< Keessa Deebii 14 >

1 Isin ijoollee Waaqayyo Waaqa keessanii ti. Nama duʼeef jettanii of hin murmurinaa yookaan rifeensa adda keessaniin oli jiru hin haaddatinaa;
Ninyi ni watoto wa Bwana Mungu wenu. Msijichanje ama kujinyoa upara kwenye paji la uso kwa ajili ya aliyekufa,
2 ati Waaqayyo Waaqa keetiif saba qulqulluudhaatii. Waaqayyo akka ati qabeenya isaa jaallatamaa taatuuf jedhee saboota lafa irra jiraatan hunda keessaa si filateera.
kwa maana ninyi ni taifa takatifu kwa Bwana Mungu wenu. Bwana amewachagua ninyi kuwa taifa la kipekee kutoka mataifa yote juu ya uso wa dunia, mwe tunu yake.
3 Ati waan jibbisiisaa tokko illee hin nyaatin.
Msile kitu chochote ambacho ni machukizo.
4 Horiin isin nyaachuu dandeessan kanneenii dha; sangaa, hoolaa, reʼee,
Hawa ndio wanyama mtakaokula: ngʼombe, kondoo, mbuzi,
5 gadamsa, kuruphee, borofa, reʼee diidaa, waaliyaa, saalaa fi hoolaa tulluu.
kulungu, paa, kongoni, paa mweupe, mbuzi-mwitu, pofu na kondoo wa mlimani.
6 Horii kotteen isaa baqaqee iddoo lamatti gargar qoodame kan halala guuru nyaachuu ni dandeessu.
Mnaweza kumla mnyama yeyote mwenye kwato zilizogawanyika mara mbili, pia yule anayecheua.
7 Garuu warra halala guuran yookaan warra kottee baqaqaa qaban keessaa gaala, illeettii, yookaan osolee hin nyaatinaa; isaan kunneen halala guuran iyyuu waan kotteen isaanii duudaa taʼeef isaan akka seeraatti isiniif qulqulluu miti.
Hata hivyo, miongoni mwa wale wanaocheua au wale walio na kwato zilizogawanyika kamwe msile ngamia, sungura na pelele. Iwapo wanacheua, lakini hawana kwato zilizogawanyika; ni najisi kwenu kwa taratibu za kiibada.
8 Booyyeenis qulqulluu miti; kotteen isaa baqaqaa taʼus booyyeen halala hin guuru. Isin foon isaanii hin nyaatinaa yookaan raqa isaanii hin tuqinaa.
Nguruwe pia ni najisi; ingawa ana kwato zilizogawanyika, hacheui. Msile nyama yake wala kugusa mzoga wake.
9 Uumamawwan bishaan keessa jiraatan hunda keessaa warra qoochoo fi qola qaban kam iyyuu nyaachuu dandeessu.
Katika viumbe hai vyote viishivyo kwenye maji, mnaweza kula yeyote aliye na mapezi na magamba.
10 Garuu warra qoochoo fi qola hin qabne kam iyyuu hin nyaatinaa; isaan isiniif qulqulluu miti.
Lakini chochote kisicho na mapezi na magamba msile; kwenu ni najisi.
11 Isin simbira qulqulluu kam iyyuu nyaachuu dandeessu.
Mnaweza kula ndege yeyote aliye safi.
12 Isaan kanneen garuu hin nyaatinaa; isaanis risaa, rumicha, rumicha gurraacha,
Lakini wafuatao msiwale: tai, furukombe, kipungu,
13 culullee, culullee gurraacha, culullee gosa garaa garaa,
kengewa mwekundu, kengewa mweusi, mwewe wa aina yoyote,
14 arraagessa gosa garaa garaa,
kunguru wa aina yoyote,
15 guchii, urunguu, allaattii bishaanii, coroffee gosa garaa garaa,
mbuni, kiruka-njia, dudumizi, kipanga wa aina yoyote,
16 urunguu xinnaa, urunguu guddaa, urunguu adii,
bundi, mumbi, bundi mkubwa,
17 urunguu gammoojjii, abbaa koddaa, urunguu guddaa,
mwari, nderi, mnandi,
18 huummoo, allaattii gosa kamii iyyuu, haadha gaayyeetii fi simbira halkanii ti.
korongo, koikoi wa aina yoyote, hudihudi na popo.
19 Ilbiisonni barrisan hundinuu isiniif qulqulluu miti; isaan hin nyaatinaa.
Wadudu wote warukao kwa makundi ni najisi kwenu, msiwale.
