< Uumama 3 >

1 Bineensa Waaqayyo Waaqni uume hunda keessaa bofti haxxee ture. Dubartittiidhaanis, “Dhuguma Waaqni, ‘Muka iddoo biqiltuu keessa jiru kam irraa iyyuu hin nyaatinaa’ isiniin jedheeraa?” jedhe.
Zvino nyoka yakanga ina manomano kupfuura mhuka dzose dzakasikwa naJehovha Mwari. Yakati kumukadzi, “Ko, chaizvoizvo Mwari akati, ‘Hamufaniri kudya muti upi zvawo uri mubindu here’?”
2 Dubartittiinis deebiftee bofa sanaan akkana jette; “Ija mukkeen iddoo biqiltuu keessa jiranii nyaachuu ni dandeenya;
Mukadzi akati kunyoka, “Tingadya hedu michero inobva mumiti iri mubindu,
3 garuu Waaqni, ‘Muka walakkaa iddoo biqiltuu sanaa keessa jiru irraa ija hin nyaatinaa; ittis hin buʼinaa; yoo kanaa achii ni duutuu’ jedheera.”
asi Mwari akati, ‘Hamufaniri kudya muchero unobva pamuti uri pakati pebindu, uye musaubata kuti murege kufa.’”
4 Bofichis deebisee dubartittiidhaan akkana jedhe; “Isin dhugumaan hin duutan.
Nyoka yakati kumukadzi, “Hamungafi zvirokwazvo.
5 Waaqni akka yommuu isin ija mukichaa nyaattan iji keessan banamu, akka isin waan gaarii fi waan hamaa beekuudhaan akka Waaqaa taatan ni beekaatii.”
Nokuti Mwari anoziva kuti mukaudya meso enyu achasvinudzwa, uye muchaita saMwari mugoziva zvakanaka nezvakaipa.”
6 Dubartittiinis yommuu akka iji mukichaa nyaataaf gaarii, kan ija namaatti tolu, ogummaa argachuufis akka nama gojomaasisu argitetti fudhattee nyaatte. Dhirsi ishees ishee wajjin ture; isaafis ni laatte; innis ni nyaate.
Mukadzi akati aona kuti muchero womuti wakanga wakanaka kuudya uye kuti waifadza meso, uye kuti waidikanwa kuti munhu ave nouchenjeri, akatora mumwe akadya. Akapawo mumwe kumurume wake, uyo akanga anaye, naiye akaudya.
7 Iji lachan isaaniis ni baname; qullaa hafuu isaaniis beekan; kanaafis baala harbuu hodhanii marxoo tolfatan.
Ipapo meso avo vose vari vaviri akasvinudzwa, uye vakaziva kuti vakanga vasina kusimira; saka vakasonanidza mashizha omuonde pamwe chete ndokuzvigadzirira nguo.
8 Akkuma aduun qabbanoofteenis namichii fi niitiin isaa utuu Waaqayyo Waaqni iddoo biqiltuu sana keessa deemuu sagalee isaa dhagaʼan; isaanis mukkeen iddoo biqiltuu keessa Waaqayyo Waaqa duraa dhokatan.
Ipapo murume nomukadzi wake vakanzwa inzwi raJehovha Mwari paakanga achifamba mubindu kwotonhorera, vakavanda pamberi paJehovha Mwari, pakati pemiti yomubindu.
9 Waaqayyo Waaqni garuu namicha waamee, “Ati eessa jirta?” jedheen.
Asi Jehovha Mwari akadana murume akati, “Uripiko?”
10 Namichis deebisee, “Ani utuu ati iddoo biqiltuu keessa deemtuu nan dhagaʼe; waan qullaa koo tureefis nan sodaadhe; nan dhokadhes” jedheen.
Akapindura akati, “Ndanzwa inzwi renyu mubindu, uye ndatya nokuti ndanga ndisina kusimira; saka ndavanda.”
11 Innis, “Eenyutu akka ati qullaa taate sitti hime? Muka ani ija isaa hin nyaatin jedhee si ajaje sana irraa nyaatte moo?” jedheen.
Uye iye akati, “Ndiani akuudza kuti hauna kusimira? Wadya kanhi muti wandakakurayira kuti urege kudya?”
12 Namichis, “Dubartittii ati akka isheen na wajjin jiraattuuf naa kennite sanatu ija mukichaa irraa naa kenne; anis nan nyaadhe” jedhe.
Murume akati, “Mukadzi wamakandipa kuno kuti ave neni, ndiye andipa mumwe muchero womuti, uye ini ndikadya.”
13 Waaqayyo Waaqnis dubartittiidhaan, “Wanni ati hojjette kun maali?” jedhe. Dubartittiin immoo, “Bofti na gowwoomsinaanan nyaadhe” jette.
Ipapo Jehovha Mwari akati kumukadzi, “Chiiko ichi chawaita?” Mukadzi akati, “Nyoka yandinyengera, ndikadya.”
