< Faarfannaa 148 >

1 Haalleluuyaa. Samiiwwan irraa Waaqayyoon galateeffadhaa; ol gubbaatti isa galateeffadhaa.
Yabi Ubangiji. Yabi Ubangiji daga sammai, yabe shi a bisa sammai.
2 Ergamoonni isaa hundinuu isa galateeffadhaa; raayyaan isaa hundinuus isa galateeffadhaa.
Yabe shi, dukanku mala’ikunsa, yabe shi, dukanku rundunarsa na sama.
3 Aduu fi jiʼi isa galateeffadhaa; urjiiwwan ibsitan hundinuus isa galateeffadhaa.
Yabe shi, rana da wata, yabe shi, dukanku taurari masu haskakawa.
4 Samiiwwan samii isa galateeffadhaa; bishaanonni samiin ol jirtanis isa galateeffadhaa.
Yabe shi, ku bisa sammai da kuma ku ruwan bisa sarari.
5 Isaan maqaa Waaqayyoo haa galateeffatan; inni ajajnaan, isaan uumamaniitii.
Bari su yabi sunan Ubangiji, gama ya umarta aka kuwa halicce su.
6 Inni bara baraa hamma bara baraatti isaan dhaabeera; seera hin geeddaramnes isaaniif kenneera.
Ya sa su a wurarensu har abada abadin; ya ba da umarnin da ba zai taɓa shuɗe ba.
7 Uumamawwan galaanaatii fi tuujubawwan hundi, lafa irraa Waaqayyoon galateeffadhaa;
Yabi Ubangiji daga duniya, ku manyan halittun teku da kuma dukan zurfafan teku,
8 bakakkaa fi dhagaan cabbii, cabbii fi duumessi, bubbeen jabaan ajaja isaa raawwatan,
walƙiya da ƙanƙara, dusar ƙanƙara da gizagizai, hadirin iskar da suke biyayya da umarnansa,
9 tulluuwwanii fi gaarran hundinuu, mukkeen ija naqatanii fi birbirsi hundinuu,
ku duwatsu da dukan tuddai, itatuwa masu’ya’ya da dukan al’ul,
10 bineensonnii fi loon hundinuu, uumamawwan xixinnoo fi simbirroonni barrisan,
namun jeji da dukan dabbobin gida, ƙanana halittu da tsuntsaye masu firiya,
11 mootonni lafaatii fi saboonni hundinuu, ilmaan moototaatii fi bulchitoonni lafaa hundinuu,
sarakunan duniya da dukan al’ummai, ku sarakuna da dukan masu mulkin duniya,
12 dargaggoonnii fi shamarran, jaarsolii fi daaʼimman isa galateeffadhaa.
samari da’yan mata, tsofaffi da yara.
13 Maqaan isaa qofti ol ol jedheeraatii, isaan maqaa Waaqayyoo haa galateeffatan; ulfinni isaas lafaa fi samiiwwanii ol jira.
Bari su yabi sunan Ubangiji, gama sunansa ne kaɗai mafi ɗaukaka; darajarsa ta fi ƙarfin duniya da sammai.
14 Inni saba isaatiif gaanfa ol kaaseera; kunis qulqulloota isaa hundaaf, saba Israaʼel warra isatti dhiʼoo jiran hundaaf ulfina. Haalleluuyaa.
Ya tayar wa mutanensa ƙaho, yabon dukan tsarkakansa, na Isra’ila, mutanen da suke kurkusa da zuciyarsa. Yabi Ubangiji.

< Faarfannaa 148 >