< 2 Seenaa 4 >
1 Iddoo aarsaa kan naasii irraa hojjetamee dheerinni isaa dhundhuma digdama, balʼinni isaa dhundhuma digdama, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma kudhan taʼe ni tolche.
ソロモンまた銅の壇を作れりその長二十キユビト濶二十キユビトその高十キユビト
2 Innis sibiila baqfame irraa Gaanii geengoo afaan isaa qarqara tokkoo hamma qarqara kaaniitti dhundhuma kudhan balʼatee dhundhuma shan ol dheeratu tolche; naannoon isaas funyoodhaan safaramee dhundhuma soddoma taʼe.
また海を鋳造れり此邊より彼邊まで十キユビトにしてその周圍は圓くその高は五キユビトその周圍には三十キユビトの繩をめぐらすべし
3 Hidhii isaa jalaanis dhundhuma tokko tokko irratti fakkii korommii kudhan kudhanitu naanneffamee ture. Korommiin sunis tarree lamaan Gaanii sana wajjin walumatti baqfamanii hojjetaman.
その下には牛の像ありてその周圍を繞る即ち一キユビトに十宛ありて海の周圍を繞れり此牛は二行にして海を鋳る時に鋳付たるなり
4 Gaanichis korommii kudha lama kanneen isaan keessaa sadii gara kaabaatti, sadii gara dhiʼaatti, sadii gara kibbaatti, sadii immoo gara baʼaatti garagalan irra dhaabate. Gaaniin sun dugda isaanii irra dhaabatee eegeen hunda isaanii gara walakkaatti garagalee ture.
その海は十二の牛の上に立りその三は北にむかひ三は西にむかひ三は南にむかひ三は東にむかふ海はその上にありて牛の後はみな内にむかふ
5 Gaaniin sun hamma barruu harkaa yabbata ture; hidhiin isaas akkuma hidhii kubbaayyaa yookaan daraaraa hadaa fakkaata ture. Innis baadoosii kuma sadii qabata ture.
その厚は手寛その邊は百合花形にして杯の邊の如くに作れり是は三千バテを受容る
6 Innis caabii dhiqannaa kudhan tolchee shan gama kibbaatiin, shan immoo gama kaabaatiin ni kaaʼe. Miʼoonni aarsaa gubamuuf fayyadanis caabiiwwan kanneen keessatti miiccamu ture; Gaanicha garuu lubootatu dhiqannaadhaaf itti fayyadama ture.
彼また洗盤十箇を作りて五箇を右に五箇を左に置たり是はものを洗ふ所にして燔祭の品をその中にて灌ぐ海は祭司が其身を洗ふ處なり
7 Innis akkuma seerri ajajutti baattuuwwan ibsaa kanneen warqee irraa hojjetaman kudhan tolchee shan karaa kibbaatiin, shan immoo karaa kaabaatiin mana qulqullummaa keessa ni kaaʼe.
また金の燈臺十をその例規に從ひて作り拝殿の中に五を右に五を左に置き
8 Minjaala kudhan hojjetee shan karaa kibbaatiin, shan immoo karaa kaabaatiin mana qulqullummaa keessa ni kaaʼe. Akkasumas waciitii warqee kan ittiin dhiiga facaasan dhibba tokko ni tolche.
また案十を作りて拝殿の中に五を右に五を左に据ゆ又金の鉢一百を作れり
9 Innis oobdii lubootaa, oobdii guddichaa fi cufaawwan oobdii ni hojjete; cufaawwan sanas naasii itti uffise.
彼また祭司の庭と大庭および庭の戸を作り銅をもてその扉を覆ふ
10 Gaanichas karaa kibbaatiin golee kibba baʼaa keessa ni kaaʼe.
海は東のかた右の方に置て南に向はしむ
11 Huuraam okkoteewwan, waan daaraan ittiin hammaaramuu fi caabiiwwan ittiin dhiiga facaasanis ni tolche. Huuraamis akkasiin hojii mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti Solomoon Mootichaaf hojjechaa ture fixe; hojiin kunis:
ヒラムまた鍋と火鏟と鉢とを作れり/斯ヒラムはソロモン王のためになせる神の家の諸の工事を終たり
12 Utubaawwan lamaan; guutuuwwan waciitii fakkaatan kanneen fiixee utubaawwanii irra jiran lamaan; wantoota akka gingilchaa wal keessa loofaman lamaan guutuuwwan waciitii fakkaatanii fiixee utubaawwanii irra jiran sana lamaan miidhagsan;
即ち二の柱と毬とその二の柱の頂の頭およびその柱の頂なる頭の二の毬を包む二の網工
13 wantoota akka gingilchaa wal keessa loofaman lamaan sanaafis roomaanota dhibba afur, tokkoo tokkoo wantoota sanaatiif roomaanota tarree lamaa waciitiiwwan lamaan guutuuwwanii kanneen fiixee utubaawwanii irraa sana ni miidhagsan;
ならびに其ふたつの網工の上にほどこす石榴四百この石榴は各々の網工の上に二行づつありて柱の頂なる頭の二の毬を包む
14 baattuuwwan caabii isaanii wajjin;
また臺を作り臺の上の洗盤を作れり
15 gaanichii fi korommiin loonii kudha lamaan isa jalaan jiru;
また一の海とその下なる十二の牛
16 okkotee, waan ittiin daaraa hammaaran, qabduu fooniitii fi miʼoota akkanaa hunda. Miʼi Huuraam-Abiin mana qulqullummaa Waaqayyootiif jedhee Solomoon Mootichaaf hojjete hundinuu naasii cululuqfame irraa hojjetame.
および鍋火鏟肉叉などヱホバの家の諸の器具を達人ヒラム ソロモン王の爲に作りたり是みな磨銅なり
17 Mootichis miʼoota kanneen dirree Yordaanositti iddoo suphee kan Sukootii fi Zaaretaan gidduu jirutti baqsiisee hojjechiise.
王ヨルダンの窪地に於てスコテとゼレダタの間の黏土の地にて是等を鋳させたり
18 Solomoonis miʼoota kanneen hunda baayʼinaan hojjechiise; ulfinni naasiis hammam akka taʼe hin beekamne.
是のごとくソロモン是らの諸の器皿を甚だ多く造りたればその銅の重は測られざりき
19 Akkasumas Solomoon miʼoota mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa jiran hunda ni hojjechiise; isaanis: iddoo aarsaa kan warqee irraa hojjetame; minjaala buddeenni Ilaalchaa irra ture;
ソロモン神の家の一切の器皿を造れり即ち金の壇供前のパンを載る案
20 baattuuwwan ibsaa kanneen warqee qulqulluu irraa hojjetamanii fi ibsaawwan isaanii; ibsaawwan kunneenis akka akkuma seeraatti fuula iddoo qulqulluu duratti ibsaniif tolfaman;
また定規のごとく神殿の前にて火をともすべき純金の燈臺およびその燈盞
21 daraarawwan, ibsaawwanii fi qabduuwwan warqee qulqulluu irraa hojjetaman;
その花その燈盞その燈鉗是等は金の純精なる者なり
22 waan ittiin ibsaa irraa daaraa dhadhaʼan, waciitiiwwan ittiin dhiiga facaasan, caabiiwwanii fi qodaa ixaanaa warqee qulqulluu irraa hojjetaman; akkasumas cufaawwan mana qulqullummaa cufaawwan gara keessaa kanneen Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluutii fi cufaawwan galma guddichaa kanneen warqee irraa hojjetaman.
また剪刀鉢匙火盤是等も純金なり又家の内の戸すなはち至聖所の戸および拝殿の戸の肘鈕是も金なり