14 Kanaafuu Waaqayyo Waaqni bofichaan akkana jedhe; “Ati sababii waan kana gooteef, “Horii hundumaa keessaa, bineensa hundumaa keessaas kan abaaramte ni taata! Bara jireenya keetii guutuu garaa keetiin lafa irra loota; biyyoo illee ni nyaatta.
Saka Jehovha Mwari akati kunyoka, “Nokuti waita izvi, “Watukwa kupfuura zvipfuwo zvose, kupfuura mhuka dzose dzesango! Uchafamba nedumbu rako uye uchadya guruva mazuva ose oupenyu hwako.
15 Siʼii fi dubartittii, sanyii keetii fi sanyii ishee gidduutti diinummaa nan uuma; inni mataa kee ni tuma; atis koomee isaa ni iddita.”
Uye ndichaisa ruvengo pakati pako nomukadzi, uye pakati porudzi rwako nerwomukadzi; achapwanya musoro wako, uye iwe ucharuma chitsitsinho chake.”
16 Dubartittiidhaanis akkana jedhe; “Yommuu ati mucaa deessutti ani dhiphina kee akka malee nan baayʼisa; ciniinsuudhaanis ijoollee ni deessa. Fedhiin kee garuma dhirsa keetii taʼa; innis sirratti ol aantummaa qabaata.”
Kumukadzi akati, “Ndichawedzera kwazvo kurwadziwa kwako mukubereka vana; uchabereka vana mukurwadziwa. Kuda kwako kuchava kumurume wako, uye achava nesimba pamusoro pako.”
17 Addaamiin immoo akkana jedhe; “Waan ati dubbii niitii keetii dhageessee muka ani ija isaa irraa, ‘hin nyaatin’ jedhe irraa nyaatteef, “Lafti sababii keetiif kan abaaramte taati; atis bara jireenya keetii guutuu dadhabbiidhaan ishee irraa nyaatta.
Kuna Adhamu akati, “Nokuti wakateerera kumukadzi wako uye ukadya zvakabva pamuti wandakakurayira ndichiti, ‘Haufaniri kuudya,’ “Ivhu ratukwa nokuda kwako; mukushanda kunorwadza, uchadya zvibereko zvaro mazuva ose oupenyu hwako.
18 Isheen qoraattii fi sokorruu sitti biqilchiti; atis biqiltuu lafaa ni nyaatta.
Richakuberekera minzwa norukato, uye uchadya miriwo yomusango.
19 Ati waan lafa irraa argamteef, hamma lafatti deebitutti dafqa fuula keetiitiin buddeena nyaatta; waan biyyoo taateefis, gara biyyootti deebita.”
Neziya rechiso chako uchadya zvokudya zvako kusvikira wadzokera kuguruva, sezvo wakatorwa kwariri; nokuti uri guruva, kuguruva uchadzokera.”
20 Addaamis sababii isheen haadha jiraatoo hundaa taateef niitii isaa “Hewaan” jedhee moggaase.
Uye Adhamu akatumidza mukadzi wake kuti Evha, nokuti aizova mai vavapenyu vose.
21 Waaqayyo Waaqni Addaamii fi Hewaaniif gogaa irraa uffata hojjetee isaanitti uffise.
Jehovha Mwari akaitira Adhamu nomukadzi wake nguo dzamatehwe uye akavafukidza.
22 Waaqayyo Waaqnis, “Kunoo namni waan gaarii fi waan hamaa beekuudhaan nu keessaa akka isa tokkoo taʼeera. Ammas harka isaa hiixatee, ija muka jireenyaa ciratee nyaachuun, bara baraanis jiraachuun isaaf eeyyamamuu hin qabu” jedhe.
Uye Jehovha Mwari akati, “Munhu ava somumwe wedu, anoziva zvakanaka nezvakaipa. Haafaniri kutenderwa kutambanudza ruoko rwake kuti atorewo zvinobva pamuti woupenyu uye kuti azvidye, akazorarama nokusingaperi.”
23 Kanaafuu Waaqayyo Waaqni lafa biqiltuu Eeden keessaa namicha baasee akka inni lafuma irraa argame sana misoomsu godhe.
Saka Jehovha Mwari akamudzinga mubindu reEdheni kuti arime ivhu raakatorwa kwariri.
24 Erga nama achii baasee booddee karaa muka jireenyaatti geessu eegsisuuf jedhee kiirubeelotaa fi goraadee bobaʼu kan asii fi achi gaggaragalu tokko Iddoo Biqiltuu Eedeniitiin gama baʼa biiftuu kaaʼe.
Mushure mokunge adzinga munhu, akaisa makerubhi kurutivi rwokumabvazuva kweBindu reEdheni nomunondo unopfuta uye uchivheyeswa mberi neshure kuti urinde nzira inoenda kumuti woupenyu.

< Uumama 3 >