Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Orormo Contemporary Version, Exodus Chapter 11 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/Exodus/11 1) Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Ani amma illee dhaʼicha tokko Faraʼoonii fi Gibxitti nan fida. Ergasii inni asii isin baasa; yeroo asii isin baasutti immoo inni guutumaan guutuutti isin ariʼa. 2) Akka tokkoon tokkoon dhiiraatii fi tokkoon tokkoon dubartii ollaa isaanii irraa miʼa meetiitii fi miʼa warqee ergifatan saba kanatti himi.” 3) Waaqayyo akka sabni Israaʼel fuula warra Gibxi duratti surraa argatan godhe; kana malees Museen biyya Gibxi keessatti, fuula qondaaltota Faraʼooniitii fi fuula saba Gibxi duratti akka malee ulfina qabeessa ture. 4) Museen akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha; ‘Ani gara halkan walakkaatti Gibxi hunda keessa nan darba. 5) Ilma Faraʼoon namicha teessoo irra taaʼu sanaa hangafaa jalqabee hamma ilma xomboree ishee midhaan daaktu sanaa hangafaatti ilmi hangafni biyya Gibxi keessaa hundi ni duʼa; akkasumas hangafni horii hundi ni duʼa. 6) Biyya Gibxi guutuu keessattis wawwaachuu guddaan takkumaa dhagaʼamee hin beekin yookaan deebiʼees hin dhagaʼamne tokko ni dhufa. 7) Garuu saba Israaʼel keessaa nama tokkotti iyyuu yookaan horii tokkotti iyyuu sareen tokko iyyuu hin duttu.’ Isinis waan kanaan akka Waaqayyo Gibxii fi Israaʼel gidduutti garaa garummaa fidu ni beektu. 8) Qondaaltonni kee kunneen hundinuu gara koo dhufanii naa sagadan; ‘Atis, namoonni si duukaa buʼan hundinuus deemaa!’ jedhu; anis ergasii nan deema.” Museenis akka malee aaree Faraʼoon biraa baʼe. 9) Waaqayyo Museedhaan, “Akka dinqiin koo biyya Gibxitti baayʼatuuf Faraʼoon isin dhagaʼuu dida” jedhe. 10) Musee fi Aroonis dinqiiwwan kanneen hunda fuula Faraʼoon duratti hojjetan; Waaqayyo garuu Faraʼoonin mata jabeessa godhe; innis akka Israaʼeloonni biyya isaa keessaa hin baane dhowwe. Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!