20 Uumamawwan qoochoo qaban kanneen qulqulluu taʼan kam iyyuu garuu nyaachuu dandeessu.
Lakini viumbe vyote vyenye mabawa vilivyo safi mwaweza kula.
21 Waan ofii isaatiin duʼe tokko illee hin nyaatin. Akka inni nyaatuuf alagaa magaalaa kee keessa jiraatuuf kenni yookaan nama ormaa tokkotti gurguradhu. Ati garuu saba Waaqayyo Waaqa keetiif qulqulleeffamtee dha. Ilmoo reʼee tokko aannan haadhaa isheetiin hin affeelin.
Msile kitu chochote mtakachokuta kimekufa. Mnaweza kumpa mgeni yeyote anayeishi katika mojawapo ya miji yenu, naye anaweza kula au mnaweza kumuuzia mtu wa nchi nyingine. Lakini ninyi ni watu watakatifu kwa Bwana Mungu wenu. Msitokose mwana-mbuzi katika maziwa ya mama yake.
22 Waan lafti qotiisaa kee waggaatti kennu hunda keessaa kudhan keessaa tokko kophaatti baasii kaaʼi.
Hakikisheni mmetenga sehemu ya kumi ya mazao yote ya mashamba yenu kila mwaka.
23 Akka Waaqayyo Waaqa kee sodaachuu barattuuf iddoo inni akka Maqaan isaa achi jiraatuuf filatutti midhaan kee, wayinii kee haaraa fi zayitii kee akkasumas hangafa loonii fi bushaayee kee fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti nyaadhu.
Mtakula zaka za nafaka yenu, divai mpya, mafuta na wazaliwa wa kwanza wa makundi yenu ya ngʼombe na ya kondoo na mbuzi mbele za Bwana Mungu wenu pale mahali atakapopachagua kama maskani kwa ajili ya Jina lake, ili kwamba mpate kujifunza kumheshimu Bwana Mungu wenu daima.
24 Garuu yoo iddoon sun akka malee fagaatee, atis Waaqayyo Waaqa keetiin eebbifamtee sababii iddoon Waaqayyo akka Maqaan isaa achi jiraatuuf filatu sun fagoo taʼeef kennaa kee kudhan keessaa tokko baachuu dadhabde,
Lakini ikiwa mahali pale ni mbali sana nanyi mmebarikiwa na Bwana Mungu wenu na hamwezi kubeba zaka yenu (kwa sababu mahali pale Bwana atakapopachagua kuliweka Jina lake ni mbali sana),
25 kennaa kee kan kudhan keessaa tokko sana meetiitti geeddariitii, meetii sana qabadhuutii iddoo Waaqayyo Waaqni kee filatu dhaqi.
basi badilisheni zaka yenu kuwa fedha, mkaichukue hiyo fedha mwende nayo mahali Bwana Mungu wenu atakapopachagua.
26 Meetii sanaanis waanuma feete jechuunis, loon, hoolota, daadhii wayinii yookaan dhugaatii jabaa, yookaan waan barbaadde kam iyyuu biti. Ergasii atii fi warri mana keetii fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti nyaadhaa gammadaa.
Tumieni hiyo fedha kununua chochote ukitakacho: ngʼombe, kondoo, divai au kinywaji chochote chenye chachu au chochote mnachotaka. Kisha ninyi na wa nyumbani mwenu mtaila mbele za Bwana Mungu wenu na kufurahi.
27 Lewwonni magaalaa kee keessa jiraatan qooda yookaan dhaala ofii isaanii waan hin qabneef ati isaan hin dagatin.
Msiache kuwajali Walawi waishio katika miji yenu, kwa kuwa hao hawana shamba wala urithi wao wenyewe.
28 Yeroo hunda dhuma waggaa sadaffaatti waan waggaa sana keessa galfatte kudhan keessaa tokko fuudhiitii magaalaawwan keessatti kuusi.
Mwishoni mwa kila mwaka wa tatu, leteni zaka zote za mazao ya miaka ile na uyahifadhi kwenye miji yenu,
29 Kunis akka Lewwonni qooda yookaan dhaala ofii isaanii hin qabne, alagoonni, ijoolleen abbaa hin qabnee fi niitonni dhirsoonni isaanii irraa duʼan warri magaalaawwan keessa jiraatan nyaatanii quufanii fi akka Waaqayyo Waaqni kee hojii harka keetii hundaan si eebbisuuf.
ili Walawi (ambao hawana mashamba wala urithi wao wenyewe) na wageni, yatima na wajane wanaoishi kwenye miji yenu wapate kuja kula na kushiba, ili Bwana Mungu wenu apate kuwabariki ninyi katika kazi zote za mikono yenu.

< Keessa Deebii 14 >