< Ibroota 10 >
1 Seerri gaaddidduu waan gaarii dhufuuf jiruu qofa malee bifa dhugaa miti. Kanaafuu seerichi aarsaa utuu wal irraa hin citin wagguma waggaan dhiʼeeffamu sanaan gonkumaa namoota waaqeffachuuf dhiʼaatan sana warra mudaa hin qabne gochuu hin dandaʼu.
Zákonné ustanovení o lévijské službě je jen stínem budoucího dobra. Oběti, které se každý rok opakují, nemohou nikoho z těch, kdo se jich účastní, přivést natrvalo k dokonalosti.
2 Utuu isaan waan kana gochuu dandaʼanii silaa aarsaan dhiʼeeffamuun isaa ni hafa ture mitii? Waaqeffattoonnis siʼa tokko yeroo hundaaf ni qulqulleeffamu turaniitii; ergasii sababii cubbuu isaaniitiif yakki isaanitti hin dhagaʼamu ture.
Kdyby skutečně jednou provždy očišťovaly ty, kteří je přinášejí, přestali by je už dávno obětovat, protože by je přestalo tížit svědomí.
3 Aarsaawwan kunneen garuu wagguma waggaan cubbuu nama yaadachiisu.
Každoroční oběti vlastně připomínají hříchy.
4 Sababiin isaas dhiigni korommiitii fi dhiigni reʼootaa gonkumaa cubbuu dhabamsiisuu hin dandaʼuutii.
Není totiž možné, aby krev býků a kozlů odčinila hříchy.
5 Kanaafuu Kiristoos yommuu gara addunyaa dhufetti akkana jedhe: “Ati aarsaa fi kennaa hin feene; garuu dhagna naa qopheessite;
Proto Kristus při vstupu na tento svět prohlásil: „Nepřál sis, Bože, oběť ani dar, ale dal jsi mi tělo.“
6 ati aarsaa gubamuu fi kennaa sababii cubbuutiif dhiʼeeffamutti hin gammanne.
7 Yeroo sana ani, ‘Ani kunoo ti; waaʼeen koo kitaaba maramaa keessatti barreeffameera; yaa Waaqa ko, ani fedhii kee raawwachuuf dhufeera’ nan jedhe.”
A k tomu řekl: „Hle, jdu, abych vykonal, Bože, tvou vůli, jak je o mně psáno.“
8 Isaan akka seeraatti dhiʼeeffaman iyyuu inni jalqabatti, “Ati qalmawwanii fi aarsaawwan, aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan cubbuuf dhiʼeeffaman hin feene yookaan itti hin gammanne” jedhe.
Písmo napřed říká, že Bůh si nepřál a neoblíbil oběti a dary, které byly přinášeny podle zákona,
9 Ergasiis inni, “Ani kunoo fedhii kee raawwachuuf dhufeera” jedhe. Innis isa lammaffaa dhaabuuf jedhee isa jalqabaa dhabamsiise.
a potom dodává: „Hle, jdu, abych vykonal tvou vůli.“Ruší prvé, aby ustanovil druhé.
10 Fedhii sanaanis nu aarsaa dhagna Yesuus Kiristoos isa siʼa tokko yeroo hundaaf dhiʼeeffameen qulqulleeffamneerra.
Bůh si přeje, abychom byli očištěni a jemu navráceni obětí těla Ježíše Krista, která byla přinesena jednou provždycky.
11 Lubni hundinuu guyyuma guyyaan dhaabatee tajaajila isaa raawwata; aarsaa gonkumaa cubbuu dhabamsiisuu hin dandeenye sanas yeroo hunda dhiʼeessa.
Kněží sloužili každodenně Bohu a přinášeli oběti, které nemohly odčinit hřích.
12 Lubni kun garuu erga aarsaa tokkicha bara baraan cubbuudhaaf dhiʼeessee booddee gara mirga Waaqaa taaʼe.
Ježíš přinesl oběť za hříchy jednou, a pak natrvalo zaujal významné postavení u Boha.
13 Yeroo sanaa jalqabees hamma diinonni isaa ejjeta miilla isaa taasifamanitti ni eeggata;
Od té chvíle čeká, až mu budou podrobeni nepřátelé.
14 inni aarsaa tokkicha sanaan warra qulqulleeffamuutti jiran kanneen bara baraan mudaa hin qabne godheeraatii.
Jedinou obětí přivedl navždycky k dokonalosti ty, které odděluje od hříchu.
15 Hafuurri Qulqulluunis waaʼee kanaa dhugaa nuu baʼa. Innis jalqabatti akkana jedha:
I Duch svatý nám vydává svědectví.
16 “Kakuun ani yeroo sana booddee isaan wajjin galu kanaa dha, jedha Gooftaan. Ani seera koo qalbii isaanii keessa nan kaaʼa; garaa isaanii keessattis nan barreessa.”
„Toto je smlouva, kterou uzavřu s nimi po oněch dnech: Vložím své zákony do jejich srdcí a vepíšu je do jejich myslí
17 Ammas, “Ani cubbuu fi yakka isaanii siʼachi hin yaadadhu” jedha.
a na jejich hříchy a přestupky nevzpomenu.“
18 Iddoo isaan kunneen itti dhiifama argatanitti siʼachi sababii cubbuutiif aarsaa dhiʼeessuu hin barbaachisu.
Takže kde je odpuštění hříchů, tam už není třeba oběti za hříchy.
19 Kanaafuu yaa obboloota, nu dhiiga Yesuusiin gara Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼeetti galuuf ija jabina waan qabnuuf
Krev Ježíše Krista nám, bratři, umožňuje přistupovat bezprostředně k Bohu.
