< Ibroota 9 >

1 Kakuun jalqabaa sun iyyuu sirna waaqeffannaatii fi iddoo qulqulluu isa lafa irraa qaba ture.
Pravá smlouva měla svatostánek a pravidla bohoslužby.
2 Dunkaanni qulqulluun dhaabamee ture. Kutaan dunkaana sanaa kan jalqabaa, “Iddoo Qulqulluu” jedhama ture; kutaa kana keessas baattuu ibsaatii fi minjaala akkasumas buddeena qulqulleeffametu ture.
Svatostánek měl podobu stanu, který byl oponou rozdělen na dvě části. Přední části se říkalo svatyně. Byl tam sedmiramenný svícen a stůl, na který bylo každou sobotu kladeno dvanáct chlebů.
3 Golgaa lammaffaa duubaan immoo kutaa, “Iddoo Hundumaa Caalaa Qulqulluu” jedhamu tokkotu ture.
Za závěsem byla velesvatyně
4 Achis iddoo aarsaa ixaanaa kan warqee irraa hojjetamee fi taabota kakuu kan karaa hundaan warqee dibametu ture. Taabota sana keessas okkotee warqee kan mannaa baatu, ulee Aroon inni latee fi gabatee dhagaa kan kakuun sun irratti barreeffametu kaaʼame.
Patřila k ní zlatá kadidelnice a zlatem kovaná truhla smlouvy, v ní byla zlatá nádoba s pokrmem, který Izraelci jedli na poušti, Áronův prut, kterým Bůh rozhodl o tom, kdo má vykonávat službu ve svatyni, a desky se zněním Desatera.
5 Taaboticha gubbaadhaanis kiirubeeliin Ulfinaa teessoo araaraa irra golboobanii turan. Amma garuu waaʼee kanaa gad fageenyaan dubbachuu hin dandeenyu.
Přikrývalo ji zlaté víko zvané slitovnice. Nad víkem držely stráž okřídlené bytosti nazvané cherubové.
6 Luboonni yommuu wanni hundinuu haala kanaan qopheeffametti tajaajila kennuuf jedhanii yeroo hunda dunkaana qulqulluu isa jalqabaa seenu turan.
Do svatyně denně vcházeli kněží pověření bohoslužbou.
7 Dunkaana isa lammaffaa garuu luba ol aanaa qofatu waggaatti yeroo tokko qofa seena; innis dhiiga cubbuu ofii isaatiif dhiʼeessuu fi dhiiga cubbuu namoonni utuu hin beekin hojjetaniif dhiʼeessu qabatu malee hin seenu ture.
Do velesvatyně směl vejít jenom jedenkrát za rok velekněz. Přinášel krev jako oběť za bezděčné přestupky svoje i lidu.
8 Hafuurri Qulqulluunis hamma dunkaanni jalqabaa sun dhaabatee jirutti akka karaan gara Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼeetti geessu sun amma illee hin mulʼifamin haala kanaan argisiisaa ture.
Touto bohoslužbou Duch svatý naznačoval, že ještě nebyla otevřena cesta, která by vedla přímo k Bohu.
9 Kunis fakkeenya bara ammaa ti; innis akka kennaa fi aarsaan dhiʼeeffamu sun qalbii waaqeffataa tokkoo qulqulleessuu hin dandeenye mulʼisa.
Všechno, co se ve svatyni dělo, bylo předobrazem budoucnosti. Dary a oběti nestačily uklidnit svědomí těch, kteří je přinášeli. Zachovávání předpisů o pokrmech, nápojích a všelijakém obmývání zajišťovalo vnější spravedlnost do chvíle, než přišel nový velekněz Ježíš Kristus. Ten vešel do větší a dokonalejší svatyně, kterou nepostavili lidé.
10 Innis waaʼee nyaataatii fi dhugaatii, waaʼee sirna dhiqannaa garaa garaa jechuunis sirna foonii isa hamma seerichi haaromfamutti faayidaa kennaa ture qofa.
11 Kiristoos garuu yommuu waan gaarii dhufuuf jiruuf luba ol aanaa taʼee dhufetti, dunkaanicha guddaa mudaa hin qabne, kan harka namaatiin hin hojjetamin jechuunis kan uumama kana irraa hin dhufin sana keessa darbe.
12 Dhiiga reʼootaatii fi dhiiga jabbootaatiin hin seenne; garuu furii bara baraa nuu fiduudhaan dhiiguma ofiitiin yeroo tokko bara baraan gara Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sanaatti seene. (aiōnios g166)
Místo krve kozlů a býků obětoval jednou provždy svou vlastní krev. Tak nám vydobyl věčné vykoupení. (aiōnios g166)
13 Erga dhiigni reʼootaa, dhiigni korommiitii fi daaraan goromsaa kan warra xuraaʼanitti facaafamu akka isaan fooniin qulqullaaʼan godhee,
Krví kozlů a býků a ve vodě rozmíchaným popelem z jalovice skrápěl poskvrněné lidi a tak posvěcoval a očišťoval jejich těla.
