< Uumama 3 >

1 Bineensa Waaqayyo Waaqni uume hunda keessaa bofti haxxee ture. Dubartittiidhaanis, “Dhuguma Waaqni, ‘Muka iddoo biqiltuu keessa jiru kam irraa iyyuu hin nyaatinaa’ isiniin jedheeraa?” jedhe.
Now the serpent was more shrewd than any of the wild animals which God had made. And he said to the woman, "Has God really said, 'You shall not eat of any tree of the garden?'"
2 Dubartittiinis deebiftee bofa sanaan akkana jette; “Ija mukkeen iddoo biqiltuu keessa jiranii nyaachuu ni dandeenya;
And the woman said to the serpent, "Of the fruit of the trees of the garden we may eat,
3 garuu Waaqni, ‘Muka walakkaa iddoo biqiltuu sanaa keessa jiru irraa ija hin nyaatinaa; ittis hin buʼinaa; yoo kanaa achii ni duutuu’ jedheera.”
but of the fruit of the tree which is in the middle of the garden, God has said, 'You shall not eat of it, neither shall you touch it, lest you die.'"
4 Bofichis deebisee dubartittiidhaan akkana jedhe; “Isin dhugumaan hin duutan.
The serpent said to the woman, "You won't surely die,
5 Waaqni akka yommuu isin ija mukichaa nyaattan iji keessan banamu, akka isin waan gaarii fi waan hamaa beekuudhaan akka Waaqaa taatan ni beekaatii.”
for God knows that in the day you eat it, your eyes will be opened, and you will be like God, knowing good and evil."
6 Dubartittiinis yommuu akka iji mukichaa nyaataaf gaarii, kan ija namaatti tolu, ogummaa argachuufis akka nama gojomaasisu argitetti fudhattee nyaatte. Dhirsi ishees ishee wajjin ture; isaafis ni laatte; innis ni nyaate.
When the woman saw that the tree was good for food, and that it was a delight to the eyes, and that the tree was to be desired to make one wise, she took of its fruit, and ate, and she also gave some to her husband who was with her, and he ate.
7 Iji lachan isaaniis ni baname; qullaa hafuu isaaniis beekan; kanaafis baala harbuu hodhanii marxoo tolfatan.
The eyes of both of them were opened, and they knew that they were naked. So they sewed fig leaves together, and made coverings for themselves.
8 Akkuma aduun qabbanoofteenis namichii fi niitiin isaa utuu Waaqayyo Waaqni iddoo biqiltuu sana keessa deemuu sagalee isaa dhagaʼan; isaanis mukkeen iddoo biqiltuu keessa Waaqayyo Waaqa duraa dhokatan.
They heard the voice of God walking in the garden during the breeze of the day, and the man and his wife hid themselves from the presence of God among the trees of the garden.
9 Waaqayyo Waaqni garuu namicha waamee, “Ati eessa jirta?” jedheen.
So God called to the man, and said to him, "Where are you?"
10 Namichis deebisee, “Ani utuu ati iddoo biqiltuu keessa deemtuu nan dhagaʼe; waan qullaa koo tureefis nan sodaadhe; nan dhokadhes” jedheen.
And he said, "I heard your voice in the garden, and I was afraid, because I was naked; so I hid myself."
11 Innis, “Eenyutu akka ati qullaa taate sitti hime? Muka ani ija isaa hin nyaatin jedhee si ajaje sana irraa nyaatte moo?” jedheen.
And he said, "Who told you that you were naked? Have you eaten from the tree that I commanded you not to eat from?"
12 Namichis, “Dubartittii ati akka isheen na wajjin jiraattuuf naa kennite sanatu ija mukichaa irraa naa kenne; anis nan nyaadhe” jedhe.
The man said, "The woman whom you gave to be with me, she gave me of the tree, and I ate."
13 Waaqayyo Waaqnis dubartittiidhaan, “Wanni ati hojjette kun maali?” jedhe. Dubartittiin immoo, “Bofti na gowwoomsinaanan nyaadhe” jette.