20 karaa haaraa fi jiraataa golgaa keessaan jechuunis karaa foon isaatiin nuu baname sanaan
On svou obětí otevřel novou a živou cestu. Stal se tak naším prostředníkem.
21 waan luba guddaa mana Waaqaa irratti qabnuuf,
Přistupujeme tedy k němu obmyti, s opravdovým srdcem naplněným vírou, zbaveni špatného svědomí.
22 kottaa akka qalbiin keenya yaada yakka qabaachuu irraa qulqulleeffamuuf garaa keenyatti nuu facaafamee, dhagna keenyas bishaan qulqulluun dhiqannee garaa qulqulluu amantii mirkanaaʼaa guutuu qabuun Waaqatti dhiʼaannaa.
23 Inni waadaa gale sun waan amanamaa taʼeef kottaa nu utuu hin raafamin abdii dhugaa baanu sana jabeessinee qabannaa.
Držme neochvějně vyznání naděje, protože Bůh plní svoje sliby.
24 Kottaa jaalalaa fi hojii gaariif wal kakaasuuf itti yaadnaa.
Podněcujme se navzájem k lásce a k dobrým skutkům.
25 Akka namoonni tokko tokko walitti qabamuu dhiisan sana kottaa nu walitti qabamuu hin dhiifnuu; qooda kanaa akka guyyaan sun dhiʼaate waan argitaniif ittuma caalchifnee wal haa jajjabeessinu.
Neopouštějte svá shromáždění – jak si někteří navykli, ale vzájemně se potěšujte – tím horlivěji, čím jasněji vidíte, že se blíží den příchodu Pána Ježíše v slávě.
26 Nu erga beekumsa dhugaa argannee booddee yoo beekaa ittuma fufnee cubbuu hojjenne, siʼachi aarsaan cubbuuf dhiʼeeffamu hin jiraatu;
Kdo z vás by znal pravdu, a přece by svévolně jednal proti ní, u toho pozbude oběť za hříchy platnosti
27 garuu murtii fi ibidda hamaa diinota Waaqaa barbadeessu sodaan eeggachuu qofatu jiraata.
a zůstane mu jen bázlivé očekávání soudu a hrozného trestu, který má stihnout přestupníky.
28 Namni seera Musee tuffate kam iyyuu dhuga baatota lamaan yookaan sadiin gara laafina malee ajjeefama.
Kdo překročil zákon vydaný Mojžíšem, byl bez milosrdenství popraven, jestliže jeho hřích dosvědčili dva nebo tři svědci.
29 Nama Ilma Waaqaa irra ejjete, nama dhiiga kakuu kan ittiin qulqulleeffame sana akka waan qulqulluu hin taʼiniitti hedee fi nama Hafuura ayyaanaa arrabse tokko adabbii hammam caalaa guddaatu isaaf mala seetu?
Uvědomte si, oč horšího trestu zasluhuje ten, kdo pohrdá Božím Synem a znevažuje jeho krev smlouvy, kterou byl posvěcen, a uvádí v posměch Ducha milosti.
30 Nu isa, “Haaloo baasuun kan koo ti; ani gatii nan deebisa” jedhe sana beeknaatii; akkasumas, “Gooftaan saba isaatti ni mura” jedhe.
Známe přece toho, který řekl: „Mně náleží pomsta, já odplatím.“
31 Harka Waaqa jiraataatti kufuun sodaachisaa dha.
Jinde Pán upozorňuje, že bude soudit svůj lid. Je proto hrozné upadnout do rukou živého Boha.
32 Bara duraa yeroo erga ifni isinii ifee booddee walʼaansoo dhiphinaa guddaa obsitanii keessa dhaabattan sana yaadadhaa.
Rozpomeňte se na dny, kdy jste uvěřili a vzápětí museli trpělivě a vytrvale zápasit s mnohým utrpením.
33 Isin yeroo tokko tokko fuula namootaa duratti arrabsoo fi ariʼatamaaf saaxilamtanii turtan; yeroo kaan immoo namoota rakkinni akkasii irra gaʼe wajjin hirmaachaa turtan.
Byli jste veřejně vystavováni urážkám a útisku, neboť jste podepírali ty, kteří byli uráženi a utiskováni.
34 Isin mataan keessan akka qabeenya wayyu kan hin dabarre qabdan waan beektaniif warra hidhaman wajjin dhiphattaniirtu; yommuu qabeenyi keessan saamamus gammachuudhaan fudhattaniirtu.
Trpěli jste spolu s vězni, a když jste byli olupováni o majetek, snášeli jste to radostně s vědomím, že máte v nebi lepší a trvalejší jmění.
35 Kanaafuu ija jabina keessan isa gatii guddaa qabu sana hin gatinaa.
Nezbavujte se své radostné důvěry, která přinese velkou odměnu.
36 Yommuu fedhii Waaqaa raawwattanittis akka waan inni waadaa gale sana argattaniif obsuu isin barbaachisaatii.
Vyzbrojte se trpělivostí, abyste vykonali Boží vůli a dosáhli toho, co vám bylo slíbeno.
37 “Yeroo xinnoo keessatti, inni dhufuuf jiru ni dhufa; hin turus.”
„Ještě malou chvilku a ten, který se blíží, přijde a nebude otálet.
38 Akkasumas, “Qajeelaan koo garuu amantiidhaan jiraata. Kan duubatti harkifatu immoo ani itti hin gammadu.”
Můj spravedlivý bude žít z víry. Nemám zalíbení v tom, kdo ode mne utíká.“
39 Nu garuu warra amananii lubbuu ofii oolfatan malee warra gara badiisaatti harkifatan miti.
Ale my přece nepatříme k těm, kdo odpadají a zahynou, nýbrž k těm, kdo věří a dosáhnou života.