< Lakkoobsa 1 >

1 Erga sabni Israaʼel biyya Gibxiitii baʼee booddee waggaa lammaffaa keessaa, guyyaa jalqaba jiʼa lammaffaatti Waaqayyo dunkaana wal gaʼii keessatti, Gammoojjii Siinaa keessatti Museetti dubbate. Innis akkana jedheen;
Bwana alisema na Mose katika Jangwa la Sinai, katika Hema la Kukutania, siku ya kwanza ya mwezi wa pili, katika mwaka wa pili baada ya Waisraeli kutoka nchi ya Misri. Akamwambia,
2 “Waldaa saba Israaʼel hunda lakkaaʼaatii balbala balbalaanii fi maatii maatiidhaan maqaa dhiirotaa tokko tokkoon barreessaa.
“Hesabu watu wa jumuiya yote ya Waisraeli kwa kufuata koo zao na jamaa zao, ukiorodhesha kila mwanaume kwa jina lake, mmoja mmoja.
3 Namoota Israaʼel keessaa dhiirota umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hunda atii fi Aroon kutaa kutaa isaaniitiin lakkaaʼaa.
Wewe na Aroni mtawahesabu kwa migawanyo yao wanaume wote katika Israeli wenye miaka ishirini na kuendelea ambao wanaweza kutumika katika jeshi.
4 Tokkoo tokkoo gosaa keessaa namni hangafa maatii ofii isaa taʼe isin gargaaruu qaba.
Mwanaume mmoja kutoka kila kabila, kila aliye kiongozi wa jamaa yake, atawasaidia.
5 “Maqaan namoota isin gargaaruu qabanii kanneenii dha: “Gosa Ruubeen keessaa Eliizuur ilma Shedeeʼuur;
Haya ndiyo majina ya wanaume watakaowasaidia: “kutoka Reubeni, ni Elisuri mwana wa Shedeuri;
6 gosa Simiʼoon keessaa Shilumiiʼeel ilma Zuriishadaayi;
kutoka Simeoni, ni Shelumieli mwana wa Surishadai;
7 gosa Yihuudaa keessaa Nahishoon ilma Amiinaadaab;
kutoka Yuda, ni Nashoni mwana wa Aminadabu;
8 gosa Yisaakor keessaa Naatnaaʼel ilma Zuuwaar;
kutoka Isakari, ni Nethaneli mwana wa Suari;
9 gosa Zebuuloon keessaa Eliiyaab ilma Heeloon;
kutoka Zabuloni, ni Eliabu mwana wa Heloni;
10 ilmaan Yoosef keessaa: gosa Efreem keessaa Eliishaamaa ilma Amiihuud; gosa Minaasee keessaa Gamaaliʼeel ilma Phedaasuur;
kutoka wana wa Yosefu: kutoka Efraimu, ni Elishama mwana wa Amihudi; kutoka Manase, ni Gamalieli mwana wa Pedasuri;
11 gosa Beniyaam keessaa Abiidaan ilma Gaadeyoon,
kutoka Benyamini, ni Abidani mwana wa Gideoni;
12 gosa Daan keessaa Ahiiʼezer ilma Amiishadaay;
kutoka Dani, ni Ahiezeri mwana wa Amishadai;
13 gosa Aasheer keessaa Fagiʼeel ilma Okraan;
kutoka Asheri, ni Pagieli mwana wa Okrani;
14 gosa Gaad keessaa Eliyaasaaf ilma Deʼuuʼeel;
kutoka Gadi, ni Eliasafu mwana wa Deueli;
15 gosa Niftaalem keessaa Ahiiraa ilma Eenaan.”
kutoka Naftali, ni Ahira mwana wa Enani.”
16 Namoonni kunneen warra dura buʼoota gosoota abbootii isaanii taʼanii waldaa sana keessaa filatamanii dha. Isaanis hangafoota balbalawwan Israaʼel turan.
Hawa walikuwa wanaume walioteuliwa kutoka jumuiya, viongozi wa makabila ya baba zao. Walikuwa wakuu wa koo za Israeli.
17 Musee fi Aroon namoota maqaan isaanii eerame kanneen fudhatanii,
Mose na Aroni wakawachukua wanaume hao waliokuwa wamepewa majina yao,
18 guyyaa jalqaba jiʼa lammaffaatti waldaa hunda walitti waaman. Namoonni sunis akkuma balbalaa fi maatii isaaniitti hidda dhaloota isaanii himatan; dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame;
wakaita jumuiya yote pamoja katika siku ya kwanza ya mwezi wa pili. Watu wakaonyesha nasaba zao kwa koo zao na jamaa zao, nao wanaume waliokuwa na miaka ishirini au zaidi waliorodheshwa kwa majina, mmoja mmoja,
19 innis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti Gammoojjii Siinaa keessatti saba sana lakkaaʼe.
kama Bwana alivyomwagiza Mose. Hivyo aliwahesabu katika Jangwa la Sinai:
20 Sanyii Ruubeen ilma Israaʼel hangaftichaa keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti tokko tokkoon maqaa maqaadhaan barreeffaman.
