murtii qajeelaa jabeessii yeroo hunda Waaqa kee eeggadhu. 7) Daldalaan madaalii sobaa ofi harkaa qabu nama gowwoomsuu jaallata. 8) Efreem akkana jedhee boona; “Ani akka malee sooressa; qabeenya guddaa argadheera. Isaan qabeenya koo kana hunda keessatti iyyuu balleessaa yookaan cubbuu tokko illee narratti argachuu hin dandaʼan.” 9) “Ani Waaqayyo Waaqa kee kan biyya Gibxii si baasee dha; ani akka ati akkuma guyyaa ayyaanota kee kanneen murteeffaman sanaatti deebitee dunkaana keessa jiraattu sin godha. 10) Ani raajotatti dubbadhee mulʼata hedduu kenneefii karaa isaaniitiin fakkeenyaan nan dubbadhe.” 11) Giliʼaad hamaadhaa? Sabni ishee faayidaa hin qabu! Isaan Gilgaal keessatti korma qaluu? Iddoon aarsaa isaanii akkuma tuullaa dhagaa isa lafa qotiisaa kan qotame irra jiruu ni taʼa. 12) Yaaqoob gara Sooriyaatti baqate; Israaʼel niitii argachuuf nama tajaajile; gabbara ishee baasuufis hoolota tikse. 13) Waaqayyo biyya Gibxiitii Israaʼelin baasuuf raajiitti fayyadame; inni karuma raajii sanaatiin isa kunuunse. 14) Efreem garuu aarii isaa guddicha kakaase; Gooftaan isaa yakka dhiiga namaa dhangalaasuu sana isumatti deebisa; arrabsoo isaas matuma isaatti deebisa. Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!