Then God said to the woman, "What is this you have done?" The woman said, "The serpent deceived me, and I ate."
14 Kanaafuu Waaqayyo Waaqni bofichaan akkana jedhe; “Ati sababii waan kana gooteef, “Horii hundumaa keessaa, bineensa hundumaa keessaas kan abaaramte ni taata! Bara jireenya keetii guutuu garaa keetiin lafa irra loota; biyyoo illee ni nyaatta.
So God said to the serpent, "Because you have done this, cursed are you above every tame animal, and above every wild animal. On your belly you shall go, and you shall eat dust all the days of your life.
15 Siʼii fi dubartittii, sanyii keetii fi sanyii ishee gidduutti diinummaa nan uuma; inni mataa kee ni tuma; atis koomee isaa ni iddita.”
I will put enmity between you and the woman, and between your offspring and her offspring. He will bruise your head, and you will bruise his heel."
16 Dubartittiidhaanis akkana jedhe; “Yommuu ati mucaa deessutti ani dhiphina kee akka malee nan baayʼisa; ciniinsuudhaanis ijoollee ni deessa. Fedhiin kee garuma dhirsa keetii taʼa; innis sirratti ol aantummaa qabaata.”
And to the woman he said, "I will greatly multiply your pain in childbirth. In pain you will bring forth children. Your desire will be for your husband, and he will rule over you."
17 Addaamiin immoo akkana jedhe; “Waan ati dubbii niitii keetii dhageessee muka ani ija isaa irraa, ‘hin nyaatin’ jedhe irraa nyaatteef, “Lafti sababii keetiif kan abaaramte taati; atis bara jireenya keetii guutuu dadhabbiidhaan ishee irraa nyaatta.
To Adam he said, "Because you have listened to your wife's voice, and have eaten of the tree, of which I commanded you, saying, 'You shall not eat of it,' cursed is the ground for your sake. In toil you will eat of it all the days of your life.
18 Isheen qoraattii fi sokorruu sitti biqilchiti; atis biqiltuu lafaa ni nyaatta.
Thorns also and thistles will it bring forth to you; and you will eat the plants of the field.
19 Ati waan lafa irraa argamteef, hamma lafatti deebitutti dafqa fuula keetiitiin buddeena nyaatta; waan biyyoo taateefis, gara biyyootti deebita.”
By the sweat of your face will you eat bread until you return to the ground, for out of it you were taken. For you are dust, and to dust you shall return."
20 Addaamis sababii isheen haadha jiraatoo hundaa taateef niitii isaa “Hewaan” jedhee moggaase.
The man called his wife Eve, because she was the mother of all living.
21 Waaqayyo Waaqni Addaamii fi Hewaaniif gogaa irraa uffata hojjetee isaanitti uffise.
And God made clothing out of skins for Adam and for his wife, and clothed them.
22 Waaqayyo Waaqnis, “Kunoo namni waan gaarii fi waan hamaa beekuudhaan nu keessaa akka isa tokkoo taʼeera. Ammas harka isaa hiixatee, ija muka jireenyaa ciratee nyaachuun, bara baraanis jiraachuun isaaf eeyyamamuu hin qabu” jedhe.
Then God said, "Look, the man has become like one of us, knowing good and evil. So now, let us send him out, lest he reach out his hand and also take of the tree of life and eat, and live forever."
23 Kanaafuu Waaqayyo Waaqni lafa biqiltuu Eeden keessaa namicha baasee akka inni lafuma irraa argame sana misoomsu godhe.
Therefore Jehovah sent him out of the garden of Eden, to till the ground from which he was taken.
24 Erga nama achii baasee booddee karaa muka jireenyaatti geessu eegsisuuf jedhee kiirubeelotaa fi goraadee bobaʼu kan asii fi achi gaggaragalu tokko Iddoo Biqiltuu Eedeniitiin gama baʼa biiftuu kaaʼe.
So he drove out the man; and he stationed the cherubim at the east of the garden of Eden, and a flaming sword which turned every direction, to guard the way to the tree of life.

< Uumama 3 >