Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Orormo Contemporary Version, Genesis Chapter 3 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/Genesis/3 1) Bineensa Waaqayyo Waaqni uume hunda keessaa bofti haxxee ture. Dubartittiidhaanis, “Dhuguma Waaqni, ‘Muka iddoo biqiltuu keessa jiru kam irraa iyyuu hin nyaatinaa’ isiniin jedheeraa?” jedhe. 2) Dubartittiinis deebiftee bofa sanaan akkana jette; “Ija mukkeen iddoo biqiltuu keessa jiranii nyaachuu ni dandeenya; 3) garuu Waaqni, ‘Muka walakkaa iddoo biqiltuu sanaa keessa jiru irraa ija hin nyaatinaa; ittis hin buʼinaa; yoo kanaa achii ni duutuu’ jedheera.” 4) Bofichis deebisee dubartittiidhaan akkana jedhe; “Isin dhugumaan hin duutan. 5) Waaqni akka yommuu isin ija mukichaa nyaattan iji keessan banamu, akka isin waan gaarii fi waan hamaa beekuudhaan akka Waaqaa taatan ni beekaatii.” 6) Dubartittiinis yommuu akka iji mukichaa nyaataaf gaarii, kan ija namaatti tolu, ogummaa argachuufis akka nama gojomaasisu argitetti fudhattee nyaatte. Dhirsi ishees ishee wajjin ture; isaafis ni laatte; innis ni nyaate. 7) Iji lachan isaaniis ni baname; qullaa hafuu isaaniis beekan; kanaafis baala harbuu hodhanii marxoo tolfatan. 8) Akkuma aduun qabbanoofteenis namichii fi niitiin isaa utuu Waaqayyo Waaqni iddoo biqiltuu sana keessa deemuu sagalee isaa dhagaʼan; isaanis mukkeen iddoo biqiltuu keessa Waaqayyo Waaqa duraa dhokatan. 9) Waaqayyo Waaqni garuu namicha waamee, “Ati eessa jirta?” jedheen. 10) Namichis deebisee, “Ani utuu ati iddoo biqiltuu keessa deemtuu nan dhagaʼe; waan qullaa koo tureefis nan sodaadhe; nan dhokadhes” jedheen. 11) Innis, “Eenyutu akka ati qullaa taate sitti hime? Muka ani ija isaa hin nyaatin jedhee si ajaje sana irraa nyaatte moo?” jedheen. 12) Namichis, “Dubartittii ati akka isheen na wajjin jiraattuuf naa kennite sanatu ija mukichaa irraa naa kenne; anis nan nyaadhe” jedhe. 13) Waaqayyo Waaqnis dubartittiidhaan, “Wanni ati hojjette kun maali?” jedhe. Dubartittiin immoo, “Bofti na gowwoomsinaanan nyaadhe” jette. 14) Kanaafuu Waaqayyo Waaqni bofichaan akkana jedhe; “Ati sababii waan kana gooteef, “Horii hundumaa keessaa, bineensa hundumaa keessaas kan abaaramte ni taata! Bara jireenya keetii guutuu garaa keetiin lafa irra loota; biyyoo illee ni nyaatta. 15) Siʼii fi dubartittii, sanyii keetii fi sanyii ishee gidduutti diinummaa nan uuma; inni mataa kee ni tuma; atis koomee isaa ni iddita.” 16) Dubartittiidhaanis akkana jedhe; “Yommuu ati mucaa deessutti ani dhiphina kee akka malee nan baayʼisa; ciniinsuudhaanis ijoollee ni deessa. Fedhiin kee garuma dhirsa keetii taʼa; innis sirratti ol aantummaa qabaata.” 17) Addaamiin immoo akkana jedhe; “Waan ati dubbii niitii keetii dhageessee muka ani ija isaa irraa, ‘hin nyaatin’ jedhe irraa nyaatteef, “Lafti sababii keetiif kan abaaramte taati; atis bara jireenya keetii guutuu dadhabbiidhaan ishee irraa nyaatta. 18) Isheen qoraattii fi sokorruu sitti biqilchiti; atis biqiltuu lafaa ni nyaatta. 19) Ati waan lafa irraa argamteef, hamma lafatti deebitutti dafqa fuula keetiitiin buddeena nyaatta; waan biyyoo taateefis, gara biyyootti deebita.” 20) Addaamis sababii isheen haadha jiraatoo hundaa taateef niitii isaa “Hewaan” jedhee moggaase. 21) Waaqayyo Waaqni Addaamii fi Hewaaniif gogaa irraa uffata hojjetee isaanitti uffise. 22) Waaqayyo Waaqnis, “Kunoo namni waan gaarii fi waan hamaa beekuudhaan nu keessaa akka isa tokkoo taʼeera. Ammas harka isaa hiixatee, ija muka jireenyaa ciratee nyaachuun, bara baraanis jiraachuun isaaf eeyyamamuu hin qabu” jedhe. 23) Kanaafuu Waaqayyo Waaqni lafa biqiltuu Eeden keessaa namicha baasee akka inni lafuma irraa argame sana misoomsu godhe. 24) Erga nama achii baasee booddee karaa muka jireenyaatti geessu eegsisuuf jedhee kiirubeelotaa fi goraadee bobaʼu kan asii fi achi gaggaragalu tokko Iddoo Biqiltuu Eedeniitiin gama baʼa biiftuu kaaʼe. Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!