Kutoka wazao wa Reubeni, mzaliwa wa kwanza wa kiume wa Israeli: Wanaume wote waliokuwa na miaka ishirini au zaidi ambao waliweza kutumika katika jeshi waliorodheshwa kwa majina, mmoja mmoja, kufuatana na kumbukumbu za koo zao na jamaa zao.
21 Baayʼinni gosa Ruubeen nama 46,500 ture.
Idadi kutoka kabila la Reubeni ilikuwa watu 46,500.
22 Sanyii Simiʼoon keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti tokko tokkoon maqaa maqaadhaan barreeffaman.
Kutoka wazao wa Simeoni: Wanaume wote waliokuwa na miaka ishirini au zaidi ambao waliweza kutumika katika jeshi walihesabiwa na kuorodheshwa kwa majina, mmoja mmoja, kufuatana na kumbukumbu za koo zao na jamaa zao.
23 Baayʼinni gosa Simiʼoon nama 59,300 ture.
Idadi kutoka kabila la Simeoni walikuwa watu 59,300.
24 Sanyii Gaad keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
Kutoka wazao wa Gadi: Wanaume wote waliokuwa na miaka ishirini au zaidi ambao waliweza kutumika katika jeshi waliorodheshwa kwa majina, kufuatana na kumbukumbu za koo zao na jamaa zao.
25 Baayʼinni gosa Gaad nama 45,650 ture.
Idadi kutoka kabila la Gadi walikuwa watu 45,650.
26 Sanyii Yihuudaa keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
Kutoka wazao wa Yuda: Wanaume wote waliokuwa na miaka ishirini au zaidi ambao waliweza kutumika katika jeshi waliorodheshwa kwa majina, kufuatana na kumbukumbu za koo zao na jamaa zao.
27 Baayʼinni gosa Yihuudaa nama 74,600 ture.
Idadi kutoka kabila la Yuda walikuwa watu 74,600.
28 Sanyii Yisaakor keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
Kutoka wazao wa Isakari: Wanaume wote waliokuwa na miaka ishirini au zaidi ambao waliweza kutumika katika jeshi waliorodheshwa kwa majina, kufuatana na kumbukumbu za koo zao na jamaa zao.
29 Baayʼinni gosa Yisaakor nama 54,400 ture.
Idadi kutoka kabila la Isakari walikuwa watu 54,400.
30 Sanyii Zebuuloon keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmeewwan balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
Kutoka wazao wa Zabuloni: Wanaume wote waliokuwa na miaka ishirini au zaidi ambao waliweza kutumika katika jeshi waliorodheshwa kwa majina, kufuatana na kumbukumbu za koo zao na jamaa zao.
31 Baayʼinni gosa Zebuuloon nama 57,400 ture.
Idadi kutoka kabila la Zabuloni walikuwa watu 57,400.
32 Ilmaan Yoosef keessaa: Sanyii Efreem keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
Kutoka wana wa Yosefu: Kutoka wazao wa Efraimu: Wanaume wote waliokuwa na miaka ishirini au zaidi ambao waliweza kutumika katika jeshi waliorodheshwa kwa majina, kufuatana na kumbukumbu za koo zao na jamaa zao.
33 Baayʼinni gosa Efreem nama 40,500 ture.
Idadi kutoka kabila la Efraimu walikuwa watu 40,500.
34 Sanyii Minaasee keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
Kutoka wazao wa Manase: Wanaume wote waliokuwa na miaka ishirini au zaidi ambao waliweza kutumika katika jeshi waliorodheshwa kwa majina, kufuatana na kumbukumbu za koo zao na jamaa zao.
35 Baayʼinni gosa Minaasee nama 32,200 ture.
Idadi kutoka kabila la Manase walikuwa watu 32,200.
36 Sanyii Beniyaam keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
Kutoka wazao wa Benyamini: Wanaume wote waliokuwa na miaka ishirini au zaidi ambao waliweza kutumika katika jeshi waliorodheshwa kwa majina, kufuatana na kumbukumbu za koo zao na jamaa zao.
37 Baayʼinni gosa Beniyaam nama 35,400 ture.
Idadi kutoka kabila la Benyamini walikuwa watu 35,400.
38 Sanyii Daan keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
Kutoka wazao wa Dani: Wanaume wote waliokuwa na miaka ishirini au zaidi ambao waliweza kutumika katika jeshi waliorodheshwa kwa majina, kufuatana na kumbukumbu za koo zao na jamaa zao.