14 yoos dhiigni Kiristoos isa karaa Hafuura bara baraatiin aarsaa hirʼina hin qabne taʼee Waaqaaf of dhiʼeesse sanaa akka nu Waaqa jiraataa tajaajilluuf hammam caalaa hojii gara duʼaatti nama geessu irraa qalbii keenya haa qulqulleessuu ree! (aiōnios g166)
Krev bezúhonného Krista, který se obětoval Bohu, očišťuje naše svědomí od neužitečných skutků ke službě živému Bohu. (aiōnios g166)
15 Sababii kanaaf akka warri waamaman dhaala bara baraa isa abdii kenname sana argataniif Kiristoos araarsaa gidduu galeessa kakuu haaraa ti; inni cubbuu isaan yeroo kakuu jalqabaa jala turanitti hojjetan irraa isaan bilisoomsuuf jedhee furii taʼee duʼeeraatii. (aiōnios g166)
Kristus zemřel a tak se stal prostředníkem nové smlouvy, která zajišťuje vykoupení ze všech přestupků spáchaných v době platnosti staré smlouvy uzavřené s Izraelem. Můžeme se tedy pevně chopit toho, co bylo slíbeno. (aiōnios g166)
16 Iddoo dhaamsi dhaalaa jirutti duʼa namicha dhaamate sanaa mirkaneessuun barbaachisaa dha;
Ano, k závěti musí přistoupit smrt odkazujícího. Teprve potom je neměnná. Nelze ji vykonat, pokud je živ.
17 dhaamsi dhaalaa yommuu namni dhaamate sun duʼu qofa hojii irra oola malee utuu inni lubbuun jiruu hin hojjetuutii.
18 Sababiin kakuun jalqabaa iyyuu dhiiga malee hojii irra hin ooliniifis kanuma.
Proto bylo zapotřebí krve i při uzavírání prvé smlouvy.
19 Museen erga ajaja seera sanaa tokko tokkoon saba sana hundatti himee booddeetti, dhiiga jabbootaatii fi dhiiga reʼootaa bishaan wajjin, rifeensa hoolaa bildiimaa fi hiisophii fuudhee kitaaba maramaa fi saba hundatti facaase.
Když Mojžíš přečetl shromážděnému lidu všechna přikázání zákona, smíchal krev býků a kozlů s vodou, vzal rudou vlnu a větvičku yzopu a pokropil tou vodou knihu i shromáždění a řekl:
20 Innis, “Kun dhiiga kakuu kan Waaqni isiniif ajajee dha” jedhe.
„Toto je krev smlouvy, kterou s vámi uzavřel Bůh.“
21 Haaluma wal fakkaatuunis dunkaanichattii fi miʼa dunkaanicha keessatti sirna waaqeffannaatiif itti fayyadaman hundumatti dhiiga sana facaase.
Podobně postříkal krví svatostánek a všechno bohoslužebné náčiní.
22 Dhugumaan akka seeraatti wantoota muraasa malee wanni hundinuu dhiigaan qulqulleeffama; dhiigni dhangalaafamu malees dhiifamni cubbuu hin jiru.
Podle zákona je totiž téměř všechno očišťováno krví a bez prolití krve není odpuštění vin.
23 Kanaafuu fakkeenyawwan waan samii irraa aarsaawwan kanneeniin qulqulleeffamuun barbaachisaa ture; wanni samii irraa mataan isaa garuu aarsaawwan waan kanneen caalaniin qulqulleeffamuu isaan barbaachisa.
Takovým způsobem se muselo očišťovat to, co nebeskou svatyni jen připomínalo. Nebeská svatyně však vyžaduje vzácnější oběť.
24 Kiristoos amma iddoo keenya buʼee fuula Waaqaa duratti argamuuf samii seene malee iddoo qulqulluu kan harka namaatiin ijaarame isa fakkeenya iddoo qulqulluu kan dhugaa taʼe hin seenne.
Kristus vešel do pravé nebeské svatyně, aby nás v ní před Bohem zastupoval; nevstoupil do její pozemské napodobeniny vytvořené lidmi.
25 Yookaan inni akkuma luba ol aanaa wagguma waggaan dhiiga kan isaa hin taʼin qabatee Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe seenu sanaatti yeroo baayʼee of dhiʼeessuuf samii hin seenne.
Nepřinášel za nás svou oběť opakovaně, jako to každoročně dělával velekněz, který do svatyně vstupoval s krví cizí;
26 Utuu akkas taʼee silaa Kiristoos uumama addunyaatii jalqabee yeroo baayʼee dhiphachuu qaba ture. Amma garuu inni ofii isaa aarsaa godhee cubbuu balleessuuf dhuma baraatti yeroo tokko bara baraan mulʼateera. (aiōn g165)
vždyť by za ta tisíciletí musel často trpět. Ale přišel nyní, aby jednou provždy svou obětí odčinil hřích. (aiōn g165)
27 Akkuma yeroo tokko duʼuun ergasii immoo murtiitti dhiʼaachuun namatti murteeffame sana
Člověk umírá jen jednou, a pak bude postaven před soud.
28 akkasuma immoo Kiristoos cubbuu namoota baayʼee baachuuf jedhee yeroo tokko aarsaa taʼeera; yeroo lammaffaa immoo cubbuu baachuuf utuu hin taʼin warra isa eeggachaa jiraniif fayyina fiduuf ni mulʼata.
Proto se i Kristus jednou obětoval a vzal na sebe hříchy mnohých. Podruhé se ukáže bez oběti za hříchy, aby zachránil ty, kteří ho očekávají.

< Ibroota 9 >