< Baʼuu 11 >

1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Ani amma illee dhaʼicha tokko Faraʼoonii fi Gibxitti nan fida. Ergasii inni asii isin baasa; yeroo asii isin baasutti immoo inni guutumaan guutuutti isin ariʼa.
E o senhor dissera a Moisés: Ainda uma praga trarei sobre faraó e sobre o Egito: depois vos deixarei ir daqui: e, quando vos deixar ir totalmente, a toda a pressa vos lançará daqui.
2 Akka tokkoon tokkoon dhiiraatii fi tokkoon tokkoon dubartii ollaa isaanii irraa miʼa meetiitii fi miʼa warqee ergifatan saba kanatti himi.”
Fala agora aos ouvidos do povo, que cada varão peça ao seu vizinho, e cada mulher à sua vizinha, vasos de prata e vasos de ouro.
3 Waaqayyo akka sabni Israaʼel fuula warra Gibxi duratti surraa argatan godhe; kana malees Museen biyya Gibxi keessatti, fuula qondaaltota Faraʼooniitii fi fuula saba Gibxi duratti akka malee ulfina qabeessa ture.
E o Senhor deu graça ao povo aos olhos dos egípcios; também o varão Moisés era mui grande na terra do Egito, aos olhos dos servos de faraó, e aos olhos do povo.
4 Museen akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha; ‘Ani gara halkan walakkaatti Gibxi hunda keessa nan darba.
Disse mais Moisés: Assim o Senhor tem dito: Á meia noite eu sairei pelo meio do Egito;
5 Ilma Faraʼoon namicha teessoo irra taaʼu sanaa hangafaa jalqabee hamma ilma xomboree ishee midhaan daaktu sanaa hangafaatti ilmi hangafni biyya Gibxi keessaa hundi ni duʼa; akkasumas hangafni horii hundi ni duʼa.
E todo o primogênito na terra do Egito morrerá, desde o primogênito de faraó, que houvera de assentar-se sobre o seu trono, até ao primogênito da serva que está detraz da mó, e todo o primogênito dos animais.
6 Biyya Gibxi guutuu keessattis wawwaachuu guddaan takkumaa dhagaʼamee hin beekin yookaan deebiʼees hin dhagaʼamne tokko ni dhufa.
E haverá grande clamor em toda a terra do Egito, qual nunca houve semelhante e nunca haverá;
7 Garuu saba Israaʼel keessaa nama tokkotti iyyuu yookaan horii tokkotti iyyuu sareen tokko iyyuu hin duttu.’ Isinis waan kanaan akka Waaqayyo Gibxii fi Israaʼel gidduutti garaa garummaa fidu ni beektu.
Mas entre todos os filhos de Israel nem ainda um cão moverá a sua língua, desde os homens até aos animais, para que saibais que o Senhor fez diferença entre os egípcios e os israelitas.
8 Qondaaltonni kee kunneen hundinuu gara koo dhufanii naa sagadan; ‘Atis, namoonni si duukaa buʼan hundinuus deemaa!’ jedhu; anis ergasii nan deema.” Museenis akka malee aaree Faraʼoon biraa baʼe.
Então todos estes teus servos descerão a mim, e se inclinarão diante de mim, dizendo: sai tu, e todo o povo que te segue as pisadas; e depois eu sairei. E saiu de faraó em ardor de ira
9 Waaqayyo Museedhaan, “Akka dinqiin koo biyya Gibxitti baayʼatuuf Faraʼoon isin dhagaʼuu dida” jedhe.
O Senhor dissera a Moisés: faraó vos não ouvirá, para que as minhas maravilhas se multipliquem na terra do Egito.
10 Musee fi Aroonis dinqiiwwan kanneen hunda fuula Faraʼoon duratti hojjetan; Waaqayyo garuu Faraʼoonin mata jabeessa godhe; innis akka Israaʼeloonni biyya isaa keessaa hin baane dhowwe.
E Moisés e Aarão fizeram todas estas maravilhas diante de faraó; mas o Senhor endureceu o coração de faraó, que não deixou ir os filhos de Israel da sua terra.

< Baʼuu 11 >