39 Baayʼinni gosa Daan nama 62,700 ture.
Idadi kutoka kabila la Dani walikuwa watu 62,700.
40 Sanyii Aasheer keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
Kutoka wazao wa Asheri: Wanaume wote waliokuwa na miaka ishirini au zaidi ambao waliweza kutumika katika jeshi waliorodheshwa kwa majina, kufuatana na kumbukumbu za koo zao na jamaa zao.
41 Baayʼinni gosa Aasheer nama 41,500 ture.
Idadi kutoka kabila la Asheri walikuwa watu 41,500.
42 Sanyii Niftaalem keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaanitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
Kutoka wazao wa Naftali: Wanaume wote waliokuwa na miaka ishirini au zaidi ambao waliweza kutumika katika jeshi waliorodheshwa kwa majina, kufuatana na kumbukumbu za koo zao na jamaa zao.
43 Baayʼinni gosa Niftaalem nama 53,400 ture.
Idadi kutoka kabila la Naftali walikuwa watu 53,400.
44 Dhiironni kunneen warra Musee fi Aroon hangafoota Israaʼel kudha lamaaniin lakkaaʼaman turan; hangafoonni kunneenis tokkoon tokkoon isaanii iddoo buʼoota maatii isaanii turan.
Hawa walikuwa wanaume waliohesabiwa na Mose, Aroni na viongozi kumi na wawili wa Israeli, kila mmoja akiwakilisha jamaa yake.
45 Israaʼeloonni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen Israaʼel keessatti lolaaf baʼuu dandaʼan hundinuu akkuma maatii isaaniitti lakkaaʼaman.
Wanaume wote Waisraeli waliokuwa na miaka ishirini au zaidi ambao waliweza kutumika katika jeshi la Israeli walihesabiwa kufuatana na jamaa zao.
46 Walumaa galatti baayʼinni namaa 603,550 ture.
Jumla ya hesabu yao ilikuwa watu 603,550.
47 Lewwonni garuu akka gosa abbootii isaaniitti warra kaan wajjin hin lakkaaʼamne.
Hata hivyo, jamaa ya kabila la Lawi hawakuhesabiwa pamoja na wengine.
48 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhee ture:
Bwana alikuwa amemwambia Mose:
49 “Ati gosa Lewwii hin lakkaaʼin yookaan lakkoobsa saba Israaʼeloota kaaniitti hin dabalin.
“Kamwe usihesabu kabila la Lawi wala kuwaweka pamoja katika hesabu ya Waisraeli wengine.
50 Qooda kanaa akka Lewwonni itti gaafatamtoota dunkaana dhuga baʼumsaa, miʼa isaa hundaa fi waan inni qabu hundaa taʼaniif isaan muudi. Isaanis dunkaana qulqulluu fi miʼa isaa hunda haa baatan; dunkaanicha haa tajaajilan; naannoo isaas haa qubatan.
Badala yake, waweke Walawi kuwa viongozi wa Maskani ya Ushuhuda, juu ya samani zake na kila kitu kilichomo ndani yake. Wao watabeba Maskani na samani zake zote; wataitunza na kupiga kambi kuizunguka.
51 Yeroo dunkaanni qulqulluun deemuu qabutti Lewwonni dunkaana sana haa buqqisan; yeroo dunkaanichi dhaabamus Lewwonni haa dhaaban. Namni dunkaanichatti dhiʼaatu biraa haa ajjeefamu.
Wakati wowote Maskani inapohamishwa, Walawi wataifungua, na wakati wowote maskani inapotakiwa kusimamishwa, Walawi watafanya kazi hiyo. Mtu yeyote mwingine ambaye atasogea karibu nayo atauawa.
52 Israaʼeloonnis tokkoon tokkoon namaa qubata isaa keessaa fi faajjii isaa jalatti kutaa kutaadhaan dunkaana isaanii haa dhaabbatan.
Waisraeli watapiga mahema yao kwa makundi makundi, kila mwanaume katika kambi yake mwenyewe chini ya bendera yake.
53 Taʼus Lewwonni akka dheekkamsi Waaqayyoo waldaa Israaʼelitti gad hin buuneef dunkaanota isaanii naannoo dunkaana dhuga baʼumsaa haa dhadhaabatan. Lewwonni eegumsa dunkaana dhuga baʼumsaatti itti gaafatamtoota taʼuu qabu.”
Hata hivyo, Walawi watapiga mahema yao kuzunguka Maskani ya Ushuhuda ili ghadhabu isiipate jumuiya ya Waisraeli. Walawi watawajibika kwa utunzaji wa Maskani ya Ushuhuda.”
54 Israaʼeloonni akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti waan kana hunda hojjetan.
Waisraeli walifanya yote haya sawasawa kama Bwana alivyomwamuru Mose.

< Lakkoobsa 1 >