< Lallaba 1 >
1 Dubbii lallabaa ilma Daawit, isa Yerusaalem keessaatti mootii taʼe sanaa:
Kalmomin Malami, ɗan Dawuda, Sarki a Urushalima.
2 Lallabichi, “Faayidaa hin qabu! Faayidaa hin qabu! Guutumaan guutuutti faayidaa hin qabu! Wanni hundinuu faayidaa hin qabu” jedha.
“Ba amfani! Ba amfani!” In ji Malami. “Gaba ɗaya ba amfani! Kome ba shi da amfani!”
3 Namni hojii isaa kan aduudhaa gaditti itti dadhabu hunda keessaa, buʼaa maalii argata?
Wace riba ce mutum yake samu daga wahalar da yake fama a duniya?
4 Dhaloonni ni dhufa; dhaloonni ni darba; lafti garuu bara baraan jiraatti.
Zamanai sukan zo zamanai su wuce, amma duniya tana nan har abada.
5 Biiftuun ni baati; biiftuun ni lixxi; gara baate sanatti deebiʼuufis ni ariifatti.
Rana takan fito rana ta kuma fāɗi, ta kuma gaggauta zuwa inda takan fito.
6 Bubbeen gara kibbaatti bubbisa; gara kaabaattis ni deebiʼa; innis naannaʼuma naannaʼee deema; karaa isaa irras deddeebiʼa.
Iska takan hura zuwa kudu ta kuma juya zuwa arewa; tă yi ta kewayewa, tă yi ta koma inda take fitowa.
7 Lagni hundi galaanatti yaaʼa; galaanni garuu hin guutu. Lageen garuma dhufanitti deebiʼanii yaaʼu.
Dukan rafuffuka sukan gangara zuwa teku, duk da haka teku ba ya cika. Daga inda rafuffukan suke fitowa, a can suke komawa kuma.
8 Wanni hundinuu hamma namni tokko dubbachuu dandaʼu caalaa dadhabsiisaa dha. Iji argee hin quufu; yookaan gurri dhagaʼee hin guutu.
Dukan abubuwa suna kawo gajiya, gaban magana. Ido ba ya gaji da gani, haka ma kunne yă ƙoshi da ji.
9 Wanni duraan ture ammas ni taʼa; wanni duraan hojjetame ammas ni hojjetama; aduudhaa gaditti wanni haaraan tokko iyyuu hin jiru.
Abin da ya taɓa kasancewa, zai sāke kasance, abin da aka yi za a sāke yi kuma; babu wani abu sabo a duniya.
10 Wanni namni tokko, “Ilaa! Wanni kun haaraa dha” jechuu dandaʼu kam iyyuu jiraa? Wanni kun duraanuu bara dheeraan dura as ture; bara keenyaan dura iyyuu asuma ture.
Akwai wani abin da za a ce, “Duba! Ga wani abu sabo”? Abin yana nan, tun dā can, ya kasance kafin lokacinmu.
11 Namoonni bara durii hin yaadataman; kanneen dhufuuf jiranis warra isaan duubaan dhufaniin hin yaadataman.
Ba a tunawa da mutanen dā, haka su ma da ba a haifa ba tukuna waɗanda za su biyo bayansu ba za a tuna da su ba.
12 Ani Lallabaan, Yerusaalem keessatti mootii Israaʼelin ture.
Ni, Malami, sarki ne bisa Isra’ila a Urushalima.
13 Ani waan samii gaditti hojjetame hunda ogummaadhaan quʼadhee qoradhee bira gaʼuuf of kenneen ture. Waaqni baʼaa ulfaataa akkamii nama irra kaaʼe!
Na dauri aniyata in gwada don in bincika ta wurin hikima dukan abin da ake yi a duniya. Kaya mai nauyi ne Allah ya ɗora a kan mutane!
14 Ani waan aduudhaa gaditti hojjetame hunda argeera; hundi isaanii iyyuu faayidaa hin qaban; kun akkuma nama bubbee ariʼuu ti.
Na ga dukan abubuwan da ake yi a duniya, dukansu ba su da amfani, naushin iska ne kawai.
15 Wanni jalʼifame tokko deebiʼee hin qajeelfamu; wanni hin jirres lakkaaʼamuu hin dandaʼu.
Abin da yake tanƙwararre ba zai miƙu ba; ba za a kuma iya ƙidaya abin da ba shi ba.
16 Anis akkana jedheen yaade; “Kunoo, ani nama anaan dura Yerusaalemin bulchaa ture kam iyyuu caalaa guddadhee ogummaas dabaladheera; ani muuxannoo ogummaatii fi beekumsaa guddaa argadheera.”
Na yi tunani a raina na ce, “Duba, na yi girma, na kuma ƙaru da hikima fiye da duk wanda ya taɓa mulki a bisa Urushalima kafin ni; na ɗanɗana hikima mai yawa da kuma ilimi.”
17 Kanaafuu ani ogummaa, maraatummaa fi gowwummaa hubachuufin of kenne; garuu ani akka wanni kunis bubbee ariʼuu taʼe nan baradhe.
Sa’an nan na ɗaura aniyata ga fahimtar hikima, in kuma san bambanci tsakanin hauka da wauta, amma na koyi cewa wannan ma, naushin iska ne kawai.
18 Ogummaa guddaa keessa gadda baayʼeetu jiraatii; akkuma beekumsi dabalamuun gaddis dabalama.
Gama yawan hikima yakan kawo yawan baƙin ciki; yawan sani, yawan ɓacin rai.